Konkolaattonni shaqaxa Tigraayiif fe'an naannoo Amaaraa fi Affaar keessa akka hin dabarre dhorkaman

Madda suuraa, SM
Konkolaattonni meeshaalee fe'an hedduun karaa naannoo Amaaraa fi Affaariin Tigraay akka hin seenne dhorkamuu konkolaachiftoonni BBC'tti himan.
Konkolaattonni meeshaalee adda addaa fe'anii gara Tigiraayitti deeman buufataalee sakatta'iinsaa naannolee lamaan keessatti akka dhaabbatan dirqisiifamuu konkolaachiftoonni BBC Tigrinyaaf himaniiru.
Biiroon Daldalaa fi Al-ergii Naannoo Tigraay konkolaattonni fe'umsaa meeshaalee naannichaaf fe'an kun guyyoota muraasa dura naannoo Amaaraa fi Affaar keessa akka hin darbine dhorkamuu BBC'f mirkaneessee jira.
Daarektarri Eegumsa Fayyadamtootaa biiroo sanii Obbo Kaasaahun Kindiyyaa konkolaattonni sababa uggura kanaan dhaabbatan "meeshaalee bu'uuraa" gara naannichaatti geejjibamaa turan fe'anii akka turan BBC'tti himaniiru.
Obbo Kaasaahuun akka jedhanittii uggurri gama Affaariin kaa'ame kan eegale Wiixata Caamsaa 26, 2025. Akkasumas guyyaa itti aanu Kibxata Caamsaa 27 irraa eegalee ammoo daandii naannoo Amaaraa gara Tigraayitti geessu irratti uggurri akka kaa'ame beeksisaniiru.
Konkolaachiftoonni kunneen gama isaaniitiin naannoo Affaaritti guyyoota torbaaf dhaabbachuu isaanii ibsuun, ''ajaja gubbaa irraa kennameen'' Tigraay akka hin seenne dhorkamne jechuu malee sababa isaa akka hin beekne BBCtti himaniiru.
Konkolaachiftoonni konkolaattotaa fe'umsaa kunniin, kutaalee Itoophiyaa fi Jibuutii irraa akka ka'an ibsuun naannoo Affaar fi Amaaraa naannoo Woldiyaatti buufataalee sakatta'iinsaa lama yommuu ga'an Tigraay akka hin seenne itti himamuun ummataa fi hawaasa daldalaaf yaaddoo guddaa akka uume ibsaniiru.
Dilbata darbe, Caamsaa 25, 2035, buufata sakatta'iinsaa daandii Affaar irratti Serdoo Meedaatti argamutti konkolaachisaan tokko konkolaataa isaa waliin Tigraay akka hin seenne dhorkamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanbata halkan ammoo naannoo Affaar bakka Adaayituu jedhamutti sararri cufamee akka darban akka hin hayyamamne itti himame.
"Maaliif dhorkamna? jennee yeroo gaafannu ajaja olii dhufe, hanga ajaja biraa argannutti eegaa jedhan. Ajajni dhufe, kanaaf bakka tokkotti dhaabbadhaa jedhame. Haasaan biraa hin turre. Yeroo ajajni gadhiifnu nuuf kennamu socho'aa jenna," jedha.
Adaayituun hanga Wiixata, Caamsaa 126, 2025tti turanii hayyama argahcuu booda socho'uus dubbatu.
"Wiixata ganama sa'aatii 8:00tti imala keenya jalqabne. Haaa ta'u malee, bakka Serdo Meda jedhamuufi Maqaleetti jallatu irratti nu dhaabanii akka hin dabarre nutti himan," jechuun BBC Tigrinyaatti himaniiru.
Konkolaataa Adaayituutti kan dhaabe poolisii Affaar ta'uu kan ibse konkolaachisaan tokko, buufata sakatta'iinsa federaalaa waan ta'eef, Serdoo Meedaatti miseensota poolisii federaalaatiin akka dhaabbatan dubbata.
Konkolaattonni meeshaalee fe'an guyyootaaf akka cufamanii fi hanga ammaatti furmaanni kenname akka hin jirre konkolaachiftoonni kunneen ni dubbatu.
Affaariin alattis konkolaattonni meeshaalee gara Tigraay deeman fe'an daandii Woldiyaa-Allamaaxaa akka hin dabarre dhorkamuu, yoo xiqqaate konkolaachiftoonni konkolaattota fe'umsaa 30 buufata sakatta'iinsaa kana irratti akka danqaman ibsaniiru.
Konkolaattonni Woldiyaatti dhaabbatan kunneen kanneen Serdoo Meedaa keessa akka hin dabarre dhorkaman keessaa akka ta'an hubatameera.
Konkolaattonni naannoo Affaaritti uggura kaa'ame arganii garagalanii naannoo Amaaraa keessa darbuuf yaalan jiru.
"Guyyoota afur lakkoofsisaniiru. Jjalqaba karaa Serdoo dhufan. Daandichi cufamuu yommuu hubatan garagalanii karaa Woldiya dhufuuf yaalan, garuu hin milkoofne. Sababni isaa hin beekamne. Ani akka carraa ta'ee meeshaa feesiseen ture, [konkolaachisaa] yeroon gaafadhu, "Sababni isaa hin beekamu" naan jedhe. Dhaabbachuu nutti himame. Gubbaa irraa ajajamne jedhan. Karaa Woldiyaan deebi'uuf yaale, garuu hin taane Cufameera.
Buufatni sakatta'iinsaa kunneen kanaan dura yeroo Waraana Tigraay gargaarsi fi meeshaan kamiyyuu gara Tigraayitti akka hin dabarre ittisuuf kan oolan turan.
Konkolaattonni hundi sanada seera qabeessa ta'uu isaanii ibsu akka qabaniifi maaliif akka danqaman akka hin beekne himaniiru.
Poolisiin akka hin dabarre isaan uggure yeroo gaafatamu 'sababni isaa hin beeknu, ajaja olii dhufdha'' jechuu dubbataniiru.
Konkolaachiftoonni kunneenis fe'umsi kun kuduraalee fi muduraalee manca'an, akkasumas sukkaaraafi zayita ammoo Jibuutii irraa fe'ame akka qabatan ibsaniiru.
"Qabeenyi dabarfamuu dhabuun isaa wanti tokko dogoggora ta'uu ummata biratti shakkii hin barbaachifne akka uumamu taasiseera. Haalli kun haala waraanaa darbe isaan yaadachiiseera. Garaagarummaan siyaasaa jiraatus daldala irratti ummata miidhuun sirrii miti," jedha abbaan konkolaataa fe'umsaa tokko..
Namni akkas jedhe kun ji'a tokko dura sababa hin beekamneen daakuu Affaar keessa akka hin dabarre dhorkamuu yaadatu. Yeroo ammaa "Daakuu fi qamadiin Woldiyaa keessa darba" jedha.
Uggurri kun jiraattota naannoo Tigraay biratti yaaddoo kan uume yoo ta'u, BBCn jiraattota irraa akka dhaga'etti, gatiin meeshaalee akka dabalu sodaan jira.
Biiroon Daldalaa fi Al-ergii Naannoo Tigraay Roobii darbe konkolaattotni gara Tigraay seenuu dhorkamuu Xalayaa Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa qaxanaatiif xalayaa barreesseen beeksiseera.
Obbo Kaasaaahun akka jedhanitti, hanga ammaatti mootummaa federaalaa irraa deebii xalayaas ta'e karaa biraatiin kenname hin arganne.
Sadaasa darbe yeroo uggurri boba'aa gara naannoo Tigraayitti galfamu kaa'amee ture mootummaa federaalaa irraa deebii ifa ta'e akka hin arganne yaadachiisaniiru.
"Yeroo hunda gaaffii irra deddeebi'amee fi boba'aa ilaalchisee xalayaa barreessina. Garuu Ministeerri Daldalaa [xalayaa deebii] sirnaan barreessuu irratti qaawwa qaba. Boba'aa ilaalchisee deebii sirnaan nuuf hin kennu," jedhan.
Obbo Kaasaahuun akka jedhanitti, rakkoon konkolaattota irratti uggura kaa'uu kan barbaachisu yoo jiraate xalayaadhaan waajjiraaf gabaafamuu qaba ture jedhan.
"Amma garuu bilbilaan ykn xalayaan homaa nutti hin himamne. Waa'ee cufamuu kanaa akkuma nama kamiiyyuu ni beekna turre. Akka waajjiraattillee, 'Kun sababa kanaaf hojjetamaa jira' kan jedhu sirnaan nuuf ergamu hin jiru," jechuun BBC'tti himeera.
Daarektarri kun konkolaattonni gara naannoo Tigraayitti imalan hundi ''meeshaalee bu'uuraa'' fe'anii akka turan himaniiru.
Itti dabaluunis "konkolaattonni fe'umsaa tokko ykn lama" xaa'oo fi boba'aa fe'an Affaar keessa akka darban hayyamameera.
Biiroon Daldalaa fi Al-ergii xalayaa Roobii darbe barreesse booda, ''cimina dhimmichaa ibsuun'' xalayaa biraa Ministeera Daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaaf erguuf qophaa'aa akka jiru ibseera.
Meeshaaleen kunneen naannoo Tigraay akka hin seenne maaliif akka dhorkaman mootummaa federaalaas ta'ee naannoo Affaar irraa ibsi kenname hin jiru.
Dhimma kanarratti qaamolee mootummaa federaalaa dhimmi ilaallatu irraa deebii argachuuf yaaliin BBC'n godhe hin milkoofne.












