Naannoo Somaaleetti ''miirri foxxoquu hafeera jechuun ni danda'ama'' - Pir. Musxafee

Obbo Musxaffee Mahammad
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Naannoo Somaalee Obbo Musxaffee Mahammad

Pirezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad namoota MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuusaanii hordofuun aangoo olaanaa mootummaa qabatan keessaa tokko.

Obbo Musxafee tibba kana Keeniyaatti argamuudhaan bakka bu'oota hawaasa Somaalee akkasumas aanga'oota Kaawuntii Gaarriisaa kan Somaaliyaan karaa Keeniyaatiin wal daangeessituu waliin mari'ataniiru.

Dowwannaan aanga'aa kanaa Keeniyaatti taasisan, kaayyoo ''wal gargaarsaa fi hariiroo hawaasa Somaalee Itoophiyaa fi Keeniyaatti argaman'' cimsuu akka ta'e ibsameera.

Obbo Musxafeen turtiisaanii Keeniyaatiin BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniiru.

Gaazexeessitoonni BBC'is haalawwan yeroo naannoo Somaalee, dhimma hidhaa naannicha keessatti raawwatamu, waa'ee paartii mormituu naannichaa kan ta'e waa'ee Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen (ABBO) ilaalchisuun gaaffii Obbo Musxafeef dhiyeessaniiru, dhiyaadhaa.

BBC: Dur yeroo Naayiroobii turtaniitti bulchaa duraanii naannichaa qeeqaa turtan, haala ifaafi ifa hin taaneen. Keessattuu sarbama mirga namoomaa naannicha keessa tureerratti sagalee keessan dhageessisaa turtan. Erga aangoo qabatanii booda akka qeequu sanatti salphaadhaa? Haala sirna duraatiin adda ta'etti maal milkeessitan?

Obbo Musxafee: Biyya siyaasni idilee jiruutti tarii gaaffiin kun, alaafi yoo keessa galamu adda adda jedhamuu danda'ama.

Mirkanadha ergan gara aangoo siyaasaatti dhufeen booda, wantoonni wal xaxaaan dur ala yoo jirtu sitti hin mul'anne akka jiran, wanti hundi adiifi gurraacha qofaa akka hin taane si gala.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haalan yeroo sana qeeqaa tureen garuu wanti addaa homtuu hin jiru. Haala sarbamni mirga namaa sukkaneessaan itti raawwatamu keessa galee yoon ilaalu, sana dhaabsiisuunkoo, sun akka hin jiraannee gochuunkoo boqonnaa naaf kenna.

Malee ala ta'e kanan qeeqaa ture 'tarii dogongoreen ture ykn harbeesseen ture' hin jedhu.

Mana hidhaatti namnonni ni dararamu, namni sababii yaadasaatiin ni ajjeefama, awwaalchi jumlaa ni jira. Waaqni na gargaaree nageenya qabatamaa jiruutii haala akkasii keessa akka hin gale waanan godheef hamlee olaanaafi gammachuu sammuuti natti dhagahama. Malee kanan dur qeeqaa tureen yeroo tokko tokko nan harbeessee hin jedhu.

BBC: Waggoota darban torba bulchiinsa Abdii Illeetiin wal bira yoo qabdanii ilaaltan, miira attamiitu isiniitti dhagahama? 'Baayyee jijjireera' jettanii miira milkaa'inaatii immoo 'akkan yaade naaf hin deemne?' jechuun miira gaabbiitu isinitti dhagahama?

Obbo Musxafee: Sadarkaa olaanaadhaan miira milkaa'inaa fi boqonnaa sammuutu natti dhagahama. Fakkeenyaaf, gabaabsuuf, sarbama mirga namaatu ture. Amma hin jiru. Rakkoo nageenyaatu ture, amma hin jiru. Naannicha keessa nagaatu jira.

Gama misoomaatiinis naannichi erga hundeeffamee as hojiiwwan waggoota 30 keessatti hojjatamaniin dorgoman dameewwan hunda; fayyaa, barnoota, bishaan... hojjanneera. Bara miidiyaa hawaasaa sababii ta'ef kan miidiyaarratti jedhamu akkuma jirtutti ta'e, osoo yeroo qabaannee lakkoofsaan osoon kaa'ee caalaa amanamaa ta'a ture.

BBC: Malaammaltummaan ammalleen naannicha keessa haala olaanaa ta'en jira.

Obbo Musxafee: Hin jiru. Naannoon Somaalee erga hundeeffamee waggaa 30 as bulchiinsa qulqulluu (the cleanest) ta'e dursaa jirra. Bulchiinsa qulqulluudha jedheen amana. Sababiinsaas misooma hojii uumuu, maallaqni nyaatamaa hin hojjatamu.

Naannoo keenyatti maaliif malaammaltummaan odeeffamaa? Wanti tokko jira. Sirnawaa (systematic) ta'u baatuus rakkoon bakkuma hunda ni jiraata.

Lammaffaa kana ajandaa gochuun afarsuun waan barbaadameefiidha. Fakeenyaaf, 'malaammaltummaan jira' kan jedhamu eenyu waliin madaalchiifameeti?

Sirna kanaan dura ture waliin yoo wal madaalchifame, daldala dabalatee kan to'atame, kan namni keessatti hin daldalle, adeemsi caalbaasii kan hin turre, naannichi bajatasaa keessaa %15 qofa kan itti baasu, kan hafa %85 deeggarsa federaalaatiin haala itti socha'aa turedha.

Haalli har'a jiruun naannichi %45 galii ofiisaatiin haguuggata. Yoo bajata bara kanaa ilaalle, doolaara biiliyoona 40dha. Doolaarri biiliyoona 23 ta'u deeggarsa federaalaatiin, %17.3 ammoo naannichatu baase.

Kanaafuu yoo safartuufi yoo ragaan ilaalame, haala cimeen malaammaltummaa irratti qabsaa'uudhaan hojimaata diriirsineerra. Ani yoo naannoo dhaqu jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni hundi haala itti kontoraaktar itti ta'aniitu ture. Har'a garuu hin jiru. Sirni caalbaasii jira. Sirummaayyuu tibbana sirna bittaa elektironiksii diriirsineerra.

BBC: Pirezidantiin duraanii naannoo Somaalee Obbo Abdii Mahaammad Umar (Abdii Illeen) wagga jahaan booda bara darbe hidhaarraa hiikamaniiru. Hidhaarra hikamusaanii attamiin ilaalatan?

Obbo Musxafee: Abdii Muhammad Umar kan hidhame sababii taatee Adooleessa ALI 28, 2020tiin. Sababii hokkoraafi jeequmsa yeroo sana tureetiin hidhame. Kan hidhamees mootummaa federaalaatiin ture. Adeemsa waliigalaasaa kan to'atan isaanuma ture. Garuu rakkoo naannicha keessa ture gama ilaaluun gama keenyaan hanga ammaattuu qorannoorra jirra.

BBC: Hidhaarra hiikamuusaa keessa harki keessan jiraa?

Obbo Musxafee: Hin jiru.

BBC: Gadhiifamuunsaa sirriidha jettanii amantuu?

Obbo Musxafee: Lakkii sirrii miti jedheen yaada. Haata'u malee, biyyattiin yeroo ammaatti rakkooleen siyaasaa gara biraa waan jiraniif yeroo kanatti kana odeessuun barbaachisaa miti.

BBC: Bulchiinsi isin hooggantan yeroo gara aangootti dhufeetti, dhimmoota kaafaman keessaa tokko bilisummaa miidiyaa ture. Yeroo ammaatti garuu yaadawwan Facebook irratti kennamaniin ykn af-gaaffii taasisaniin kanneen hidhaman jiru. Dhimma kanarratti deebii maalii qabdu?

Obbo Musxafee: Deebiin koo namni sabaa himaarra hojjatu tokko jalqaba ogummaa fi beekumasa gaazexeessummaa isaa gabbiifachuu qaban jedha. Waan dhagahe qofaa cal jedhee fudhachu hin qabu. Yaada Facebook'n hidhamu dandeessa. Maxxansiifi yaadni tokkuma. Erga gabaabaadhaanis hidhamu dandeessa. Ilaalamu kan qabu qabiyyee ergaa sanaati. Fakkeenyaaf, yoo pirezidanti Tiraamp 'haa ajjeefamu' yoo jette, maxxansaanis ta'e, ergaa gabaabaa ykn yaadaan tokkuma.

BBC: Namni 'Pirezidantiin haa ajjeeffamu' jedhe jiraa?

Obbo Musxafee: Hin jiru. Akka fakkeenyattan kaase male. Namni sababii yaada (comment) isaatiin hidhame yoo jiraate maqaasaa natti himiitii af-gaaffii kana booda na gaafadhu. Sobadha, namni sababii yaada kenneen hidhame akka hin jjirre beeka.

Lammaffaa, yaada dogongoraa yoo ta'e, hidhamu danda'a, badii miti. Asi Keeniyaatti, Ameerikaa keessattis hidhaan akkasi jira. Garuu ammoo ifa kanan taasisuu, namni yaadaan hidhame hin jiru. Namni hidhamee ture yoo jiraates tarkaanfiin booda hiikameera.

BBC: Yoo xinnaate namoonni afur haala kanaan akka hidhaman odeeffannoo qaba. Isaan keessaa tokko gaazexeessaadha. Itti gaafatamaan ittaanaan biiroo dargaggoofi Ispoortii naannichaa fi rogeessi dhimoota hawaasummaas keessa jiru. Muraasa mana murtiin itti murta'eera. Sababiin hidhaa sana kan Facebook'n wal qabatu akka ta'e dubbatama. Isin namni sababii Facebook'n hidhame hin jiru jettu?

Obbo Musxafee: Arfanuu jiru. 'kan Facebook'n wal qabatee hidhame jira' yoo jedhame namoonni afranu jiru. Arfanis, gaazexeessa, aanga'aa mootummaa duraanii fi lamaan aktivistootadha. Arfan qofaadha namni shanaffaan hin jiru.

Obbo Musxaffeen aangawoota federaalaa waliin

Madda suuraa, Mustafe M. Omer/X

BBC: Maaliif hidhaman?

Obbo Musxafee: Sittiin deebi'a. Kan hidhaman baatii kana keessa. Kanaan dura haala kanaan namni hidhame hin jiru. Tarii namoonni muraasi qabamanii gadhiifaman turan. Hidhuun ni danda'ama.

Namoonni arfan kan himataman maqaa humnoota nageenyaa balleessuudhaan.

Manneen hidhaa naannichaa ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa kennuun, dhimma mucaa mana hidhaa keessatti du'ee faayidaasaaniitiif oolchuudhaan, hojii ummata kakaasuufi dogongorsiisuu hojjataa turan.

Dhimma biyya keessaafi sadarkaa addunyaatti seera duratti dhiyaachuu danda'udha. Kan hidhaman afur. Kun naannicha keessa bilisummaan miidiyaa hin jiru hin jechiisiisu.

BBC: Namoota kaaftan keessaa Abdii Baaruud tokkoodha. Sababii namoota mana hidhaatii bahan walin af-ggaaffii taasiseen…

Obbo Musxafee: Ani kanan beeku 'mana hidhaa keessatti namoonni miidhaman' jedheen akka barreesseedha. Kana qofaas miti, kun sababoota ittiin hidhame keessaa tokkoodha. Dhimmicha biiroo haqaafan dhiisa. Nuti mootummaadha. Facebook irratti mana murtiifi abukaatoo dhaabuu hin dandeenyu. Dargaggoonni kunneen maatii qabu, abukaatoos qabu, ani mataankoo abukaatoo dhaabuufan danda'a.

BBC: Himannaawwan kunneen sirrii ta'usaanii attamiin mirkanneeffattan?

Obbo Musxafee: Ani hin mirkanneessu. Kan hidhaman anaan miti. Poolisiitu isaan hidhe.

BBC: Namni tokko yoo komii qabaate, kan irratti waliin hin gallee hubachiisuu ykn waa'ee dhimma manneen hidhaa dubbatu mootummaan dhimmicha ilaaluuf itti gaafatamummaa qaba. Amma garuu namoonni yoo komii dhiyeessanii yeroon itti hidhaman tokko ta'era. Kanaafuu 'mootummaan xiyyeeffannaa kan taasisuu dhimma ka'eerratti osoo hin taane namooti dhimmicha kaasan irratti' kanneen jedhan jiru. Waa'ee komii kanaa maal jettu?

Obbo Musxafee: Agartee, nuti malaaka rabbi miti. Poolisiifi abootiin alangaatis malaaka miti. Ani dubbataa kan jiru waa'ee sirruummaa fi dogongora ta'u miti. Kanan dubbataa jiruu lammiin tokko hidhamee miti?

Hattuu osoo poolisiin hordofaa jiruu nama itti dhukaafame miti? Dhimmoota kanneen furuu ilaalchisee ejjanoonkoo akkuma sirni haqaa deeggaruutti kan jedhuudha.

Namoota ati kaaftee keessaa tokko firakooti. Maatiisaa ammoo Jigjigaa jiru. Dhufanii naan haafalman, qodhiidha. Mana murtii haadhaqan, hanga Finfinneetti ol haa iyyatan. Dhimma seeraa siyaasa gochuun sirriidhaa?

Naannoo kanaan dura namoonni konkolaataarraa darbatamaa turaniitti, bakka dubartoonni itti gudeedamaa turaniitti, naannoo bakka baayyeetti awwaalchi jumlaa argamuutti, osoon ani hin dhufiin dura namoonni gadhiifaman osoo jiraniiyyuu yoon gara mana hidhaa deemu, namoonni kuma torbaa hidhamanii turan. Manni sirreessichaa garuu namoota 500 qabachuuf yaadamee kan qophaa'e ture.

Har'a garuu aniifi ati kan wal falmiinu waa'ee namoonni afur hidhamuu yoo ta'e jijjiramni jiraachu agarsiisa. Lammiileedha, mirga sarbuu miti. Ani itti gaafatamummaan fudhadha. Yeroon dhiifamni itti barbaachisu yoo dhufe, dhimman murtee itti kennu ta'a.

BBC: Paartiileen siyaasaa Somaalee keessa jiran komii qabu. Paartilee keessaa tokko Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen (ABBO)dha. Kanaan dura dura taa'aan paartichaa BBC dubbise Obbo Abdiraahmaan Mahidii komiiwwan kaasan keessaa tokko waajiraaleen paartichaa magaala Jigjigaa fi godinaalee kaan biroo keessatti argaman irra midhaan gaheera. Cufaniiru, kanaan kann ka'ee sodaan nutti uumeera' kann jedhu kaasan. Mootummaan deebiine boson akka galuuf nu adamsaa jira jechuun komii dhiyeessu. Waa'ee komii kanaa maal jeettu?

Obbo Musxafee: Falmii kana haa dhiifnuutii, miseensi paartii kanaa Jigjigaattiis ta'ee gpdinaalee kaaniitti hidhame hin jiru. Dhimmi kun sodaa yoo ta'e, sodaachuu dhiisuu qabu. Ani kennuufii kanan danda'u gorsa qofaadha. Namni isaan jalaa hidhame tokkoo hin jiru.

BBC: Waajjiirrisaanii garuu cufameera.

Obbo Musxafee: Isa itti deebiina. Af-gaaffiichi walitti iyyuu akka hin taaneef, kanan dubbachuu qabu waan sirrii qofaadha. Namni hidhame yoo jiraate ni ilaalama. Garuu hin jiruun jedha. Isaaniis jira jechuun hin danda'an. Biiroon cufame tokkooleenis hin jiru. Haata'u malee, baatii tokoon dura walgahii mootummaatti hin beeksiifamen gaggeessanii ture.

Yeroo sanatti ammoo mucaan tokko ajjeeffameera jedhamee ture. Poolisoonnis walgahii sana akka dheeressaniif itti himaa turan. Mootummaan dhimma kanarratti itti gaafatamummaa qaba.

Poolisiin gara sana kan dhaqe erga walgahiichi xumurameen booda. Walgahii sana yeroo sanatti gochuun sirrii akka hin taane itti himne. Wal dhiibbaa muraasni umami. Namoonni to'ataman guyyoota muraasaan booda gadhiifamaniiru. Dhimmi kana caalu hin jiru.

Eddoowwan tokko tokkootti fakkeenyaaf, godina Erariitti komii akka biiroo hin gallee dhorkamne jedhu qabu turan. Innis taanaan furameera.

ABBOn heera mootummaa jala jira. Obbo Abdiirhimaan Mahidii mataansaa dura taa'aa kan ta'e xalayaa boordii filannootiin kennameefiin. Ammas dura taa'ummaasaa kan kaase boordii filannooti. Walgahii Paartichaatiin booda itaanaan isaa paarticha akka dursuuf kan murteesse boordii filannooti. Kanaafu har'a Jigjigaattis ta'e godinaalee birootti biiroon haa cufamu hin cufamiin kan jedhu kan murteessu dura taa'aa yeroo haaraadha.

Waxabajjii keessa hanga yaa'ii waliigalaa taasifataniitti, dura taa'aan isa yeroof aangoon kennameefiidha. Ammatti beekkamtii kan qabu, dura taa'aan biyya keessas jiru Abdiikariim Sheek Musee Kaalbiidgaahidha. Inni yoo komii qabaate keessumeessuuf qophiidha. Komiin kan dhufu dame foxoqeerraa yoo ta'e mirgasaaniti, garuu dhugaa miti.

BBC: Kanaafuu ABBO Obbo Abdiiraahimaan Mahidii dursan waajjirrii saanii Jgjigaa banaadha jechaa jirtuu?

Obbo Musxafee: Biirooleen ABBO saaqaadha. Seerichi, biiroo Abduraahimaan, biiroo Kaalbiidagaah, biiroo ebeluu hin jedhu. ABBO paartiidha. Yeroo kanatti amanamtoonni Abduraahimaanis ta'e, biiroon cufame kamuu hin jiru.

Garuu biiroo kama haa cufnu, kam haa bannuu kan jedhu kan murtaa'u dura taa'aa yaa'ii waliigalaatiin mudameen.

BBC: Akka ibsa keessaniitti Jigjigaa keessa kan jiran biiroolee ABBO adda addaa lamadha jechuudhaa?

Obbo Musxafee: Eeyyeen. Jigjigaa keessa biiroolee adda addaa lamatu jira. Dhugaasaa dubbachuun qaba. Dhimmi kun ammo kan dhufe sababii dura taa'aa fi ittaanaan dura taa'aa wal dhabiifiidha. Harki mootummaa dhimma kana keessa hin jiru. Ala teenyee ilaalaa turre. Sababiinsaas akka Abduraahumaan himannaan akka hin dhufneef harka keenya dachaafanneerra. Isan booda mootummaa waliin hojjachu kan danda'an paartichi tokkicha ta'uun erga yaa'ii waliigalaatiin dura taa'aa mudatanii boodadha.

BBC: Obbo Abdiraahimaan Mahiddii af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, wagga jahaan dura Magaalaa Ertiraa Asmaraatti qabxiilee mootummaa waliin walii mallatteessan keessaa 'hidhannoo hikkachuu' kan jedhuun alatti, tokkoonsaatuu hojiirra akka hin oollee dubbatan. Amma dameen Obbo Abdiiraahimaan Mahidiin durfamu deebii'ee boson seenuuf kan murteessu yoo ta'e dhimmichi isin yaaddeessa?

Obbo Musxafee: Abdiiraahimaaniifi gareensaa yoo bosonatti deebii'uun loluu barbaadan ana hin yaaddeessu. Kanaan duras gonkumaa bosona galanii hin turre. Kan na yaaddeessu biyyaan adda bahanii gara biyya alaa fi Landon deemuusaaniti. Ani kanan barbaadu biyyasaanii keessa akka jiraataniidha.

Naannoo Somaalee keessatti ABBO akka boson galuuf dhimmi isaan dirqisiisu hin jiru. Garuu yoo dhufe attamiin akka keessuumeessinu beekna. Gonkumaa kan na yaaddeessu miti. Ummannii kanaaf hayyamaa hin jiru. Garuu namni tokko yaada sirrii hin taane qabatee, Masriitti ykn biyya biraatti deeggarsa argatee ta'u danda'a. Garuun ummanni ani irraa dhufe waan akkasii kan fudhatu miti.

Pirezidantii naannoo SOmaalee Obbo Musxafee

Madda suuraa, Mustafe M. Omer/X

BBC: Gareen Obbo Abdiiraahumaan Mahidii biyya biraa irraa deeggarsa argataa jira himannaa jedhu dhiyeessaa jirtuu?

Obbo Musxafee: Eeyyeen, ABBO bosona galla kan jedhu biyyoonnii I gareewwan biraa keessattuu humnootiin Kaaba Itoophiyaatti argaman isaan jajjabeessaa jiru jedhen amana.

BBC: Kanaan dura waliigalteen ABBO walin taasifame kan mallattaa'e Ertiraatti. Mootummaa Ertiraarraa deeggarsa argataa turan. Amma Ertiraan akkuma Masriitti ABBO deeggaraa jirti shakkii jedhu qabduu?

Obbo Musxafee: Eeyyeen ta'u danda'a. Ani ragaan qabuun dubbataa jira. Diinni Itoophiyaa kamuu lola biyya keenya keessatti gaggeeffamu cimsuuf yaalaa akka jiru, ummata kakkaasuuf karoora akka qaban beekna. Kanaafu garee mormiitootaa kamuu ni fayyadamu.

BBC: Naannoon Somaalee bal'aadha. Ummannisaas baayyeedha. Haata'u malee, waggootaaf deeggaraa ta'e ture. Dirree siyaasa Itoophiyaa keessaa jirma hin turre, dame taasifamee ilaalama malee. Erga ati gara aangootti dhufeen booda ummanni Somaalee mirriisaa Itoophiyummaa dabaleeraa? Sadarkaa federaalaatti bakka bu'iinsa maluuf argateera? Gama kanaan maatu hojjatame?

Obbo Musxafee: Ergan ani dhufee as ummanni Somaalee mirriisaa durii hir'ataa Itoophiyaamummaa isaatti amanaa, yoo Itoophiyaamummaasaatti amanu ammo itti fakkeessoof osoo hin taane 'Itoophiyaarraa nan fayyadama, nagana qaba, misoomni naaf dhufaa jira, bakka bu'ummaan koo fooyya'aa jira, abbuummaan biyyaakoo mirkannaa'aa jira' miira jedhu qaba. Kanas wal dandeettiin amantaa, sabaafi sablamummaa naannicha keessaa qabatamaan ni agarsiisa.

Kana hunda eegaa kan jira mootummaa qofaa miti. Akka yeroo tokko tokko miidiyaarratti jedhamu waan aanga'aan tokko ykn aanga'oonni muraasni namoota gaarii ta'aniif ykn waan jiraniif miti. Miira ummata keessa jiru waan ta'eefiidha. Itoophiyaanoota, waliin jiraachuu qabna, amntaa kabaju qabna miirri jedhu waan dhufeefiidha.

Har'a mirrii foxxoquuf ture 'almost' hafeera jechuun ni danda'ama. Keessattuu bara miidiyaa hawaasaatti, miidiyaarra hin jiru. Amma miidiyaara kan jiran ajandaawwan gara biraati, beela'aa jirra kan jedhu. Kanaaf dur maddii dhaabannee oodaa kan turree sun hafeera, amma jidduu dhaqneerra, 'jidduunis kan keenya, jidduu ta'u qabna' yaada jedhuutti jijjirameera.

Kana kan deeggaru ammo, bakka bu'iinsa federaalaa arganneera. Itti gaafatamaan waajjira paartiifi ittaanaan ittigaafatamaan paartii naannoo SOmaaleerrayi. Ministirri faayinaansiis. Gama bakka bu'insaatiin baayyina qofa osoo hin taanees, madaalliin sadarkaa federaalaatti qabnu gaariidha.

Bakka bu'iinsaa dur deeggartoota turre, amma garuu paartii mummee keessatti koree jidduugalaa 23 qabna. Hojii raawwachiiftuu afur, hanga ittaanaa pirezidantii paartichaatti kan jirru. Kun naannoo SOmaaleetiif qabatamaan hirmaannaa keenya, sagaleen keenya hirmaachusaa kan agarsiisuudha.

Kana yoo jennu ammo 'bakka bu'iinsi' na gaha kan jedhu omtuu hin jiru. Eddoowwan seenuu qabnu hafanis jiru.

Dammee nageenyaarratti hirmaanaan keenya gadaanaadha. Birookiraasii federaalaarratti gadaanaadha. Dhorkamnee miti. Danqaawwan umamaa (natural barriers) jiru. Danqaa afaanii, kaanis jiru. Kaan ammo kan naannoo keenya jiruudha… sababii waan hojjachuu qabnu hin hojjatiin hafaneen kan dhufeedha.

Waliigalatti, ummanni naannoo Somaalee Itoophiyummaasaa osoo qawween hin sodaatiin, bulchiinsi anaan dura tures harka rukichiisaa ture. Lammii Itoophiyaatii jedha. Yeroo namni soodatuutti, yeroo bilisummaan hin turreetti onneessaarraa haata'uu haa dhiisuu maaliin beekam?

BBC: Yoo waa'ee federaalaa kaafnu, ati akka gara aangoo faderaalaatti dhuftuuf yaanni ni kennama. Hawwii akkasii qabdu? Gaaffiin isinii dhiyaatee beekaa? Osoo gara naannoo hin deemiin dura jalqaba 'pirezidantii akka taataniif gaaffiin isinii dhiyaatee ture' jedhama.

Obbo Musxafee: Ani akkan gara aangoo kana dhufu kan murteessa dursaa biyyaati. Keessattuu Dr Abiyutu gama kanaan gahee olaanaa qaba. Adeemsa tureen aanga'oonni naannichaa rakkoo keessa yeroo galeetti, yoo hayyuun naannicha tasgabbeessuu danda'u barbaadamuutti, adeemsa sana keessatti akkan hirmaadhu na taasian jechuukooti. Ittaanee adeemsi ture adeemsa caasaa paartii keessatti raawwatameedha.

Haala amma jiruun miseensa paartiitti. Kanaafuu naannootti ramadamee, federaalaatti ramadame dhiisee miti. Wanti ijoon hojiin irratti ramadamu itti gaafatamummaa naaf kennamu gahumsaan bahachuu fi bu'aa argamsiisuudha. Kaayyoon koo bu'aa argamsiisuudha. Gamaagamasaa kan hojjatu ana miti. Paartiichaa fiummatadha.

Tarree milkaa'innaa achiira jiru (score sheet) kan aanga'oonni murteessaniidha. Sana xinxaluudhaan bakka kana taa'u qabda jechuun ergama naaf kennamu bahachuuf qophiidha. Hanga ammaatti gara federaalaa akkan deebmuuf yaadni naaf dhiyaate hin jiru.

BBC: Isin fedhii dhuunfaa qabduu?

Obbo Musxafee: Eeyyeen qaba. Yoomiiyyuu umurii koo guutuu Naannoo Somaalee keessa taa'ee hin hafu.

BBC: Fedhii qabaannaan kaabiinee keessatti eddoon osoo ta'e jettan jiraa?

Obbo Musxafee: Hin filadhu. Bakkan gumaacha itti taasisu, eddoon itti dandeettii qabutti…

BBC: Inni kami jechuudha?

Obbo Musxafee: Gahee hojii ama hin beekne keessa seenee baayyee bu'aa kanan hin argamsiifne yoo ta'e, kan beekuun filadha. Fakkeenyaaf, ogummaankoo 'oggeessa qabeenya diinagdee qonnaati'. Hojiiwwan kanaan wal fakkaatan, garuu muudamni siyaasaa dirqama ogummaa barnootaa qofaan miti.

Haata'u malee, ni gargaaran jedha. Ogummaa qofaan durfamuurras kann beektu hojjachuun gaariidha amantaa jedhuu waanan qabuuf hin filadhu. Dirqamas ministira ta'u hin qabu. Bakkan itti ramadamu hondatti hojjachuuf qophiidha.

BBC: Fuula Facebook keessan irratti namoonni yaada akka hin kenniineef dhorkitanii jirtu. Maaliifidha?

Obbo Musxafee: Hin daangeessine. Namoonni yaada kennuu ni danda'u. Toorri Facebook koo akka fuulakooti. Atis seentee waanan barreessee ilaaluu dandeessa. Fakkeenyaaf amma waa'ee magaalaa Jigjigaa 'waan akkasiin raawwadha' jedhee osoon barreessee, ati isarratti yaada kennuu kan barbaadduu yoo ta'e, qooduudhaan wanti pirezidantichi barreessan sirrii miti' jechuu dandeessa. Lamaan keenyaafu ni fayyada.

Anaafi namoota jidduutti wal dhabdee kan umuu maaliidha? Ani kan jedhu qoodaatii (share) godhaatii achurratti yaada keessan barreessaa. Isaan kan jedhan 'lakkii, ilaalcha keenya kan barreessinu Facebook keerratti' kan jedhudha.

Namni tokko tokko manasaa eddoo caatiin itti qaamamu gochu danda'a. Namni biraa ammoo faallaa sanaatiin qulqullina manasaa kan eeggatu ta'u danda'a. Namoonni bakka yaada ittiin kennamu 'banii' jedhan tokko tokkos, fuula Facebook koorratti waa'ee sabummaa, haasaa jibbiinsaa haasa'u warra barbaadaniidha, ani isa hin barbaadu.

Ani kanan barbaadu, namni ilaalacha anarraa adda ta'e qabu Facebook waan qabuuf kan ofiisaarratti haa barreessu. Eenyumtuu isa hin dhorku. Kanaafu kan bilisummaa miidiyaatiin wal faalleessu miti. Ani ammoo sirna fuulichaan eegaa jira. Dureewwan addunyaas kan ni barbaadu jedheen yaada. Gariinsaanii ammayyuu kana ni raawwatu.

BBC: MM Abiy waliin walitti dhiheenyaa akka nama hojjatuutti attamiin isaan ibsitu? Waa'ee keessanis ummanni hin beeku kan jettan yoo jiraate nutti himaa mee.

Obbo Musxafee: Yeroo gabaabaa kana keessatti wanti sammuutti na dhufe hin jiru. Nageenyaa Naannoo Somaaleetiif dhimmi gumaacha olaanaa taasise jidduu galuumsi dur ture hafuusaati.

Federaalizimii sirrii hojiirra oolchuudhaan nu mataa keenyatu murteessa. Eenyuu akka seenu eenyu akka bahu nutu murteessa.

Ta'us hojiiwwan tarsimoo sadarkaa biyyaatti kennaman jiru. Hojiirra oolmaasaatti garuu bilisaan hojjanna. Kallattii kanaatiin Ministirri Mimmee guyyaa tokko hojii koo jidduu galanii hin beekan.

BBC: Dhugaadhaa?

Obbo Musxafee: Dhugaadha kun.

BBC: Ebeluun kaasaatii ebeluun muudaa dhimmi jedhu hin jiruu?

Obbo Musxafee: Sitti himaan jira. Kana yoo jedhu dhugaadha jedhee namni amanu baayyeen jiraachuu dhiisuu danda'a. Namni haa amanuu ykn haa dhiisuu miti. Ani dubbachuu kanan qabu kan sammuunkoo natti himuudha.Akka nama siyaasaatti ammoo amanamuu dhabuu miidhaa oggummaa waliin wal qabatu (Occupational Hazard)dha. Ministirri Mummee jidduu na jalaa seenanii hin beekan.

Bilisummaa kana akka kennan garuu namoonni baayyeen hin beekan. Yeroo baayyee miidiyaarratti kan dhiyaatu akka waan wanti hundi isaaniin to'atamuutti taasifameeti. Kun garuu har'a miti. Ergan hojii mootummaa keessaa baheyyuu waanan dhugaa bahuudha.