Akeekkachiifni waraanni Itoophiyaa loltoota Somaaliyaatiif kenne jedhame maali?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa naannoo Geedootti argamu loltoonni mootummaa federaalaa Somaaliyaa magaalaa daangaa dhiheenya qabatan, Bahadii Hawaa keessaa guyyaa sadiitti gadi dhiisanii akka bahaniif jaarsoolii biyyaatti himamuun ibsame.
Magaalaan Bahadii Hawaa magaalaa daangaa ijoo yoo taatuu, kan Keeniyaafi Itoophiyaan daangeeffamtuufi kan waraanni Itoophiyaa keessatti argamaniidha.
Torban darbe keessa erga hidhattoonni naannoo ofiin of bulchitu Jubaalaandii fi loltoonni mootummaa federaalaa Somaaliyaa naannichatti wal waraananii booda, mootummaan Somaaliyaa Sambata darbe magaalattii to'annoo jala oolfachuun himameera.
Qondaaltonni waraana Itoophiyaa olaanoon, dureewwan gosa Somaaliyaa waliin magaalaa Dollootti mar'achuufi loltoonni mootummaa federaalaa Somaaliyaa guyyaa sadii keessatti Bahadii Hawaa keessaa gadi dhiisee akka bahu ajajuusaanii jaarsooliin biyyaa BBC Somaaleetti himaniiru.
Mootummaa federaalaa Somaaliyaatti bulchaa Geedoo kan ta'an Abdullaahii Abdii Jaamaa (Shiimbiir) raayyaan ittisa Itoophiyaa Bahadii Hawaatti argamu humni mootummaa Somaaliyaa guyyaa sadii keessatti gadi dhiisee akka bahuuf jaarsoolii biyyaatti akka himan ibsaniiru.
Bulchaan Geedoo Abdullaahii Abdii Jaamaa (Shimbiir) kan mootummaa federaalaa waliin waloon hojjatu yoo ta'u, sababii ajaja raayyaa ittisa Itoophiyaatiin dabarfameera jedhameetiin waraanni mootummaa federaalaa Bahadii Hawaa keessaa bahu hin jiru jechuun deebii kennan.
Haalli amma mudateera jedhame kun kan umamee yeroo hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa jidduutti badee ture fooyya'uun Itoophiyaa ambasaaddarashee haaraa itti muuddettidha.
Ajajoonni waraanaa Itoophiyaa naannichatti bobba'ee jiruu, jaarsoolii Doolaa walitti qabuudhaan waraanni Somaaliyaa dabalataanis Baladiwees gadi dhiisee guyyaa sadii keessatti akka bahuuf guyyaan qabamuufii dubbataniiru.
Guyyootaan dura waraanni mootummaa federaalaa Abdiiriishiid Jaanaaniin durfamu erga Jubaalaandi waliin waraanaa guyyootaaf ture erga gaggeesseen booda bulchiinsa magaalaa Baladiwee qabateera.
''Kun dhugaadha. Aanga'oonni Kibxata Hagayya 5, 2025 jaarsoolii Doolloo walitti qabuudn dhimmicharratti haasoofsiisaniiru. Kana malees, namoonni kunneen (waraanni Somaaliyaa) eddicha gadi dhiisee akka bahuuf beelama guyyaa sadii kennaniiru. Eddoon gadi dhiisaa jedhan lafa Somaaleeti'' jedhan bulchaan kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn waa'ee marii jaarsolii biyyaafi ajajoota waraanaa Itoophiyaa jidduutti taasifameera jedhame irratti qaama walabaa irraa mirkanneeffachuu hin dandeenye.
Bulchaan Geedoo, Abdullaahii Abdii Jaamaa mariin taasifamu mirkanneessuudhaan ''jaarsoliin jiru, namootuma magaalichaati. Namootuma beeknudha'' jedhaniiru.
Itti dabaluun ajajoonni waraanaa Itoophiyaa wayita jaarsoolii biyyaa waliin marii taasisanitti, ''Masriin dhufaa jiraachuu, akkasumas loltoonni biraas dhufaa jiraachuu ni beekna. Nama waraanaa mootummaa federaalaa dursan Abdurashiid Jaananii maqaa kaasuudhaan dubbataniiru'' jedhan.
Jaarsoliin biyyaa ajajoota waraanaa Itoophiyaa waliin mari'atanis guyyaa sadi kaa'ame ilaalchisee jidduusaaniitti qoodinsi uumamee akka ture bulchaan Geedoo dubbataniiru.
''Jaarsooliin biyyaa gargar qoodaman. Baayyeensaanii wara Masrii hin agare ni beekna ture jedhan. Namtichis [Abduraashiid Jaananiin] ta'e humnootiin mootummaa federaalaa biyya ofiisaanii keessa jiru. Haa bahan kan jedhu isiniidha. Nu bahaa jechuun sababa omaatuu hin qabnu'' jechuun deebii kennu dubbatan.
Bulchaan kun itti dabaluudhaan, haalli naannichatti umamee mootummaa jidduugalaatii beeksiisuu dubbatan.
Bulchaan naannoo Geedoo, ajaja gama waraanaa Itoophiyaatiin kenname ''deebiin keenya biyya keenya keessa jirra. Jidduu seentummaa hin fudhannu'' jechuun BBC Somaaleetti himan.
''Namoonni (ajajoonni waraanaa) kunneen mootummaa Itoophiyaa bakka akka bu'an ni beekna. Ajajoota addarra jiraniidha, qondaaltoonni daangaarra jiran irra dedebiin waan sirrii hin taane hojjatu.
''Tarkaanfiin kun kan mootummaa Itoophiyaa ta'ufi dhiisuu mirkanneessuu barbaachisa, Ta'us yaadichi kan motummaa Itoophiyaas ta'e kan qondaaltoota waraanaa hin fudhannu.''
Bulchaan Geedoo kan mootummaa federaalaa Somaaliyaatiin mudaman kun akka jedhaniitti, qondaaltoonni waraana itoophiyaa jaarsoolii biyyaa waliin mari'atan ''loltoonni Masriifi Ertiraa gara naanichaa dhufaa jiru'' jechuun akka itti himan dubbatan.
Pirezidantii Itaanaan Jubaalaand, Muhaamud Sayid Adan BBCtti akka himaniitti, ''naannichatti mootummaan Moqaadishoo kaayyoo hojiirra oolchuu barbbaadu qaba... Garaagarummaan mootummoota jiddu jiru akka naannoo keenyatti hin ceenee gochuuf yaalaa jirra. Yaada Ertiraafi Masrii gara bulchiinsichaatti fiduuf barbaadaa jiru fakkaata'' jechuun bulchaa geedoo qeeqaniiru.
Obbo Muhaamad Sayid Adan yaada kennan ilaalchisee Bulchaan Geedoo yoo dubbatan, ''loltoonni Ertiraafi Masrii Somaaliyaa keessa eessa akka jiran hin beeku. Haata'u malee, Geedoo keessa hin jiran. Kana jechaan kan jiru mootummaa Itooophiyaati. Kun oduu sobaati'' jedhan.
Bulchaan kun, waa'ee qaamoolee yeroo ammaatti aanaaleefi magaaloota Geedoo waan jiranii yoo dubbatan, mootummaa jidduugala Somaaliyaafi dureewwan Jubaalaand jidduu waldhabdee aanoo kaasaniiru.
Kanaanis bulchiinsa bulchaa naannichaa kan ta'an Ahimad Maadoobeen qeequudhaan, ''Dolloon alatti magaaloonni hundi to'annoo keenya jala jiru'' jechuun olaantummaa motummaan federaalaa naannicharratti qabu ibsan.
Mootummaan Somaaliyaa gamasaanitiin, karaa ministeera dhimma biyya keesaatiin ibsa Roobii kaleessaa baaseen, aanga'oota olaanaa Jubaalaand walitti bu'iinsa kakaasuudhaan himateera.
''Mootummaan federaalaa Somaaliyaa kan gareen Ahimad Maadoobeen durfamu naannoo Geedootti walitti bu'iinsa kakaasuu akkasumas yakkiwwan raawwate haguuguudhaaf odeeffannoo sobaafi dogogorsaa tamsaasuuf yaalii taasiisaa jiraachu ni beekna'' jechun himate ministeerichi.
Ibsicha irratti maqaadhaan kan eeraman buchaa ittaanaan Puntiilaand, Muhaamud Sayid Adan kanaan dura Bulchiinsa Geedoo keessatti yakkawwan raawwataman hedduu keessaa harka qabu jedheera.
Akeekkachiisa guyyaa sadii waraanni Itoophiyaa jaarsoolii biyyaa Dolloo keessatti argamaniif kenneera jedhame ilaalchisee BBC Somaaliin aanga'oota ministeera dhimma alaa mootummaa Itoophiyaa irraa barreeffamaa fi bilbilaan deebii argachuuf yaaliin taasisee ammatti hin milkoofne.












