'Waggaa sadi guutuu dhugaa kees gumaa kees hin argine'- Aadde Faantuu Damissee

Faantuu Damissee

Madda suuraa, Hachalu Hundessa(fb)

Sirna yaadannoo waggaa sadaffaa fi Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa irratti duubbii taasisan irratti dhugaa fi haqni artiist Haacaaluu dhokatee jiraa jechuun haati warraa Art. Haacaaluufi walitti qabduun Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa, Aadde Faantuu Damisee komatte.

''Erga ati nu dhiistee godaantee waggaa sadi guutuu dhugaa kees gumaa kees hin argine'' jette.

Itti dabaluunis ''qaamaan erga nurraa fagaattee anii fi ijolleen kee yaadaafi jaalala keen ala biyya dhugaafi dhiiga namaa xuuxxurra teenyee waggaa sadii guunne," jette.

Aadde Faantuun nama ajjeefamuu Art. Haacaaluu wajjin walqabatee shakkiin qabamuun to'annoo jala ooltee booda bilisa baate irratti koomii qabdu dhageessifteetti.

Haasaa taasifte kanaanis, "Warri mootummaa ajjeechaa Haacaaluu warra raawwatan ni beektu baasaa," jechuunis gaafatte.

Ajjeechaa Haacaaluu keessaa kan qooda qabu hedduudha jechuun ''anaaf eenyuyyuu qulqulluu miti'' kan jettu Aadde Faantuun, dhugaan isaa akka hin baane hunduu beektu, amantaa hordoftaniin nuu kadhadhaa jette.

Aaddee Faantuun kana haa jedhan malee, mootummaan namoota ajjeechaa aarti Hacaaluu keessaa harka qabu jechuun shakkaman to'atee, kan balleessaan irratti mirkanaa'eera jedheerratti murtee seeraa dabarsuu ibsuunsaa ni yaadatama.

Yaadannoon wareegamuu Art. Haacaaluu Hundeessaa waggaa sadaffaa fi sirni badhaasaa maqaa isaan mogga'e marsaan lammataa Hoteela Iskaaylaayititti gaggeefamee jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa waggaa sadan har'aa magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefame.

Ajjeefamuu isaa hordofeen amoonni shakkaman to'annoo jala oolanii dhimmi isaanii ilaalamaa erga tureen booda gadhiifamuun Laamroot Kamaal, dubartii yeroo ajjeefamu walii turte jedhamtuu komii kaasee jira.

Maatiin ajjeefamuu weellisaa jaallatamaa kanaaf haqni hin baane jedhee komii qabu ifatti yoo beeksisu kun kan jalqabaa miti.

Hundeeffamuu Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa booda badhaasa ogeeyyii Muuziqaaf kennamu waggaa waggaan guyyaa inni itti ajjeeffame irratti qophaahu bara darbe tokko jedhee eegale.

Sirni yaadannoo ajjeechaa waggaa sadaffaa Artiist Haacaaluu hundeessaa fi badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa lammataa damee muuziqaa 12'n ogeeyyii dorgomsiisee badhaasuuf sagantichi eegaluu koree badhaasicha keessaa tokko kan ta'e Lalisaa Idriis BBC'tti himeera.

Hojiilee Muuziqaa bara darbe kana uummata bira gahan damee 12'n dorgomsiisuun cinaatti, badhaasa umurii guutuu fi addatti bara kana ammoo badhaasa addaa, Music Care (dhimmamtoota Muuziqaa jedhuun) namoota sadii akka badhaasu eegama.

Walumaagalatti Kamiisa Waxabajjii 29, 2023 galgala, Faawndeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasota 16 kennuuf jira.

Badhaasni bara kanaa kan bara darbeen addatti shubbistoota Muuziqaa dorgomsiiseera.

Badhaasni kennamus bara kana qulqullinni isaa dabalee haala miidhagaan biyya alaatti hojjetamee akka dhufe dhageenyeerra.