‘Daqiiqaa sadii barfannaan Istaarbaaksi hojiirraa na ariyate’

Joosiliin

Madda suuraa, JOSELYN CHUQUILLANQU

Josilin Chuqillankiy hanga ji’a darbe hojiirraa ishee ariyutti dhaabbata Istaarbaaksi keessa gara wagga torbatti dhiyaatuuf hojjatteetti.

Josilin murtoo kennamu eeggataa jirti.

Barristaa taatee wayita hojjataa turte daa’ima obbolessaa ishee quxisuu otoo addaan hin kutiin kunuunsuu dandeessi turte.

Dubartiin ganna 28 kun hojjattoota Istaarbaaksitti waliin hojjataa turte magaalaa Niwuyoorkitti hiriira baasuun yuuniyeenii dafqaan bultootaatti akka dabalaman gochuuf yaalte.

Josilin wayita weerarri koronaavaayirasii hammaatetti ejjannoo dhaabbanni Istaarbaaksi eyyama sababii dhukkubaan kennuurratti qabachaa turerratti mufattee turte.

Yeroo gabaabduu booda hoogganaan ishee dabaree hojii ganama sa’aatii 11:30 daqiqaa muraasa barfattee seenuu isheef waliigaltee dhaabbaticha waliin qabdu cabsite jedhamtee adabamuu jalqabuu dubbatti.

Ji’a Adoolessaa keessa furtuu mana hojii/suuqii bakka sirrii waan hin kaa'iniif hogganaan ishee itti mufatee ture. Booda furtuun sun iddoo hojiitti argame.

Istaarbaaksi yeroo akeekkachiisa isheef kennu, waa'ee furtuu badee fi barfattee hojii seenuu ishee akka sababaatti kaase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2015 irraa kaastee dhaabbata Istaarbaksi keessa hojjataa kan turte Josilin Chuqillankiyi, sa’aatii tokko keessatti Doolara Ameerikaa 22 olitu kaffalamaaf ture.

"Haaloo na bahuufi kun narratti raawwatame jedheen amana. Nama daqiiqaa shanii gadi barfatee hojiirraa ariyatame argee hin beeku,’’ jette.

Qindeessaan Yuuniyenii akka himetti, Josilin Chuqillankiyin qofaa miti kan hojiirraa haala kanaan ariyatame, akka biyyattii rogeeyyiin Yuuniyeeniwwan 75 ol akkaatuma kanaan hojiirra kan ariyataman yoo ta’u, suuqiiwwan muraasni sababa kanaan cufamaniiru.

Istaarbaaksi suuqiiwwan 9,000tti dhiyaatan Ameerikaa keessatti qabufi eeyyama hojii kumaatamaan lakkaa’aman dabalataan baasaa jiru Josilin Chuqillankiyi haaloo bahuuf tarkaanfii hin fudhanne jedhee haale.

Dhaabbati Istaarbaaksi mirga hojjattootni gurma’uuf qaban nan kabaja jechuun, suuqiwwan isaa kan cufu ammoo galmee of eeggannoo isaan qaban irratti hundaa’udhaani jedhe.

‘’Qaamni sadaffaa ykn alaa dhufe uummata keenya hoogganuu qaba jennee hin yaannu. Kanaaf sammuufi onnee namoota keenyaa falmina,’’ jedhe hoogganaan dhaabbatichaa Howaard Shultiz.

Aab Shultiz maatii dafqaan bulaa irraa Birookiliinitti kan dhalate yoo ta’u, yeroo dhaabbaticha hogganutti mormii dafqaan bultootaa hedduu arge.

Dhaabticha keesatti bara 1987 hanga 2,000tti hojii gaggeessaa ta’un hojjateera.

 Irra deebi’uun bara 2008 yeroo raafamni dinagdee mudate booda hoji gaggeessaa ta’uun dhaabbaticha sadarakaa idil-addunyaatti beeksiseera.

Howard Schult

Madda suuraa, Getty Images

Hoogganaan dhaabbatichaa Keevin Joonsan Ebla, 2022 wayita soorama bahetti Aab Shultiz marroo sadaffaaf yeroo murtaa’eef hoogganeera.

Aab Shultiz yeroo kanatti hariiroo dhaabbatichi hojjattoota isaa Waliin qabu haaromsuuf waadaa seenanii turan.

Komii hojjattoota ifatti himame hordofee hoggantoonni dhaabbatichaa dhimmicharratti walgahuun Yuuniyeeniin otoo hin jiraanne dhaabbatichi deebii gahaa akka kennuu hojjattoota amansiisan.

Dhaabbatichi kaffaltii hojjatootaaf Doolara Ameerikaa biliyoona tokko dabalataan ramaduun leenjiifi fooyya’iinsa barbaachisoo biroo akka taasisu ifoomsuun, sa’aatiitti hojjatootaaf giddugaleessaan doolara 17 akka kaffalu ifoomseera.

Rogeeyyiin garuu gama isaaniitiin fooyaa'insi Istaarbaas Ameerikaatti akka hojiirra oolchu ifoomse bua'aa tattaaffii mormii hojii dhaabuu 60 ta'u Ameerikaa keessatti bahamee kan dabalatuudha jedhu.