Hojjattoonni Facebook suuraafi viidiyoo nama jeequ to'atan rakkoo fayyaa sammuuf saaxilamuu himatan

Madda suuraa, Getty Images
Hojjataan kanaan dura Facebook'f qabiyyeewwan to’ataa (content moderate) ture tokko, qabiyyeewwan nama jeeqan ilaaludhaan attam summunsaa akka miidhame BBCtti hime - qabiyyeewwan nama jeeqan kunneen of-ajjeesudhaa kaasee hanga waan namummaarraa maqe ofirratti raawwachuu fa’aadha.
Namni kun hojjattoota giddugala teeknolojii Facebook Keeniyaatti argamu keessatti qabiyyeewwan nama jeeqaniifi jibbaan guutaman to’atan keessayi.
Kampaanin Facebook qabiyyeewwan haasaa jibbiinsafi nama suukanneessan heddu Afrikaa keessatti sirriitti to’achuu hin dandeenye jedhamee dhiibbaa cimaa jala jira.
Innis yeroo bakka hojii isaa Naayiroobitti argamutti iskiriinii kompitara, kan inni kan “maashinii fakkaatu” jechuun ibsu dura taa’un, namoonni Facebook fayyadaman qabiyyee nama jeeqan ilaalanii sammuun isaanii akka hin jeeqamne gochaa ture.
Kana gaafa godhu garuu jireenya isaa balaa keessa buuseti.
"Innis miira saal-qunnamtii kiyya hadooche,” jedha.
"Innis bineensota wajjin [saal-qunnamtii] gochuu ta'a. Daa’imman wajjin, namoota kaan wajjin ta'u danda'a. Baay’edha.''
Akka inni jedhutti, kan baay’ee isa miidhe viidiyoowwan namoota “of-ajjeesan, ofiin of miidhaniifi namoota miidhaa ofirratti raawwachuu” fa’i ilaaludha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yeroon ijakoo dunuuffadhu, tikeetiwwantu natti mul’ata,” jedha.
Jechi ‘Tikeetii’ jedhus mallattoo akeekkachiistuu fuula iskiriinii namoota qabiyyee to'atan irratti mul'atan jechuu isaati.
Namoonni Keeniyaa taa’anii qabiyyee nama jeequ to’atan kunneen dargaggoota afaan 10 olii dubbatanii fi biyyoota Afrikaa garaa garaa kanneen akka Itoophiyaa, Afrikaa Kibbaa, Ruwaanda, Keeniyaa fi biyyoota biroo heddu irraa filatamaniidha.
Kan isaan qacaraee hojjachiisu ammoo dhaabbata biiroon muumme isaa US ta’eefi Keeniyaatti dame bane hojjatu Sama jedhamuudha.
Dhaabbanni Facebook- kan Onkoloolessa 2021 maqaa isaa gara Meta jedhutti jijjiirrate - ammoo hojii qabiyyee miidiyaa hawaasaa to’achuu dhabbaata Sama jedhamu kanatti dabarsee kenne.
Namoonni baay’een dhaabbanni Facebook kana gochuun isaa qarshii qusachuuf akka ta’e qeequ.
Hojjattuun tokko akka jettetti, jalqaba gaafa qabiyyee dhimma Itoophiyaa to’achuuf qacaramtee leenjii fudhattu qabiyyeewwan nama suukanneessaniif saaxilamtee akka turte.
“Keenya leenjidhuma irraa eegale, namoonni osoo of ajjeesanuu ilaaluu qabna. Namoota sana nan yaadadha. Yeroo hundumaa isaan yaadadha,” jetti namni qabiyyee Facebook to’attu kun.
“Amma immoo waraana Itoophiyaa keessaan wal qabatee viidiyoowwan suukaneessoo heddu agarra- namoonni osoo lubbuun jiranuu yeroo gubaman, namoonni miidhaa namarraan osoo gahanii akkasumas jumlaan ajjeessuu fa’i agarra.
“Yeroo waanti tokko eegalu, yeroo guddataa deemu ilaalla. Waanti hunduu galmaa’era. Akkuma dirree waraanaa ilaaluu jechuudha. Waanti bira dabartu tokkoyyuu hin jiru,” jetti.
Waanti namoonni BBC'tti dubbatan jedhan kuniifi kan kanaan dura namni odeeffannoo icciitin baasu (whistle blower) Afrikaa Kibbaa ta’e Daani’eel Motaawung dhaabbata Sama fi Meta irratti Keeniyaatti himata baneen wal fakkaata.
“Yeroon [dhaabbata] Sama waliin hojii eegalu, aniifi hiriyoonni kiyya yeroo keenya harka caalu suuraafi viidiyoo namoota qalamaniifi aarsaa ta’anii, ykn ijjooleen gudeedamanii, miidhan irra gahuu, ykn ajjeeffamanii ilaalla jedhee yaadee hin beeku.
“Suurawwan nama jeeqanan arge, baay’ee kan nama jeequ ammoo viidiyoowwan- bakka itti hojjannu taa’ee jalqaba kanin arge viidiyoo osoo namni fannifamuu agarsiisudha,” jedha himata inni mana murtiitti dhiyyeesserratti.
Daani’eel Motaawung himata dhiyeesse kanarratti namoota yeroo Keeniyaatti hojiirra turan qabiyyee nama jeeqan to’ataa turan irra miidhaa sammuu gaheef “yaalii umurii guutuu” akka argatan didamuu irrattis gaaffii dhiyeessera.
Qorannoo yaalii taasiseen dhiphina, yaaddoo, miidhaa sammuu wal-xaxaxaa waan suukaneessaa ilaaluu booda dhufu (post-traumatic stress disorder) fa’aadhaf akka saaxilamuufi jireenyi isaa guutummaan akka manca’etti fudhachuu isaa dubbata.
“Akkamitti akkan bayyanadhuufi bayyachuu danda’uu koo hin beeku,” jedha Dani’eel Motuwaang.
Himannaa isaanii irratti, abukaatonni Meta aangoo manni murtii dhimmicha murteessuu irratti qabu yoo falman abukaatonni [dhaabbata] Sama ammoo himannaan kun akka haqamu gaafatan. Manni martii garuu ammayyuu dhimmicha irratti murtee hin dabarsine.
Bara 2020 dhaabbanni Facebook himannaa namoonni UStti qabiyyee nama jeequ to’atan rakkoo fayyaa sammuu isaan mudateef himata irratti bananuun beenyaa dolaaramiliyeena 52 baasera.
Namni Keeniyaatti qabiyyee miidiyaa to’attu tokko BBCtti akka himetti dhaabbnni Sama barnoota “dandamannaa” akka kennu himuun kan kennamuufi qabiyyeen nama jeequ isaan mudatu akka wal hin madaalle dubbatti.
“Guyyaa hundumaa kanatu [qabiyyee miidiyaa hawaasaa nama jeequ] si mudata. Yeroo mana galtu waan dagattuu miti. Duubatti deebitee yaadatta. Abjuudhan sitti mul’ata. Itti fufiinsan waantota badaa waan ilaaltuf ilaalchi ati addunyaaf qabdu ni jijjiirama,” jetti.
Dhaabbanni Meta yaada akka keennuf BBCn gaafatus dhimma Daani’el Motaawung “mana murtiitti ilaalamaa jiru” akka sababaatti kaasun deebii kennuu dide.
Dhaabbnni Sama yaada akka kennu gaafatamee deebii hin laanne. Garuu, gabaasa barruun Times himata wal fakkaataa irratti dhiyaatu baase hordofee jalqaba bara kanaa Saman “sobaa fi kan jallatee dhiyaatedha” jedhe. Akkasumas, “fayyaalesummaa fayyaafi hamilee hojjattoota isaaf baay’ee akka dhimmu” ibsee ture.
“Jalqaba, hojjattoota qabiyyee nama jeequ to’atan hundumaaf torbanitti sa’aatii 37.4 akka hojjatan goona. Lammata, hojjattoonni qabiyyee nama jeequ to’atan fedhii fayyummaa sammuu isaanii guutuf guyyaatti sa’aatii itti sammuu isaanii boqochiisaniifi yeroo boqonnaa nyaataa sa’aatii tokkoofi walakkaa akka argatan goonerra.
“Gaaffii isaanii irratti hundaa’un yeroon itti gorsaa qaaman argamnii fudhatan torban guutuu sa’aatii 24 yeroon gorsaa jira,” jechuun dhaabbanni Sama fuula marsariitii isaarratti barreesse.
Waraqaa himataa isaarratti Daani’el Matuwaang akka jedhetti, hojjattoonni qabiyyee nama jeequ to’atan Facebookdhaaf barbaachisoo ta’anis dhabbatichi hojii kana dabarsee dhaabbata biraaf kontiraata kenne.
Bifa kanaan dhaabbanni tekinolojii guddaan kun “hojjattoota qabiyyee nama jeeqan to’ataniif deeggarsa xiinsammuu gatii guddaa baasisu” baqachuuf “hojjattoota qabiyyee nama jeeqan to’atan gatii salphaaadhan” argachuu danda’e.
Abukatoonni Daani’eel akka jedhanitti hojjattoonni qabiyyee miidiyaa hawaasaa Facebook nama jeequ to’atan 240 Keeniyaatti argaman qabiyyee Baha Afrikaa fi Kibba Afrikaatii dhufu “baay’ee guddaa ta’e” to’achuuf gahoo miti jedhanii falmu. Sababni isaa Keeniyaa qofaattii dhaabbanni Facebook fayyadamtoota miliyeena 10 ol qaba ture waan ta’eef.
“Nageenya fayyadamtoota gabaa Facebook kana keessa jiraniifis ta’ee fayyummaa hojjattoota qabiyyee nama jeequ to’ataniif hojjattoonni dabalataa murteessodha,” jedhu abukaatonni [isaa].
Hojjataan qabiyyee nama jeequ to’atu tokko BBCtti akka himetti dhaabbanni Sama barnoota ykn yeroo “bayyanachuu” akka fudhatan akka isaan jajjabeessu himuun garuu gorstoonni tokko tokko icciitii isaanii eeguuf akka hin amanamne hima.
“Waa’ee qabiyyee sanaa si gaafachuun maaltu akka sitti dhagahamu si gaafatu. Sana booda waan nama gorsu sanatti himte deebitee nama biraarraa dhageessa,” jedha hojjataan kun itti dabalee.
Namoonnin BBCtti dubbatan kunneen kaffaltii gahaas akka hin arganne himatu. Isaan keessaa tokko akkas jedhe: “Hojiin kun hojii sammuufi hamilee namaaf baay’ee ulfaataa ta’eedha. Waanti nuuf kanfalamu gonkumaa kan hojjannu kan madaalu miti. Namni hunduu akkamitti akkamitti akka jiraatu yaadda’eera.
Dhaabbanni Sama fuula marsariitii isaarratti hojjattoota isaaf waan malu hin kaffalu jechuun himanni irratti dhiyaatu sobsa akka ta’e ibsa.
“Hojiin qabiyyee [miidiyaa hawaasaa] nama jeequ to’achuu hojii cimaa ta’uu isaa yaada keessa galchuun hojjattootaf mindaa seeran kaffalamuu malu dachaadacha kaffalu yoo ta’u, hojichaaf ammoo beekamtii kennuuf jecha gatii Keeniyaa keessa jiraachuu dachaa lama kaffalaaf,” jedha.












