Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa 3ffaa gaggeeffamuuf jirurraa maaltu eegama?

Loogoo Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa

Badhaasni Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaatiin waggaa waggaan qophaa’u, dameelee 11 irratti A L I Waxabajji 22 bara 2016 gaggeeffama.

Faawondeeshiniin kun weellisicha yaadachuun cinatti hojiilee aartii guddisuu kan kaayyeeffatedha.

Haati warraa weellisaa Haacaaluu Hundeessaafi Walitti Qabduun Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damissee, miseensota boordii Faawundeeshinichaa biroo waliin ta’uun sirna badhaasichaa ilaalchisee har’a miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Haaluma kanaan badhaasni bara kanaa dameelee 11 ofkeessaa kan qabu yemmuu ta’u, albama waggaa, wallee waggaa, wallee aadaa, wallee ammayyaa, weellisaa cimaa, weellistuu cimtuu,weellisaa/tuu cimaa/tuu haaraa akkasumas qindeessaa muuziqaa cimaa waggaa kan jedhan isaan keessaa ta’uu himaniiru.

Dabalataan viidiyioon sirbaa filatamaan, sinimaatogiraafarri filatamaafii keerogiraafarri cimaa/tuun damelee sirni badhaasichaa ogeeyyiifii artiistota ittiin dorgomsiisee badhaasuudha.

Sirboonni dorgommichaaf dhiyaatan Bitootessa 22, 2015 hanga Birootessa 21, 2016’tti ummataaf dhiyaatan akka ta’es ibsicharratti himameera.

“Sirboonni kun walitti qabamanii, calalamanii, ogeessaan ilaalamanii abbootii seeraatti darbu. Abbootiin seeraa qabxii erga kennaniin booda gara koree Badhaasa Haacaaluutti deebisu” kan jedhan Aadde Faantuun, sirboonni filannoo xummuraaf dhiyaatan shan ummataaf akka bahanis himaniiru.

Gama biraatiin dameelee dorgommii 11 jiran keessa jaha ogeeyyiin cinatti ummataan sagaleen kan itti kennamu yemmuu ta’an, dameeleen dorgommii hafan immoo guutummaatti ogeeyyotaan kan filamanidha.

Adeemsi sagalee kennuus ummataaf banaa ta’ee kanjiru yemmuu ta’u, uummatni gama marsariitii Badhaasa Haacaaluu Hundeessaatiin sagalee akka kennu Aadde Faantuun waamicha dhiyeessaniiru.

Aartiin cinatti hojiilee misoomaa garagaraarratti hirmaachaa kan jiru Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa, pirojeektota rakkoo hawaasaa furan irratti hojjechaa akka jirus himameera.

“Waggaa har’aa ummata isa (Haacaaluu) jaalatuuf pirojektii bishaan qulqulluu hojjatee ture. Keessa keessammoo hojiiwwan hojjetaman kanbirootis jiru. Hojiiwwana baay’een kan hojjetaman, kan karoorfaman jiru” jechuun Aadde Faantuu Damissee himaniiru.

Artiist Haacaaluu Hundeessaa A.L.I Waxabajjii 22, 2012 galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Adeemsi haqaa ajjeechaa weellisaa maqaa guddaa kanaa namoota maatiifi diinqisiifattoota isaa garaa osoo hin gahiin hafe.

Badhaasni Hacaaluu Hundeessaa ammoo Faawundeeshinii du'asaa booda hundaayeen yaadannoo waggaa tokkooffaa irrattii bara 2021 kennamuu eegale.