'Umuriinkoo waggaa 30n keessa garuu gonkumaa dhungatamee hin beeku'

Madda suuraa, Unian
Guyyaa yeroo jalqabaatiif itti dhungatamtan ykn itti jaalallee keessan dhungattan yaadattuu?
Dhaloota hedduudhaaf, dhungoon waa'ee hariiroo qofa osoo hin taane, waa'ee guddachuu fi sadrkaa sirnan guddinaa keessa darbamuudha.
Haata'u malee, dargaggoonni tokko tokko ammaan tana haala akkasiitiin yaadaa kan jiran hin fakkaatan. Jaallallee saanii dhungachuu fi hariiroo jalqabuuf hin ariifatan.
"Umuriin koo waggaa 30 yoo ta'u, hariiroo qabaadhee hin beeku," jechuun kan marsariitii hawaasaa isheerratti barreessite, shammarree Yukireen Maarinaan Kiiv irraayi.
Amma umuriin ishee waggaa 31 yoo ta'u, haalli jirushee garuu hin jijjiiramne.
Intalti kun "qofaa ishee jiraachuun isheef gaarii waan taateef" kun tasuma akka ishee hin mufachiifne dubbatti.
Qorannoon adda addaa addunyaa irratti gaggeeffame haala walfakkaatu agarsiisan. Bara 2023tti, argannoon qorannoo 'Pew Research'n gadhiifame akka mul'seetti, dhiironni %60 fi dubartoonni umuriin isaanii waggaa 18–29 ta'an %34 baaqqee yoo ta'u, isaan keessaa %57 hiriyaa gaa'elaa ykn jaalala qabaachuu hin barbaadan.
Qorannoon bara 2025tti gaggeeffame biraa akka agarsiisutti ammoo, US keessatti, namoota bara 1980 fi 1996 gidduutti dhalatan keessaa, harki 28 qofatu gaa'ela kan hin qabne yoo ta'u, Dhaloota Z jedhaman keessaa ammoo lakkoofsi kun gara %46 ta'a.
Dhaloonni Z, (kanneen walakkeessa bara 90mootaa fi 2010moota gidduutti dhalatan jechuudha), yeroo tokko tokko "dhaloota saalqunnamtii hin qabne" jedhaman biratti, isaaniif walqunnamtii saalaa dhimma dursi hin kennamneef ykn waan isaan gammachiisu miti jedhama.
Jaappaan keessattis qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame akka agarsiisutti, ijoollee dhiiraa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa kanneen umuriinsaanii waggaa 15-18 ta'an shan keessaa afur dhungatanii hin beekan.

Madda suuraa, Unian
Kun Yukireen keessatti kan hin qoratamne yoo ta'u, qorannoon waa'ee saalqunnamtii jalqabaa bara 2019tti gaggeeffameera.
Haata'u malee, sababoonni dargaggoonni biyya biraa jiran hariirootti saffiisaan hin gallee lammiilee Yukireeniif akkuma kana barbaachisaadha. Kunis dhiibbaa yeroo dheeraa weerarri uumee, dadhabbiin appii jaalalaa fi fayyaa sammuu irratti xiyyeeffachuudha.
Waraanni biyyattiitti gaggeeffamaa jiru jijjiirama kana cimsee haala kana irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.
Haala kana mirkanneessuuf qorannoon gaggeeffame jiraachuu baatus, dargaggoonni Yukireen maaliif hariiroo akka hin jalqabnee fi jaalalleesaanii dhungataniillee hin beekne miidiyaa hawaasaa irratti ergaa qoodaniin dabalaa dhufeera.
Kan isaan jedhanis kunooti:
Maaliif hariiroo qofarratti of daangeessina?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shamarreen umuriin waggaa 31, Maarinaan imala ''jaalala ijoo'' jireenyashee ta'u himti. Waltajjii miidiyaa hawaasaa isheerrattis suuraalee biyyoota garaagaraa ni mul'ata.
Akkasumas guyyaa hunda bakkeewwan akka qophilee konsartii, tiyaatiraafi siniimaa ni deemti.
''Dursa siin gaddan ture, garuu booda ergan waltajjii miidiyaa hawaasaa kee argeen booda sittan innaafuu eegale'' jechuun barreessee fayydamaan miidyaa hawaasaa barreeffaman ishee waa'ee hariiroo irratti barreessite jalatti barreessee tokko.
Deebiin namoonni kaan kennan kan miira wal makaa qabuudha. Gariinsaanii kun ta'u akka danda'utti nahuun amanuu yoo dadhabuun, yaada gaariin hin taanee shamarree tanaaf yoo barreessan mul'atan. Gariin ammoo seenaa walfakkaatu qabaachu barreessan.
''Addunyaa kanarratti wantoota hawwataa ta'an baay'eedha, garuu namoonni yeroo baay'ee hariiroo qofaan of daangessu,'' jechuun ture Maarinaan kan BBC News Yukireenitti himte.
Hariiroon uumachuun gonkumaa waan dursa kenniteefii akka hin taane dubbatti, "sababni isaas yeroo hunda wanti hojjetamuu qabdi waan tureef. " Barnoota, hojiiwwan bohaartii, imala, hojii kanneen turizimii wajjin walqabatun ko'ommatti.
"Akkasumas namni quuqama barbaacha qabu tokkollee natti dhiyaatee hin beeku, hin beeku, tarii sababiin ani fedhii sana qofa qaba ta'eef ta'u mla," jechuun kolfiti Maarinaan.
Appilikeeshiniiwwan akka 'Tinder' illee fedhii ishee miti. Innis isheef akka waan "nama gabaa irraa filachuuti."
Wantoonni biroos gahee qabaachuu danda'u jetti. Mana barumsaatti intalli kun akka bareedduutti of hin ilaaltu turte, naannoo ishee keessatti "namoonni hariiroof" eddoo hin qaban turre. Abbaafi haatii ishees wal hiikaniiru, kanaafuu akka ''heerumtuuf'' maatiin gonkumaa dhiibbaa irratti hin goone.
Maarinaan sababii weeraraatiin namoonni caalaatti akka qoolleeffataniif gumaacheera jetti, achiis weerarri Raashiyaa jalqabe, kunis hariiroo uummachuuf akka barbaaddu ishee hin kakaasne.
Amma intalli kun Kiiv keessa kan jirtu yoo ta'u, sana dura waggaa sadiif Ayerlaandi keessa jiraatteetti. Yeroo waraanaa sanatti hojiif gara sanadeemte. Waahillan ishee lammii Aayilaandis akka isaan waliin gara mana dhugaatii deemtee aciitti namaan wal bartuuf yaada dhiyeessaniif turan.

Madda suuraa, Photo from Marina's archive
Haata'u malee isheen dhiirota biyya biraatiif gonkumaa fedhii hin qabdu turte.
"Akkasumas hariiroo akkan hin barbaanne, waraanaan akkan miidhamee, haalli sammuu koo yeroo ammaa kanatti kana dandamachuuf qophii akka hin taane natti himeera," jetti Maarinaan.
Intalli tunis hariiroo keessa jiraachuu dhabuun isheetti miidhaa fi bu'aa bahii hedduu irraa akka ishee baraare amanti.
Dubartoonni yeroo dafanii ykn osoo hin itti yaadin hariiroo keessa seenaniitti, "akkamitti akka itti qabanii fi akkamitti akka hin qabne sirriitti hin beekan. Hariiroo akkasii keessattis rakkoo fi salphinaa mudachu malu baay'eedha" jetti Maarinaan.
Akkasumas walumaa galatti, intalli kun hariiroon garmalee jaalalaan guutamaa jira jettee amanta.
"Nama tokko waliin ta'uuf eenyu akka taate, daangaa kee maal akka ta'e hubachuu qabda. Jechuunis, jalqaba of guddisuu qabda. Sana booda kan akka damee mukaatti nama biraa tuquu dandeessu. Yoo kana hin taane bakki kee baayyee xiqqaa ta'a. Jecha kana baay'een jaalladha, dhugaa ta'uu isaas nan amana."
Akka Maarinaan jettutti, dubartiin ammayyooftuun dhiira qabaachuuf jecha "of cabsuun" kan ishee barbaachisu yoo ta'e, dirqama dhiirri isheef hin barbaachisu.
Haata'u malee, jireenyi ishee akkamiin haa ta'utiiyyuu ammoo, haadha ta'uuf karoorfatti. Yoo nama jaallattu argachuu hin dandeenyees arjooma irraa argachuun imoo godhachuu yaaddi.
Intalli tunis ijoolluushaatii kaaftee yaada daa'ima guddichuu jedhuu akka jaalattu dubbatti.
''Haala Yukireen keessa jiru irratti hundaa'uun, carraa fi cimiinsa haadha ta'uu qofaa osoo hin taane, daa'iman guddiifadhuuf tokkoof carraa jireenya gammachuun jiraachu kennuun barbaada'' jetti.
'Naman jaaladhe dhabuu hin danda'u'
Shamarreen biraa, Khirystynaa kan umriinshee waggaa 24 fi mana kitaabaa Ivano-Frankivsk keessa hojjettus akkasumas dhungatamtee ykn hariiroo jaalalaa qabaattee hin beektu.
Barreeffamni isheen waa'ee kanaa ilaalchisuun 'Threads' irratti barreesse 'like' kuma tokkoo ol kan argate yoo ta'u, yaadonnii fi ergaawwan namoota "haala kana sirreessuuf yaada kennaniin" guutameera.
Haata'u malee, hariiroo kamiyyuu qofa ishee hin barbaachisu jetti shamarreen kun.
"Yeroon nagaan hin jirreetti hariiroo keessa seenuu hin barbaadu, ogeessa xiin-sammuu waliin waan tokko hojjechuu, ofiikoo waliin kophaa ta'uu barachuu qaba," jechuun shamarreen tun kanaan dura maaliif hariiroo jaalalaatiif fedhii akka hin qabne ibsiti.
"Hanga attamiin of kunuunsuu hin beekneetti, namoota biroof ibsu hin beektu," jechuun itti dabaluudhaan dubbatti.
Hiriyoonni ishee hedduunis akkumashee kanatti yaadu jetti.
"Namoonni naannookoo jiran dursanii ofiisaanii waliin walitti dhufeenya ijaaruu irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, dhiira tokko waliin qunnamtii hamma tokko bilchaataa irraa ka'anii itti dhiyaatu."
"Walqunnamtiin saalaa dirqama hin taane ykn nama jalqabaan wal arge dhungachuun kan koo miti. Umuriikoo waggaa 25tti hariiroo jaalalaa malee fi osoon hin dhungatamiinan jira. Ani immoo namootaaf jedhee waan tokko hin hojjenne. Anaaf walitti dhufeenyii fi gad fageenyi gatii qabeessa malee baay'inaafi qulqullina miti," jetti shamarreen tun.
Dhaloonni duraanii, shamarranis akkuma warrasaanii sababa dhiheessuu, "haala keessa turan keessaa bahuuf jecha hariiroo barbaaduu, warra isaanii fi ilaalcha dogoggoraa umurii waggaa 26tti ati keessa jirtuun dulloomtuu ta'uu isheetiin dhiibbaa irra ga'a."
"Kunis kanaan booda nurratti dhiibbaa hin godhu," jetti.

Madda suuraa, Unian
Kiriistiinaa hanga ammaatti muuxannoo hin qabdu turte.
Keessattuu yoo hiriyummaa toora interneetii irraa hin taane jaalala qabaachuu jalqabuuf qophiidha, garuu hanga ammaatti ishee hin mudanne.
Yeroo tokko tokko Kiristiinaan banaa ta'uushee labsitus sababa waraanaatiin ofumaan hariiroo irraa fagaachuu dandeessi jettee of qabdi.
"Gurbaa tokko waliin hariiroo uumuu yoo jalqabe, achiis akka tasaa waraanaaf yoo galmaa'e, yeroo barbaadetti du'uu danda'a jedheen yaadda'a, kunis waan suukaneessaadha."
"Obboleettii koofi intala obboleessa koo dhabeera, balaadhaan du'an. Nama biraa yoo habe ammoo sana irraa hafuu hin danda'u."












