Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Deevid Saatarfiild har'a Finfinnee akka seenan ibsame

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Deevid Saatarfiildi fi Itti-aanaan isaanii Paayitan Nofaa har'a Finfinnee akka seenan Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

TurtiiItoophiyaa keessatti taasisaniin aanga'oota Itoophiyaafi bakka bu'oota dhaabbilee namoomaa akkasumas dippiloomaatota waliin ni mari'atu jedhameera.

Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kanatti, imalli qondaala US qaamuuma yaalii Ameerikaan Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsi akka dhaabbatu taasistudha.

Dabalataan, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa hin daangofne akka jiraatu, sarbami mirga namoomaa raawwatan jedhaman akka qoratamaniifi walitti bu'insi karaa mariitiin furmaata akka argatuuf taasisaa jirtuuti jedhe.

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa biyyattii kan turan Jeefirii Feeltimaaniin bakka kan bu'an Ambaasaaddar Deevid Saatarfiildi yeroo gara Itoophiyaa imalan kun yeroo jalqabaa miti.

Ambaasaaddarichi Bitootessa 21 fi 22 gara Finfinnee imaluun, Ministira Dhimma Alaa fi Ittaanaa Ministira Muummee Itoophiyaa Dammaqaa Mokonniin dabalatee Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa Oluuseguun Obaasanjoo waliin mari'achunsaanii ni yaadatama.

Ambaasaaddar Saatarfiildi dowwannaa isaanii baatii darbe Itoophiyaatti guyyaa lamaaf taasisaniin booda madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, ammaan tanattis xiiyyeeffanaan bulchiinsa Joo Baayidan Naannoo Tigraay kan sababii waraanaatiin miidhameef deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu ta'u himan.

Wayita Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Mokonniin waliin wal arganiitti, ministirichi mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa addaan hin cinne gara Naannoo Tigraay akka seenuuf qophii ta'u dubbachuusaanii waajjirri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksisuun ni yaadatama.

Haa ta'u malee, konkolaataawwan deeggarsa nyaataafi dhiyeessiiwwan biraa fe'an 22 dhuma baatii Bitootessaafi jalqaba Elba, 2022 naannoo Tigraay galuusaanii Dhaabbanni UN WFP'n beeksiseen alatti, dhiyeessiin deeggarsaa dhaabbachuutu himama.

Mootummaan dhorkaan ka'ame hin jiru jedhe, dhaabbileen gargaarsaa immoo wabii nageenyaa Naannoo Affaar irraa akka eegaa jiran himan.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaas namoota Naannoo Tigraay keessatti deeggarsi namoomaa barbaachisuuf akka qaqqabuuf walitti bu'iinsa namoomaa taasisuuf murtesseera jechuun kan beeksisees dowwannaadhuma Amabaasaaddar Deeviid sana hordofee ture.

Doowwannaa isaanii ammaanis aanga'oota mootummaa Itoophiyaa, bakka bu'oota Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomanii akkasumas qindeessitoota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin akka wal argan ibsi waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa kun ni ibsa.