Hoogganaan Tigraay marii ifaa Keeniyaatti gaggeeffamuuf qophii ta'uu ibsan

Dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta'uu xalayaa banaa dhaabbilee idila addunyaaf erganiin beeksisan.

Dabratsiyoon kana kan dubbatan mariin dhoksaan mootummaa Itoophiyaa fi hooggantoota Tigraay gidduutti Aruushaa, Taanzaaniyaatti adeemaa jira gabaasni jedhu yeroo dhagahamettidha.

Hoogganaan Tigraay Dabrastiyoon ''qajeeltoowwan keenya faayidaaf booddeetti jennee dhoksaan waliigaltee raawwachuuf qophii miti'' jedhan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi kibxata gaaffilee miseensota Paarlaamaarraa dhiyaateef deebii yoo kennan ''dhoksinee mariin gaggeessine tasayyuu hin jiraatu,'' jedhan.

''Dhimma marii nagaa ilaalchisee koreen dhimma kana hordofu hundaa'ee waan jiruuf wayita koreen waan irra ga'e dhiyeessu uummataaf ibsina.''

Xalayaan Banaa hoogganaan Tigraay barreessan Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa, miseensota Mana Maree Nageenyaa, ergamoota addaa Gaanfaa Afrikaa fi Amerikaa ni eera.

Guyyoota dura barruun Firaans LeMonde jedhamu hoogganootni Tigraayifi mootummaa Federaalaa Aruushaatti mariyachuuf akka jiraniifi hooggantootni Tigraay gaaffii Lixa Tigraay irraa qaban kaasuu hoogganaa Finfinnee jirurraa dhagahuu gabaasee ture.

Dubbii himaan TPLF Getaachew Raddaa yaadni gaaffii Lixa Tigraay dhuunfachuu dhiifameera jedhu gonkumaa sirrii aka hin taane ibsanii turan.

Dabratsiyoon xalayaa isaanii kana keessatti ''nageenyi akka bu'u qophaa'ummaan qabnu qajeeltoo keenya dabarsinee laachuuf dadhaboo akka taanetti hubatamuu hin qabu,'' jedhan.

Gamtaan Afrikaa waraana kana dhaabsisuu irratti gahee fi gaafatama irraa eegamu hin baane jechuunis komataniiru.

Mootummaan Taanzaaniyaafi pireezidantiin biyyattii Saamiyaa Suluuhii nageenya akka bu'uuf tumsa godhanirraa abdii qabaachuu kan himan Dabrastiyon, Naayiroobiitti wal-arguuf beellama qabameen bakka buutota isaanii erguuf qophii ta'uu ibsaniiru.

''Pireezidantii Keeniyaatiin marii amma dura eegale irratti Naayiroobiitti wal-arguuf waliigaltee godhame cimsinee eegna.''

Jaarsummaan mootummaa Keeniyaa eegalame itti fufaa, hunda hammataa, walabaa fi haqa qabeessa kan jedhan Dabratsiyoon, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi Yunaayitiid Arab Eemireets qooda keessaa akka qaban himan.

''Bu'uuruma kanaan jila olaanaa marii mootummaan Keeniyaa qopheesse kanarratti hirmaatu... erguuf qophiidha'' jedhan.

Adeemsa marii araaraa Itoophiyaaf jecha gaanfa Afrikaatti bakka bu'anii hojjechaa kan jiran Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo, ''mariin nagaa buusuu mootummaa Federaalaafi TPLF jidduutti taasifamaa jiru ''baayyee suuta garuu qajeelee deemaa jira,'' jedhanii turan.

Aab Obaasaanjoon turtii BBC Focus on Africa waliin taasisaniin, haalli gama nagaa buusuutiin har'a irratti argaman kan baatiiwwan jahan duraa irraa adda ta'uu kaasan.