'Baay'een xiiqeffadha, mo'amuu hin jaaladhu' - Atileet Tigist Asaffaa

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Atileet Tigist Asaffaa dhihoo magaalaa Finfinneetti kan argamtu magaalaa Hoolotaatti dhalattee guddatte. Maatii ishee ijoollee jaha horatan keessaa isheen quxisuudha.

Dorgommii manneen barnootaa gidduu tureen gara atileetiksii seente. Kanaafimmoo barsiisaan ispoortiishee gumaataniiru.

Fiigicha gabaabaa keessumaa 400m, 800m akkasumas boodarra sababa miidhamaan fiigicha fageenya dheeraa fiiguu jalqabde.

Tibbanammoo ga’umsa guddaa agarsiisuun Riikardii Maaraatoonii dubartootaa cabsiteetti.

Addatti BBC’n waliin turtii taasisteen akkaataa guddina, yeroo qormaataa dabarsiteefi karoora egereesheerratti dubbatteetti.

BBC: Akkamiin gara atileetiksii seente?

Tigist: Atileetiin fakkeenya godhadhe hinqabu. Barsiisaa ispoortii keenyatu yeroo wayitii ispoortii na argee akkan fiigicha jalqabu na gorsa ture.

Gorsa san fudhee dorgommii seenee gaariin fiige. Achiis kilabiin seene, ispoortii atileetiksiis jalqabe.

BBC: Maqaa barsiisaa ispoortii kana yaadattaa?

Tigist: Barsiisaa T/Maariyaam jedhamu. Isaani kan jalqaba akkan gara ispoortii seenu kan ka’umsa naaf ta’an.

BBC: Maal sirratti argan ta’a?

Tigist: Ijoollee ta’ee suuta deemuu hin jaallun ture. Suuqiitti yeroo na ergan, bakka na ergan maratti nan fiigan ture. Baay’ee qaaciffattuun ture. Tarkaanfachuu hin beeku [seeqa]. Sana argan natti fakkaata.

BBC: Eega fiigicha jalqabdee waggaa meeqa ta’e jechuudha?

Tigist: Akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 2001’n jalqabe. Gara waggoota 13, 14 ta’a jechaadha.

BBC: Riikardii maaraatoonii Barliinitti daqiiqaa lamaa oliin fooyyessite. Kunimmoo qabxii olaanaadha. Riikardiin hammana caba jettee yaaddee turtee?

Tigist: Dhugaa dubbachuuf hammana caba jedhee hin yaadne. Haa ta’u malee, riikardii cabsuuf qophii gochaan ture. Qixa saniin garuu nan cabsa, hamma sana nan fiiga jedhee hin yaadne.

Kaayyoon kiyya 2:12 yookiin 2:13 keessa fiiguuf ture [xumuruuf ture]. Wanti leenjisaa kiyya waliin dalagaa turrees kanuma ture. Ga’umsa gaarirran ture.

BBC: Si’achi riikardii kana fooyyessuuf karoora qabdaa?

Tigist: Sirriitti malee. Sirriitti!

BBC: Hangam fa’in? Fakkeenyaaf leenjisaan kee dubartoonni 2:10 gadi xumuruu danda’u jedhan. Kanaan waliigaltaa?

Tigist: Sirriittan waliigala. Leenjiin cimaa yoo jiraate ni caba. Sababni isaas yeroon dorgommii [kan Barliin] xumuru dadhabbii hin qabuun ture.

Humna qaban ture. Xiqqoo saffisi [pace] marsaa wanti hin sirranne ture. Isa yoo sirreessine 2:10 gadi ni fiigama jedheen yaada.

BBC: Addunyaan waa’ee kophee yeroo duraaf godhattee ittiin fiigde haasa’uutti jira. Nama mijataa?

Tigist: Baay’ee namatti tola. Baay’ee na gargaare. Kophee bareedaadha.

BBC: Kophee waggoota 13’n darban ittiin fiigderraa maaliin adda ta’a?

Tigist: Kana dura kan turan xiqqoo ulfaatu. Kuni garuu baay’ee salphata. Akkuma beekamu maaraatooniin fiigicha fageenya dheeraadha.

Dorgommii akkanaaf kophee salphatu gochuun gaariidha. Sababa kanaaf carraa nu kenneera. Salphachuun isaa nafayyadeera jedheen yaada.

BBC: Waggaa darbees [2022] Maaraatoonii Barliin injifattee turte. Eegasii miidhamtee turte. Miidhaan sirra gahe maali?

Tigist: Barliinif guddiseen qophaa’e ture. Barliin booda garuu osoo hin boqotiin gara dorgommii biraattin darbe. Boqochuun qaban ture.

Kunis Landan [maaraatoonii bara 2023] irratti akka hin dorgomne na danqeera. Miidhama guddaallee hin turre.

Haa ta’u malee, doktoratu hin dorgomiin sitti hammaachuu mala naan jedhe. Aniis waliin gale. Kana booda qophii maaraatoonii Barliinitti xiyyeeffadhe. Baatii jahan qophaa’e.

BBC: Yeroo jalqabaaf biyyaa baatee kan fiigde eessatti?

Tigist: Shaampiyoonaa Afrikaa Sudaan dorgomamettidha. Fageenya 400m’n biyya bakka bu’e. Achii Beeninis dhaqee dorgome.

BBC: Eegasii Olompikiitu dhufe. Olompikiin Riyoo akkam ture?

Tigist: Olompikii Riyoorratti 800m’n dorgome. Miidhama guddaarran ture. Miila baay’ee na dhukkuba ture. Akiilas [ribuu miilaa koronyoo gubbaa jirtu] baay’ee na dhukkuba.

Fageenya gabaabaa waan tureef leenjii aariitii dabaluu waanan leenji’aa tureef baay’ee na dhukkuba ture. Eegasii gara 800m hin deebine. Achumattin dhaabe.

BBC: Eegasiis miidhaan garagaraa si qunnamanii turaniimi?

Tigist: Fiigicha 800m irraa kallattiin gara maaraatooniin seene. Fiigicha 5,000m fi 10,000m yaaluu hin dandeenye.

Sababni isaas kophee ispaayikiin fiiguu hin dandeenye. Kanaaf kallattiin gara fiigicha daandirraattin ce’e.

Miidhamni natti hammaate. Maaraatoonii walakkaa Vaalensiyaa [bara 2019] fiiguu adeemee achitti miidhamee kiraanchiin ture kanan deebi’e.

Dogongorri maal ture seete kallattiin fageenya gabaabaarraa dheeraattin ce’e.

BBC: Maaraatoonii walakkaa Vaalensiyaatti qabxii akkamii galmeessite?

Tigist: Shanaffaan bahe. Waan na dhukkubaa tureef miila tokkoonan fiige jechuu nan danda’a. Dhaabbachuyyuu dadhabeen ture.

BBC: Miidhamni kee maal ture?

Tigist: Akiilas [ribuu miilaa] na dhukkuba. Dhiita’ee waan tureef cituu gahee ture. Osoon yeroosuma dorgommii adda kute miidhama sanaaf na hin saaxilu ture.

Ani garuu adda kutuu koorra osoo na dhukkubuu dorgommii nan xumure. Adda kutuun qaba ture.

Yeroon dorgommii xumuru dhaabbachuyyuu hin dandeenye. Kallattiimaan wiilchariin [teessuma konkolaattuun] gara yaala fayyaa na geessan.

BBC: Ogeeyyii fayyaa kamidha si’achi fiiguu hin dandeessu kan siin jedhan?

Tigist: Ispeenittidha. Dorgommii booda waan dhiita’e tureef ambulaansiin ture gara kutaa wal’aansa baqaqsanii yaalutti kan na geessan.

Ogeeyyiin yeroo argan miidhama guddaa waan tureef bayyanachuuf yeroo fudhata, yoo itti fiigde miidhaan kuni itti hammaata naan jedhan.

Isa isaan akka hin fiigne jedhanii gorsan garuu ani nan dide. Manaajarri kiyyas kan doktaroonni jedhan hin fudhanne. Isas galateeffachuun barbaada.

Torbanuma sana lammata ilaalamuuf gara Xaaliyaaniin deeme. Isaaniis waanuma walfakkaataa natti himan.

Miidhamni guddaadha, carraa lammata gara ispoortiitti deebitu dhiphaadha naan jedhan.

BBC: Isaan akkana yoo siin jedhan miirrikee akkam ture?

Tigist: Ani abdii hin kutanneen ture. Kan kana caalus na qunnameera. Vaalensiyaatti miila takkaanin fiigee xumure jechuun danda’a.

Yeroos yoon fayyaa ta’e, yoon cimee hojjedhe seenaa hojjechuun danda’ama jedheen yaade.

Yeroos ogeeyyonni si’achi gara fiigichaatti hin deebitu yeroo naan jedhan garaan kiyya hin fudhanne. Achuma taa’ee fayyaa ta’ee seenaa nan dalaga jechaan ture.

BBC: Achii booda kiraanchiin ture kan baate. Bayyanachuuf yeroo hangamii siduraa fudhate?

Tigist: Yeroo baay’ee natti hin fudhanne. Akka natti wayyaa’uf biishaan daakaan ture. Kan nama dhibu baatii lama keessa jijjiiraman agarsiise.

Sababni isaas miila na dhukkube malee mataan na hin dhukkubne. Suni akkan dafee fayyu na taasise.

BBC: Yeroos maatiin kee, leenjisaan kee maal jedhu? Akkumakee yaadu turanii?

Tigist: Leenjistoonni ga’umsa kiyya waan beekaniif amantee narraa qabu turani. Ana caalaa inumaa isaanitu cimaa ture.

‘’Ga’umsikee osoo addunyaarratti seenaa hin dalagiin hin hafu,’’ naan jedhu ture. Baay’ee hamlee natti horaa turan.

Maatiin kiyya keessumaa harmeen kiyya, abbaan warraa kiyya, leenjistoonni kiyya wanti naan jedhaa turan sadarkaa kana akkan gahu na gargaare.

BBC: Ogeeyyiin si’achi fiiguu hin dandeessu siin jedhanii turani. Ammammoo riikardiin addunyaa si harka jira. Lamaan isaa akkamiin walbira qabda?

Tigist: Miidhamakoo yoomuu hin dagadhu. Waan keessa kiyyatti hafedha. Gaafa guyyaa kana argummoo bagan miidhame na jechiisiisa.

Sababni isaas osoon miidhamuu baadhee guyyaa kana hin arguun ture. Cimee hin hojjedhuun ture.

BBC: Jireenyakee keessatti yeroon abdii itti kutte jiraa?

Tigist: Dhugaa dubbachuuf yeroon itti abdii kutadhe hin yaadadhu.

BBC: Daraartuu, Qananiisaan fa’i amala xiqeeffachuu qabu. Kee amalli akkam?

Tigist : Baay’een xiqeeffadha. Mo’amuu hin jaaladhu [kolfa] … Isa natti fakkaata akkana akkan cimu kan na taasise. Xiiqiitu na cimse.

BBC: Maatii kee keessaa nami biraa fiigu jiraa?

Tigist: Lakkibboo [kolfa].

BBC: Karoorrikee itti aanu maali?

Tigist: Dhugaa dubbachuuf hanga ammaa hin murteessine. Akka leenjisaa kiyya waliin haasofnetti taanaan, waggaatti maaraatoonii lama fiiguun qaba.

Paariis [Olompikii] irratti hirmaachuuf maaraatoonii Landanirratti hirmaachuun qaba.

Akka fedha keenyaatti osoo dorgommii hin baay’isiin kallattiimaan gara qophii Paarisitti yoo seenne gaarii ta’a jennee leenjisaa kiyya waliin mari’anneerra.

BBC: Maaltu si bashannansiisa?

Tigist: Fiilmii daawwachuun na bashannansiisa. Shaakala kiyya sirnaan gaafan dalage guyyaa suni anaaf guyyaa gammachuuti.

BBC: Guddaa galatoomi.

Tigist: Isinillee ulfaadhaa!