Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetii Itoophiyaa Sambaree Tafarii Ameerikaatti maaltu ishee mudate?
Atileetiin Itoophiyaa Sambaree Tafarii jalqaba torban kana xumura dorgommii irratti dogongora raawwateen badhaasa birrii Itoophiyaa 380, 000 ol dhabdeetti.
Fiigichi kuni fiigicha daandiirraa Piichtirii (Peachtree) 10km waggaa waggaan bulchiinsa Joorjiyaa, Atilaantaatti taasifamudha.
Atileetiin fiigichaan muuxannoo waggaa dheeraa qabdu kuni dorgommicha xumuruuf sakandiin muraasni yeroo ishee hafetti wanti hin eegamne ta’e.
Komaandar Huseen Shiboo leenjisaa isheeti. Isaan ishee waliin gara US hin imalle. Erga raawwatees booda ishee akka hin arganne BBCtti dubbatan.
Haa ta’u malee, wanti raawwate ‘’Hin quunnama. Hin jira wanti akkanaa kuni,'' jechuun BBC'tti himan.
Maaltu ta'e?
Sambareen dorgommii kana waggaa dura waan injifatteef dorgommii Adoolessa 04, 2023 dorgomame kanas ni injifatti jedhamtee eegamaa turte.
Fiigicha daandiirra 10km kana xumuruuf dursaas turte. Atileetonni lama duuba ishee jiraniis ishee gaadaa turan.
Battala garuu Sambareen dogongora raawwatte. Osoo kallattii dorgommiin xumuramurra fiigaa jirtu tasa toora keessaa baatee mirgatti maqxe.
‘’Motorri [atileetota fuuldura deemu] jiru xumurarra geenyaan dhaabbachuudhaaf kararraa gore.
''Isa san ishiin waan inni karaa itti agarsiisaa jiru seetee wajjiin baqatte [duuba deemte],’’ jedhan Komaandar Huseen.
‘’Daandii dogongorte,’’ jechuun BBC’tti himan. Yeroos garuu kanneen ishee duuba turan fuulduratti qajeelan.
Battaluma yeroo daandiitti deebitu kanneen ishee duuba turan fuuldura ishee goraniiru. Barfattee turte.
‘’Boodammoo itti agarsiisanii duubarra deebitee sadaffaa taate. Silaa fagootti injifattiyyuu ture.’’
Sambareen dorgommii sana booda ammatti waan dubbatte hin qabdu. BBC'n ishee qunnamuuf yaaluus hin arganne.
'Baay'een itti aare'
Taateen kuni sakandii shanii gadii gidduutti raawwate. Dogongorri xiqqoon garuu dhamaatii baatii hedduu lafatti hambise.
Silaa isa injfachuu dandeessu atileetiin Itoophiyaa biroo ishee duuba turte, Fotiyeen Tasfaay, jedhamtu 30:43’n seenuun injifatte.
Sambareen deebitee sadaffaan xumurte. Isheefi atileetii Itoophiyaa biroo injifatte gidduu sakandii afuritu ture. Sambareen 30:47’n xumurte.
Akka miidiyaaleen US gabaasanitti, Sambareen waan injifatamteef dolaara kuma torba [birrii Itoophiyaa 380,000 ol ] dhabde.
Atileetiin injifatte dolaara 10,000 badhaafamte. Atileetiin Keeniyaa lammaffaa baate dolaara 5,000 argatte.
Sambareen immoo sadaffaan waan xumurteef dolaara 3,000 akka kennamuuf ibsame.
Dogongora Sambareen raawwatteen atileetiin Itoophiyaa Fotiyeen gadduu ibsiteetti.
‘’Dogongora isheetti baay’een aare. Sababni isaas isheen fuldurarra dursaa turte,’’ jechuu ishee miidiyaaleen US gabaasaniiru.
Atileetiin kuni dogongora Sambaree gaafa hubatte jalqaba bakki dorgommii itti xumuramu sirriitti akka isaan hin agarsiisne yaaddee turte.
Garuu ‘’mallattoo dorgommiin xumuramu agarsiisu argee fuuldurattin qajeele,’’ jechuun dubbatte.
Dhaabbati dorgommiicha qopheessu boodara miidiyaa hawaasummaa irratti akkana jedhe:
‘’Bakka barjaan dorgommiin xumuramu agarsiisu mul’aturra geessee turte [Sambareen].
''Yeroo morkiin cimutti qajeelfamoonni dogongoraan hubatamuu malu.
‘’Akka dhaabbataatti gaafa dogongorre nu gaddisiisa. Haala kanaan waan dogongorre fakkaata,’’ jechuun ibsa baase.
Fiigicha keessa yeroo adda addaa dogongorri ni raawwata.
Fakkeenyaaf baranuma Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii xumurte seetee osoo marsaan tokko hafuu dorgommii keessaa baate. Garuu deebitee xumurte.
Taateen walfakkaataa Atileet Hagos G/Hiywat mudateera. Osoo hin goolabiin dorgommii xumure se’ee gammachuu ibsuu eegalee, boodarra mo'ame.
Sambareen eenyu?
Atileetiin ganna 28 kuni dorgommiiwwan biyya keessaafi alaa waggootaaf dorgomaa jirti.
Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa bara 2015 dorgomame irratti meetii argatteetti. Olompika irratti Itoophiyaa si’a lama bakka buutee dorgomteetti.
Shaampiyoonaa atileetiksii guddattootaafi dargaggoota akkasumas fiigicha qaxxaamura biyyaa irratti biyya bakka buutee medaaliyaawwan fiddeetti.
Fiigicha daandiirra garagaraa dabalatee injifatteetti.
Fiigicha daandiirraa 5km fulbaana 2021 biyya Jarmanitti dorgomameen riikardii addunyaa maqaa isheen galmeessitee beekti.
Baatiidhuma darbees magaalaa Niiw Yoorkitti fiigicha daandiirraa 10km fiigdee riikardii bakkichaa fooyyessuun injifachuun ishee ni yaadatama.