Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimmi siyaasa 'Taranyaa' jedhu qumaara siyaasaati malee waan qabatamaa miti - MM Abiy
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii idilee 13ffaa waggaa 1ffaa kan paarlaamaa 6ffaa har'a, Waxabajjii 14, 2022 gaggeesseera.
Yaa'ii kanarratti miseensonni paarlaamaa dhimmoota nageenyaa, diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi dippiloomaasiirratti gaaffii kaasaniif Ministirri Muummee Abiy Ahmad deebii kennaniiru.
Gaaffilee miseensonni kaasan keessaa tokko qaala'iinsi jireenyaa biyyattii keessatti goolama fidaa jiru maaliif to'atamuu dhabe kan jedhuudha.
Mootummaan daldaltootarratti tarkaanfii fudhachuu yeroo garaagaraatti ibsus garuu furmaanni waaraa hin argamne.
Inumaa rakkoo guddaan qaamolee raawwachiistuu bira jira malee daldaltoota bira miti jechuun yaada kan kaasan miseensonni paarlaamaa mootummaan kanarratti akkamiin itti deema kan jedhu gaafataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad gaaffileen kunneen gaafachuu qofaan osoo hin taane hojjechuudhaan deebi'u jechuun miseensota paarlaamaarras dirqamni jiraachuu ibsan.
Qaala'iinsa jireenyaa to'achuuf mootummaan oomishaalee biyya keessaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira kan jedhan Ministirri Muummee Abiy kanaafis mootummaan isaanii qabeenya dilbii biyyattii hunda duguuganii fayyadmuun fedhiin biyya keessaa guutamuurra darbee alergiitti ce'uuf hojjetaa jiraachuu himan.
''Itoophiyaan carraa fi qabeenya hedduu osoo qabduu qaala’iinsi jireenyaa eessaa dhufe kan jedhu ilaaluu nu barbaachisa. Akka sababaatti waraana nu mudate, bulchiinsa maallaqaa fi haala addunyaa ilaaluun barbaachisaadha. Wanti guddaan qaala’iinsi jiraachuu qofa odeessuu osoo hin taane maal gochuu qabna kan jedhu mala dhawuudha,'' jedhan.
''Itoophiyaa keessatti ibsaan, bishaan, boba’aan ni doggomama. Kana booda garuu boba’aan kan doggomamu geejjiba uummataa kanneen qaban qofaaf.''
Jijjiiramni isaan qabatanii ka'an karaarraa maqeeraa yookiin fashalaa'eera moo akkuma yaadametti milkaa'aa jira jedhamuun kan gaafataman MM Abiy, yaadni jijjiiramarraa madde dhaabbilee mootummaa fi uummata keessatti bu'uura jabaa kaa'aa jira jechuun deebisan.
Gaaffii waa'ee jijjiiramaa gaafatamaniif wayita deebii kennan haala qabatamaa biyyii fi addunyaan keessa jiran hubachiisuun eegalan MM Abiy.
''Weerarri koronaavaayirasii, balaan uumamaa fi namtolchee, waraanni biyya keessaa fi dhiibbaan alaa akkasumas waraanni Yukireen jijjiirama karoorfanne qoreera. Akkasumas ammoo humna akka godhannuuf carraa nuuf baneera,'' jedhan.
Haala waliigalaan Itoophiyaan diigamte osoo hin taane bu'uura badhaadhinaashee kaawwataa jirti kan jedhan MM Abiy, Itoophiyaa keessatti kaansariin jijjiirama quucarsaa jiru hattummaadha jedhan.
''Hanni gola nama hundaa seenee jira. Barattoota, dhaabbilee amantii, kanneen yeroosaanii miidiyaa hawaasummaarratti guban. Keessattuu maneen amantii bakka hannaa- namoonni amantii jiruu hordoftoota qabsiisuun qumaara taphatamn ta’eera. Bakka safuu fi adabi itti bade ta’eera,'' jchuun waa'ee manneen amantiirratti yaada kennan..
''Manneen amantii kan isaan lafa tola fudhataniif seerri akkas jedhee ajajiu waan jiruuf miti. Biyya biraatti bakka waaqeffannaa bitatanii itti fayyadamu. Keenya garuu ga’eesaanii gumaachuu, haala biyyi keenya keessa jirtu tasgabbeessuu keessatti ga’ee ba’atu jenneeti. Garuu isaan faallaa kana.’’
Akka Ministirri Muummee Abiy jedhanitti jijjiiramni Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyoo as mul'ataa jiru kan amanuufillee nama dhibuudha.
''Ana dabalatee jijjiirama amanuufillee nama rakkisutu argamaa jira,'' kan jedhan MM Abiy, dameewwan jijjiiramni gurguddaan irratti argame keessaa ijaarsa daandiiwwanii, misooma qonnaa, daandii qilleensarraa fi buufata xiyyaaraa, oomisha shukkaaraa, misooma indastiiriiwwanii fi humna nageenyaa ammayyeessuu eeran.
"Siyaasa Dabaree [Taranyaa] kan jedhu qumaara siyaasaaf taphatamuudha"
Dhimma akka ijootti ka’ee ministirri muummee yaada iratti kaasan keessaa tokko ‘’siyaasa dabaree/taranyaa’’ kan jedhamuudha.
Dhimmi kun erga dhagahamuu eegalamee bubbuluu kan himan Mm Abiy, haala kanaan deemuun biyyaaf baalaadha jedhan.
‘’Waa’een abbaa dabarummaa erga ka’uu eegalee bubbuleera. Kun biyya akka iqqubiitti ilaaluudha. Kun qumaara siyaasaati. Namoonni dantaa siyaasaaf kan dhimma itti ba’aniidha,’’ jechuun dubbatan.
Komii namoonni kaasan kanaaf jaarmiyaalee siivil sarvisiin qorachiisneerra, kanarraa ka’uun wanti odeeffamu akkaqabatamaan lafarra hin jirre adda baasneerra.’’
Ministiroota jiran hunda keessa bakki Oromoon itti baayy’ate hin jiru kan jedhan MM Abiy inumaa ‘’Oromoon bakkasaaf ga’uyyuu hin arganne,’’ jechuun komiin ka’e dhara irraa kan madde ta’uu ibsan..
Dhimmi kun lammata ajandaa akka hin taaneef biyyaafis jeequmsa akka hin taaneef paarlaamaan kun seera baasuu qaba jedhan MM Abiy.
‘’Calistanii gaafachuu qofa miti. Seera baasaa, bakka bu’iinsi seerarratti hundaa’e haa jiraatu,’’ jechuun miseensota paarlaamaatti himan.
Dhimmi biraan MM Abiy irratti xiyyeeffachuun dubbatan waa’ee dhimma Afaan Oromoo fi magaalaa Finfinneeti.
Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa keessatti Afaan Oromoon faarfatame jedhamee ijoo dubbii ta’ee ture.
‘’Namoota Oromoo jibban garuu Itoophiyaa keessa jiraatantu kana godhe. Finfinnee keessa afaanonni biyya alaayyuu jiru, garuu Afaan Oromoo sadarkaa kanatti jibbuun dabadha,’’ jedhan MM Abiy.
‘’Furmaati jiru sabaanis amantiinis duudhaa qabnu hundaanuuu waliin jiraachuudha malee akka waan huqqubii ta’ee dabareedhaan yaaduun sirrii miti.’’
''TPLF kaasnee wanti dubbanne hin jiru''
Gaaffilee miseensonni kaasan keessaa tokko waa'ee marii TPLF waliin godhamuu fi gareen kun ammas waraana biraaf humna cimsataa jira kan jedhuudha.
MM Abiy kanarratti wayita yaada kennan mariin dhoksaatti otoo uummanni hin beekin gaggeeffamu tokkollee hin jiru jedhan.
Waraana kana duras feenee itti hin seenne kan jedhan MM Abiy, ''ammas nagaa barbaanna, injifannoo waraanaan arganne ammoo nageenyaan deebisnee mul'isuu feena,'' jechuun ejjennoosaanii ibsan.
''Miira keenya to'achuun gara nagaatti seenuu qabna. TPLF qofa osoo hin taane qaama nagaa barbaadu kamuu waliin ni mari'anna,'' jedhan.
Tibbana wayita daawwannaaf biyya alaa turanitti dhimma TPLF mari'ataniiru jedhamee kan odeeffamaa ture soba ta'uu ibsan MM Abiy.
''Wayitan Naayijeeriyaa ture sekondii tokkoofillee wa'ee TPLF namni kaase hin jiru.''
''Dhimma marii nagaa ilaalchisee koreen dhimma kana hordofu hundaa'ee waan jiruuf wayita koreen waan irra ga'e dhiyeessu uummataaf ibsina. Itoophiyaan maal feeti? Yoo maaltu sirrate/guutame mariitti seenna? kan jedhu wayita adda ba'ee xumuramu ni ibsina. Dhoksinee mariin gaggeessine tasayyuu hin jiraatu,'' jedhan MM Abiy.
Nageenya mirkaneessuurraa adda durummaan kan fayyadamu naanoo Tigraay kan jedhan MM Abiy, TPLF kana hubatee nageenyaaf kutannoosaa agarsiisuu qabas jedhan.
TPLF waraanaaf humna cimsataa waan jiruuf mootummaan federaalaa qophii akkamii qaba gaaffii jedhuuf, ''Humni nageenyaa keenya TPLF'f jedhee miti kan qophaa'u. Itoophiyaa itti fufsiisuudha kaayyoonsaa. Humna ganda keessa socho'uuf miti kan of qopheessu. Gama humnaa fi baay'inaanis yoo ilaalle ammoo TPLF'n kan dorgomu miti,'' jechuun deebisan.
Gama kaaniin waraanni Itoophiyaarratti qiyyaafatee jiru waraana dirree/qaamaan walarganii walwaraanan qofa osoo hin taane waraanni ''virtual'' ta'es akkaan heddummaateera jedhan.
Ji'oota ja'an darban keessatti haleellaan akkanaa 600 caalu biyyattii mudachuu fi fuulduraafis yaaddoon jiraachuus himan.
Duula seera kabachiisuu...
Mootummaan dhiyeenya kana duula ''Olaantummaa seeraa kabachiisuu'' jedhuun naannolee biyyattii garaagaraa keessatti oppireeshinii gaggeessaa tureen hawaasi nagaan miidhameera gaaffiin jedhus miseensotarraa ka'eera.
Gaaffii kana kan kaasan Paartii ABIN keessaa miseensa paarlaamaa kan ta'an Obbo Kiristaan Taaddale yoo ta'an, isaanis naannoo Amaaraatti duula gaggeeffameen namoonni nagaan miidhamuu kaasan.
MM Abiy kanarratti wayita dubbatan Manni Maree Nageenyaa tibba darbe walga'uun dura karaa koree giddu galeessaa tarkaanfii fudhatame qorachisuu ibsan.
Akkasaan jedhanitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame kanaan hunda caalaa naannoo Oromiyaa keessatti tarkaanfiin fudhatame jedhan.
''Oromiyaa keessatti duula gaggeeffameen miseensonni shanee 1000 caalan ajjeefamaniiru. Ji'oota lama keessatti miseensota paartii keenyaa (badhaadhinaa) 5000 caalan hiineerra, hojiirraa ariineerra.
Humna nageenyaa fayyadamuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf mirgas dirqamas kan qabu mootummaadha kan jedhan MM Abiy, qajeeltoo seera mootummaa federaalaas beekuun dirqama jedhan.
''Nageenyi naannoo Amaaraa humna addaa naannochaan eegamaa jira, kan dursu ammoo Pireezidantii naannochaati.
Kanaafuu dhimma namoota naannoo Amaaraatti hidhamanii mana maree naannochaa gaafachuu qabdu malee paarlaamaan baka sirrii miti.''
Dhimmoota aka ijootti ka'an keessaa tokko misensonni Faannoo heddumminaan hidhamaniiru kan jedhuudha.
MM Abiy kanarratti wayita yaada kennan, ''Faannoon Amaaraafis Itoophiyaafis goota. Biyyaf waraaneera waan ta'eef galateeffamuu qaba, garuu maqaa kana fayyadamuun yakka raawwachuun seeraan nama gaafachiisa,'' jedhan.
''Maqaa kanaan nama ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi hattummaaan gaggeeffamaa ture. Kun hojii faannoo ta'uu hin qabu.''
''Kanneen hidhaman keessaa garuu 3500 humnoota nageenyaa kanneen gananiidha. Kanneen keessaa 2000 kan caalan miseensota humna addaa naannoo Amaaraati,'' jedhan MM Abiy.
Dhimma miidiyaa...
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa waa'ee ogeeyyiin miidiyaa hidhamuurrattis gaafataniiru.
Itoophiyaa keessatti duula seera kabachiisuun walqabatee lakkoofsi gaazexeessitoota hidhamanii 20 kan ga'e yoo ta'u isaanis hedduunsaanii waan mootummaa qeeqanii fi tarkaanfiin kun sirrii miti waan jedhaniif jechuun yaada dhiyeessan.
MM Abiy wayita kanarratti deebii kennan, ''Miidiyaan hawaasummaa biyyattiif carraas qormaatas fidee dhufeera,'' jedhan.
Namoonni miidiyaa hawaasummaarra baay’achuun luugama malee akka fedhan ta’aa jiraachuu kan kaasan MM Abiy kanaan booda ‘’Namni fayyadamu kamuu gibira kaffaluu qaba, ENSA’n kanarratti hojjechuu qaba,’’ jedhan.
Akka MM Abiy jedhanitti rakkoo guddaan gaazexeessaa, namni siyaasaa fi rogeessi miiidyaa wal laaqeera.
‘’Qaama dhaabbata diiguuf hojjetuun gaazexeessaadha jennee hin dhiisnu. Kan nama arrabsaa, maqaa balleessaa ooluun mirga yaada ofii ibsachuu jechuun sirrii miti.’’
Itoophiyaan jijjiirama booda miidiyaa ukkaamsite jechun oduu sobaąti kan jedhan, ‘’inumaa ni heddummaate, ammas gaazexeessummaan ogummaa kabajamaadha jennee amanna,’’ jedhan.
‘’Garuu oduun siyaasaa rakkoo uuma waan ta’eef kana salphisaa deemuun akka rakkootti ilaalalmuu hin qabu.’’
Marii biyyaalessaa...
Dhimma marii biyyaalessaarratti wayita dubbatan carraan kun waggoota 30 darbaniif kadhatamaa kan tureedha jedhan MM Abiy.
‘’Marii kana ilaalchisuun dhimmoota bu’uura sadi raawwanneerra- Komishinii hundeessuu, Ajandaa kan murteessuu fi nama hirmatu filachuu. Ajandaa kan murteessu silaa mootummaadha-nuti kana komishiniif kennine, hirmaattota kan diyeessus mootummaa ta’ee garuu komishiniif kennine.’’
Yoo deegarre ni milkaa’u, ta‘uu baannaan ni gufata kan jedhan MM Abiy ‘’Kanaafuu komshinii kana deeggaruun dirqama,’’ jedhan.
‘’Nuti gama keenyaan kutannoo qabna. Gama kanaan waan hedduun ni furama jennee eegna.’’
‘’Kanarratti qaamoleen hin hirmaanne, hin barbaachisu jedhan jiru, Filannoorratti kan hirmaannes jiru. Isaan hin barbaachisu jedhu nutimmoo ni barbaachisa jenna. Kanneen siyaasa arrabso baran taa’anii mari’achuu hin fedhan. Mariin biyyaalessaa hunda fayyada, irraa fayyadamuun mirga keenya.’’
Waa’ee rakkoo hannaa fi kiraa sassaabdummaarratti wayita yaada kennan ‘’Hattuu tokkoffaan abbootii seeraati, mana murtii sirriitti ofjijjiiruu qabu. Kan biraan hattuun abbaa alangaati. Sadaffaan Poolisiidha. Kaan ammoo odiitara. Farri malaammaltummaas akkas,’’ jedhan.
Qaamni hanna hir’isuuf hundaa’ee hattuu ta’ee argameera. Kanaafuu hattummaan maa barnootaarraa eegalee jira.