Dhimmi Moyyaaleefi caaseffamni bulchiinsaa haaraan Naannoo Somaalee mormiin mudate maali?

Madda suuraa, EBC
Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaan Naannoo Somaalee caaseffama bulchiinsaa bifa haaraan eegaluu fi aanaalee 14 bulchiinsa haaraa jalatti akka hammataman ibsuu hordofee ibsa baaseen, adeemsi kun akka isa yaaddessuu fi akka mormu ibseera.
Manni maree Naannoo Somaalee 6ffaan kora idilee 9ffaa bara hojii 4ffaa taa'aa jiruun bulchiinsa akka haaraatti caaseeffame keessatti aanaalee 14 haaraa dabaluun aanaalee naannochaa 95 turan gara 109tti guddisuu ibsuurraan kan hafe aanaaleen kunneen kam fa'i akka ta'an bal'inaan hin ibsine.
Akkuma manni maree kun caaseffama haaraa kana raggaasisuu ibseen mormiin kan dhagahame yoo ta'u, keessattuu naannoo Oromiyaa kutaalee naannoo Somaaleen wal daangessan irratti hiriirri mormii gaggeeffameera.
Naannoon Somaalee daangaa bal'aa Oromiyaa faana kan qooddatu yoo ta'u, yeroo garaagaraatti babal'ifannaa daangaa fi lafa dheediinsaa irratti walitti bu'iinsi ni uumama.
Kanaanis lubbuun namaa ni gaaga'ama, namoonni hedduunis qe'eerraa buqqaafamu.
Aanaaleen Naannoo Oromiyaa bulchiinsa naannoo Somaalee waliin daangessan hedduunsaanii Godina Booranaa, Baalee fi Harargee keessatti argamu.
Godina Booranaatti guyyaa har'aa jechuunis Adoolessa 27, 2025 caaseffama bulchiinsaa haaraa naannoo Somaalee kana mormuun hiriirri mormii gaggeeffamuu BBCn odeeffateera.
Mootummaan naannoo Somaalee caaseffami haaraan kun jiruu fi jireenya hawaasaa kan fooyyessu ta'uu himus, namoonni hiriira mormii ba'an garuu lafti isaanii akka irraa hin fudhatamne sodaa qabaachuu ibsataa jiru.
Lafti isaanii weeraramuu akka hin qabnes namoonni hiriiraafa bahan dhaadannoo dhageessisaa turan.
Naannichi aanaalee haaraa 14 wayita caaseffama bulchiinsaa isaa haaraa keessatti dabaluuf murteessu, faayidaa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa hawaasa aanaalee kunneen keessa jiranii mirkaneessuuf ta'uu ibseera.
Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti Naannoo Oromiyaa kan aanaaleen irraa fudhatamuun himamee kan jedhe hin jiru.
Haata'u malee, ''Caaseffama bulchiinsaa kana bifa haaraan keessa deebi'anii qindeessuun hojiiwwan bulchiinsaa fi tajaajiloonni akka si'atan taasisa jedha,'' ibsi naannochaa kan miidiyaan mootummaa biyyattii kan ta'e EBCn gabaafame.
Addi Bilisummaa Oromoos ibsa isaa keessatti ''Daba siyaasaan daangaa Oromiyaa dabarfamee kennamu hin eeyyamnu,'' jechuun caaseffama haaraa Naannoo Somaalee kana akka mormu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ABOn Manni maree Bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee walgahii isaa dhaabbataa 9ffaa gaggeeffate irratti ''Onoota 14 daangaarra jiran bulchiinsa naannichaa bifa haaraan ijaarachuuf jiru jala galfachuuf murteesse keessaa, Mooyalee qe'ee angafticha Oromoo, Oromiyaa irraa kutuun kan isaa taasifachuu murtoo dabarsan mirkaneeffadheera,'' jedhe ibsa isaa kanaan.
Dhaabichi ''bulchiinsa Oromoo jala bulaa jiru,'' jedheen jalatti aanaalee hedduun naannoo Somaalee jala galaniiru jechuun mootummaa biyya bulchaa jirus himateera.
Addi Bilisummaa Oromoo ibsa kanaan ''Dirre Dhawaa fi Madda Walaabuun walqabatee gandoonni daangaarra jiran hedduun humnaan fudhatamanii uummanni rakkoo keessa akka jiruu fi qaama mootummaa isa dhagahus dhabuu,'' eere.
Mootummaan naannoo Somaalee aanaalee caaseffama bulchiinsaa haaraa jalatti hammataman tarreessuu baatus, ABOn garuu ''Cinaaqsan, Hulluuqoo, Bilaalee, Araaraaf, Warraa Dodoo, Dhaweeyisaa, Qaligaa Warraa Sa'iyyoo, Darbilee, Tamaam, Caffee Baaduu, Elaa Agamsaa, Kululoo, Elaa Ahmaar, Hossoolee, Jirilee, Feraad, Dhuhlaaleyii, Gelboob jedhaman mootummaa federaalaan deeggaramee mootummaan naannoo Somaalee humnaan of jala galchuun Alaabaa isaanii irra dhaabataniiru,'' jedhe.
Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo bara bulchiinsa mootummaa duraanii Naannoo Somaalee Abdii Illee humnoota addaa naannoo Somaalee ''Liyyuu Haayilii'' jedhamuun beekamaniin raawwatee ture yaadachuun gochaan ammaa kunis "Madaa Ummata Oromoo irratti Ashaboo firfirsuu dha," jedhe.
Tarkaanfii amma fudhatame kanaan ''badii dhufuu malu hundaaf kan itti gaafataman Mootummaa Naannoo Somaalee, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaati,'' jechuun ibseera ABOn.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa naannolee lameen gidduutti walitti mudachuun hanga lammiileen miidhamanitti eeguurra furmaata hatattamaa akka fidus gaafateera.
Pireezidantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafaa Umaar gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin rakkoo uummatoota Somaalee fi Oromoo gidduutti dhalatee tureef furmaatni dhumaa daangaa sararuu miti jedhanii turan.
Wayita Ministirri Muummee Abiy Ahmad filataman qormaata isaan mudatee bulchiinsa isaaniif yaaddoo ta'e keessaa haalli naannoo Somaalee sadarkaa duraa irratti eerama.
Ministirri Muummee Abiy qormaata isaan mudateef fala kaa'an keessaa tokko caasaa bulchiinsa naannoo Somaalee jijjiiruudha.












