Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigist - Atileetii fiiguu hindandeessu jedhamtee Rikardii Addunyaa cabsite
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Waan namoota baay’ee abdii kutachiise ture. ''Hin dhaabdi, deebitee hin fiigdu jedhamee ture.''
Waa'ee Atileet Tigist Asaffaa dubbataa jirra. Maaraatoonii yeroo sadaffaaf fiigdee Riikardii Addunyaa cabsite jennaan yeroo ammaa addunyaan waa’ee ishee haasa’uutti jira.
Tigist eenyudha gaaffii namoota baay’eeti. Leenjisaan ishee Tigist akkuma maqaa ishee obsa qabdi jedhu. Waggoota muraasa dura garuu kana fagootti tilmaamuun ni ulfaata ture.
Fiigicha akka atileetota baay’ee mana barnootaatti jalqabde. Osoo hin turiin Kilabii Poolisii Oromiyaa seente.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaarratti milkooftee garee biyyaalessaatti makamte. Dorgommii jalqabaa ishees Shaampiyoonaa Afrikaa Sudaan qophaa'erratti 400m'n hirmaatte.
Olompikii Riyoo bara 2016 irrattis 800m’n biyya bakka buute. Garuu osoo dhukkubsattuuti. Miidhamni ishee garuu biraa hafuu dide.
Kanaaf olompika booda wal'aansa argachuuf gara manneen yaalaa goruu jalqabde.
Miidhami miila isheetii takka ni fayya, turee itti ka’a. Tarii yoo itti wayyaa’e jedhanii ogeeyyiin fiigicha fageenya dheeraa akka fiigdu gorsan.
Miidhami takkaatti fageenya gabaabaarraa fageenya dheeraatti ishee geesse. Bara 2018 booda gara fiigicha daandiirraa fiiguu jalqabde.
Bara 2019 maaraatoonii walakkaa Vaalenshiyaa ishee ergine jedhu leenjisaan ishee Gammadoo Daddafoo.
''Achumatti jimmaatiin [ribuun] luka ishee cite jedhani. Lafa ejjettee hin dandeessu.''
Dorgommii Vaalensiyaa booda hin dhaabdi, deebitee hin fiigdu jedhamee ture.
''Fiigicharratti kennaa wayiin qaba jedheen yaada. Doktaroonni garuu kana booda fiiguu hin dandeessu, yoo dandeesse waan biraa yaali naan jedhan.
''Sorry [dhiifama] naan jedhan,'' jechuun miidiyaa biyyaalessaa EBC’f dubbatte.
Yeroo biyyatti deebitu deeggarsa meeshaa fayyaa kiraanchii jedhamuun ture. Fiiguu miti tarkaanfachuuyyuu baatii muraasa si duraa fudhata jedhaniin akka turan yaadatti.
Isheen garuu xiiqeffatte, waan ogeeyyiin itti himan kan biraa ishiin kan yaaddu waan biraa ta’e. Baatii lamatti shaakala eegaluu himti.
''Gaafa akkana naan jedhan inumaa kan caalun fiiga jedheen yaade.''
Dafqa ji'a afurii
''Waan sana hunda keessa dabartee qabxii kanaaf dhaqqabuun ishee waan guddaadha. Yeroos hundi keenya abdii kunnee turre. Garuu biraa hin fagaanne ture,'' jedhan leenjisaan ishee.
Tigist Riikardii Addunyaa cabsuu dura jijjiirama guddaa mul’iste. Waggaa dura bara 2022 Barliinitti 20:15:37’n xumuruun riikardii bakkichaa cabsuun injifatte.
Yeroon kuni isheefis, Itoophiyaafis riikardii ta’ee galmaa’e. Yeroon itti xumurte yeroo saffisaa akka addunyaatti isa sadaffaa ture.
Isa dura maaraatoonii fiigdee kan beektu si’a takka qofa. Maaraatoonii Riyaaditti dorgomtee 2:34:01'n injifatte. Isumayyuu osoo miidhamarra jirtuu fiigde.
Sa'aatii sana waggaa dura jechuunis bara 2022 yeroo Barliin dhuftu daqiiqaa 20’tti siquuf foyyeessite. Kuni akkaan guddaadha.
Barana gara Barliin dhufuu dura maaraatoonii Landan dorgomuu yaadde. Garuu baatiin tokko yeroo hafu adda kutte.
Kunis, sababa miidhama itti deddeebi'un ta’uu himu leenjisaan ishee. Eega dorgommiin Landan hanqatee qophiin maaraatoonii Barliiniif cimee itti fufe.
Maaraatooniin Barliin lafa diriiraa waan ta’eefi qilleensa mijataa waan qabuuf bakka irra deddeebiin riikardiin haaraa itti galmaa’udha.
Atileetonni maqaa isaanii galmee seenaa maaraatooniirratti galmeessuu barbaadanis dorgommicha filatu.
Atileet Hayilee G/Sillaaseen si'a afur Barliinitti mo'ateera. Qananiisaan immoo si'a lama injifatee beeka. Dubartootaaniis atileetonni Itoophiyaa milka'aniiru.
Ishee, leenjisaa isheefi gargaartonni isaanii riikardii maaraatoonii Barliin cabsuuf ganamaa galgala baatii afuriif qophaa‘uu himu leenjisaan kuni.
‘‘Gara 200km olii [torbanitti]‘‘ akka fiigdu dubbatu. ‘’Kanneen dorgommii saffisiisan lama qopheessine’’ jedhu riikardii cabsuuf. Qilleensis mijataa ta‘eef.
Amma kan hafe daandiirra bahanii waan kudhaammatan addunyaatti agarsiisuudha. Dorgommiin eegale. Atileet Tigist Asaffaa 2:11:53’n Riikardii Addunyaa haaraa galmeessite.
Raajiitu ta’e. Yeroon itti xumurte kan waggaa dura achuma Barliinitti galmeessite daqiiqaa 3:44'n fooyyessite.
Tigist atileetii ishee duuba jirtu daqiiqaa torbaan caaltee xumurte. Garaagartee guddaadha.
Waggaa afur dura atileetiin Keeniyaa Keeniyaa Biriijig Kosgeen Chikaagootti 2:14:04 seenuun riikardii waggoota 16 ture erga cabsitee riikardiin kuni harkumashee ture.
Tigist riikardii kana daqiiqaa lamaa oliin fooyyessitee maqaa isheetti galmeessite. Kuni jaalattoota atileetiksii raajeera.
Isallee atileetii miidhamni fageenya dheeraatti ishee geesseyyuu hin amanne ture. Dorgommii booda ‘’Baay'een gammade,’’ jechuun Tigist dubbatte.
‘’Riikardii maaraatoonii cabsuuf barbaaden ture, garuu sa'aatii 2:12 gadi ta’a jedhee hin yaadne ture,'' jette. Ta’us, bu’aa dhamaatii isaanii akka ta’e hin dhoksine.
Leenjisaan ishee ‘’Nuyi 2:13 keessa ni fiigdi jennee tilmaamnee turre,‘’ jedhu. ‘’Dhamaaneerra, gatii dhamaatii keenyaa arganne.''
‘’Waan guddaadha. Tokkoffaa kanaan dura riikardiin maaraatooniin dubartootaan biyya keenya seenee hinbeeku,’’ jechuun Gammadoon BBC’tti himan.
‘’Maaraatooniishee sadaffaan Riikardii Addunyaa fooyyessuun waan guddaadha.‘‘
Si’achi Tigistiifi leenjisaan akkasumas gargaartonni isaanii xiyyeeffannoon isaanii guddaa Olompikii Paaris ta'uu dubbatu.
Icciitii kophee
Kipchoogeen yeroo saffisaan injifatee dubbii ijoo addunyaa ta’u kan hanqise Atileet Tigist Asaffaadha. Kanaaf immoo sababi injifannoo isheeti. Ishee waliin kopheen godhattees mata duree ijoo ta’eera.
Waggoota kudhan darbe tekinoloojiin kophee ittiin oomishamu baay’ee fooyya’e. Injifannoon tibbanaa atileetii kanaammoo dubbii kana ho’ise.
Kopheen kuni Adizero Adios Pro Evo 1 jedhama. Reefu Kibxata gabaaf dhihaate.
Kophee kana qopheessuu keessatti Tigist qooda fudhatteetti. ‘’Kophee akkana salphatu godhadheeyyuu hin beeku,’’ jechuun dorgommii dura dubbachuu Adidas ibseera.
Dhaabbati Adidas ‘’kophee tekinoloojii haaraan fooyya’e,’’ jechuun kophee kana jaje. Nami kanaan fiigu fuulduratti saffisaan akka fiigu taasisa jedhu ekispartoonni.
Waraana biraandii kophee adeemaa jirun dhaabbileen kophee atileetotaaf mijatu, riikardii akka cabsan gargaaruu tekinoloojii ammayyaa fayyadamuun oomishu.
Atileetiin kuni akkuma dorgommii kana xumurteen kophee kana ol rarraaste.
‘‘Kopheen kuni adidaasin amma qopheesse. Jalqabaaf isiitu ittiin fiige,'' jedhan leenjisaan ishee BBC’n dubbise.
Maaltu kophee kana adda taasisa?
''Baay’ee salphaadha. Kan duraa giraamii 200 ol ture, kuni giraama 138 duwwaa[hanga miilli tokko ulfaatu],'' jedhan.
Akkuma lenjisaaniis jedhan kopheen Tigist godhatte akkaan salphata. Akka dhaabbatichi jedhutti, kopheewwan dorgommiif godhataman kaanirraa 40% salphata.
Dabalataan, ishee malee nami godhate biraa hinjiru. Ammoo gatiin isaa akkaan qaaliidha. Gabaa Ameerikaatti dolaara 500’n gurgurama.
Gatiin kunimmoo kopheewwan ispoortii kaanitti dachaa ta’uf xiqqoomatu isa hafa jedhu gabaasaaleen Awurooppaa.
Kopheen kuni birrii Itoophiyaan 27,000 ol jechuudha. Kopheen kuni kophee hanga yoonaa dhaabbatichi ifa godhe keessaa isa qaaliidha.
Dhaabbatichi garuu kophee ‘’isa fakkaatu hin jiru’’ jechuun ibsa. Kopheen kuni sooliin isaa 39mm ol dheerata. Ammoo dorgommii tokko qofaaf tajaajila.
Adidaas immoo ispoonsara atileetii kanaati. Tigist ''isaan waan fiigdeef ga’umsa guddaa mul’isteetti,'' jedhan leenjisaan ishee.
Kopheen tokko qilleensa yoo galche, yoo nama mijate, yoo nama hin quuqne ta'e atileetiif akka gumaatu ibsan.
Dandeetti addaa Tigist
‘’Saffisni qabdu baay’ee guddaadha yeroo atileetota kaan waliin walbira qabnu. Qaamni isiillee fiigichaaf kan uumame jechuun danda’ama.’’
Dabaluunis, ‘’Nama kan kabajjudha, waan jedhamte dalagdi waan hundumaafuu Tigist waliin dalaguun nama gammachiisa,’’ jechuun ishee ibsu.
Leenjisaan kuni osooma gara dorgommii hin deemiin dura maaraatoonii dubartootaan sa'aatii 2:10 seenuun ni danda’ama jechuun dubbatan.
Yaada kana atileetiin Keeniyaa kana dura riikardii cabsitees ni deeggarti.
‘’Yeroo gabaabaa ta’u danda’a, dheeratti ta’u danda’a. Garuu yaalun keenya hin oolu,’’ jechuun BBC’tti himan.
Atileetonni fiigicha yeroo gabaabaatti akka xumuran wanti isaan godhu maali? ‘’Yoo hojjetan wanti hin danda’amne hinjiru.‘‘
‘’Kana duras baay’ee waan hin mijanneef, dubartootarratti dhiibbaan waan jiruuf malee haalli yoo mijateef dubartoonni cimoodha, cichoomina qabu.’’
Ga’umsi dubartoonni maaraatoonii 2:10 gadi xumuruu ‘’olaanaadha’’ jechuun himu.
Barsiisaa atileetota leenjisu
Gammadoo Daddafoon atileetii hin turre. Waggoota 9’f barsiisaa ta’un dalagaa turan. ‘‘Ispoortiillee, baayiloojiillee barsiisaan ture,‘‘ jechuun BBC’tti himan.
Eega leenjisummaa seenanii waggoota 18 ta’eera. Haati warraa isaanii Layilaa Amaan atileetii turte. Ilmi adaadoo isaanii Haji Adiloo immoo leenjisaa beekamaa biroodha.
Kunimmoo ittuu atileetiksiitti, leenjisummaatti isaan dhiheesse. Jalqaba atileetota maanej gochuurra eegaluu himu. Boodarra barnoota saayinsii ispoortii digirii baratuu himan.
Leenjistoota booda kana guddoo milkaa’aa jiran keessaa tokkodha. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest dorgomameerratti Atileet Amaanee Bariisoo warqii fiddeetti.
Amaanee isaanitu leenjisa. Amma Tigist Riikardii Addunyaa cabsite. Atileetota baay’ee horatuu himu.
‘‘Dhiiraanillee akka Taammiraat Tolaa, Sisaay Lammaa leenjisaa ture. Atileetota 2:03 [yeroo maaraatoonii] qofa [qaban] atileetota garagaraa shan fiigsise,‘‘ jechuun BBC’tti himan.
Icciitiin kanaa maali? ‘‘Hojii keetiif iddoo kennuudha,‘‘ jedhu.
Kanneen yeroo saffisaa galmeessaan keessaa tokko Atileet Taaddasaa Taakkalaadha. Taaddasaan yeroo jalqabaaf dheengadduma Barliinitti maaraatoonii fiigee 2:03:24’n sadaffaan xumure.