Awustiraaliyaan sodaa Chaayinaarraa kan ka'e humna ittisaashee akka haaraatti ammayyeessuuf

Madda suuraa, Getty Images
Awustiraaliyaan humna ittisaashee bifa haaraan saffisaan ammayyeessuuf hojjechaa akka jirtu sanadiin gamaggama tarsiimoo humna ittisaa biyyattii mul'ise.
Sababiin ijoo Awustiraaliyaan tarkaanfii kana saffisiisaan fudhatteef raayyaan Chaayinaa guddachaa deemuun yaaddoo itti ta'aa waan dhufeefidha.
Sanadiin tarsiimoo humna ittisaa kun kanaan booda Awustiraliyaan galaanaan marfamuun ishee nageenya gahaa isheef ta'uu hin danda'u jedha.
Amma barri isaa bara misaa'elii waan ta'eef humna ittisaa ammayyaa biyyattii madaalu ijaaruun wanta bulfamu miti jedha gamagamni sanadichaa kun.
Haaluma kanaan mootummaan Awustiralaliyaa humna waraanaa isaa ammayyeessuuf dolaara biliyoona 19 akka baasu eereera.
Sanadiin fuula 110 qabu kun Awustiraaliyaan erga waraana Addunyaa II as humna ittisaa ammayyeessuudhaaf baasii guddaa baaste akka ta'e eerama.
Ministirri Muummee Antoonii Albaaneez sanadiin tarsiimoo humna ittisaa kun waraana Addnyaa II asitti isa guddaafi murteessaadha erga jedhaniin booda nageenya biyyaaleessaa keenya eeggachuudhaaf yeroo hunda yeroo waliin deemuu barbaachisa jedhan.
Sanadiin kun kan ifa ta'e Chaayinaan Taayiwaan ilaalchisuun ejjennoo cimaa agarsiisaa jirtuufi kana hordofee ammoo muddamni loltootaa uumamuu hordofeeti.
Chaayinaan barbaachisaa taanaan qaama bulchiinsa koo keessaa tokkodha kan jettu Taayiwaaniin humnaan walitti makuu akka dandeessu irra deddeebiin ni dhaadatti.
Humni galaanaa Chaayinaa galaana gama kibbaa chaayinaa jiraachuufi bifa seera idil-addunyaa naannawaa galaana sanatti gama tokkoon gaaffii naaf mala jedhu kaasuun isaa dhimma Awustiraaliyaa yaaddoo keessa galche ta'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanadichi ijaarsi loltummaa Chaayinaa erga waraana Addunyaa 2ffaa as isa guddaa akka tahe kaasuun, kun kan ta'aa jiru bakka iftoominniifi wal amantaani hin jirre naannawaa Indoo-Paasfik keessatidha jedheera.
Akka sanada tarsiimoo kanaatti humni ittisaa Awustiraaliyaa ijaarsa loltuu lafoo irraa gara ijaarsa misaa'eloota fageenyatti dhukaafamaniitti seena.
Kun ammoo meeshaalee biya keessatti omishamaniin ta'u jedhe ministirri ittisaa Richaard Maarles.
Yeroo itti aanutti misaa'eloota kallattii itti qiyyaafatamerraa hin gorre dandeettiidhuma naannootti argamuun uumuuf akka gargaaru himan ministeerri ittisaa.
Misaa'eloonni kunneen hanga kiiloomeetira 55 furgaafamuu danda'u.
Kanaan alattis Awustiraaliyaan rookkeettii sosocho'aniifi dhukaafaman ykn HIMARS jedhaman meeshaa waraanaa lafoo akka qaabatan himameera.
Yukireen meeshaalee ammayyaa kanneen weerara raashiyaa ittiin qolachuudhaaf fayyadamteetti.
Sanadichi Awustiraaliyaa dandeettii ijaarsa doonii durguddoo irratti qabdu cimistee akka itti fuftu eera.
Bitootessa darbe mootummaan Ameerikaa Kiruuz Misaa'eloota 220 dolaara miliyoona 990 baasan Awustiraaliyaatti akka gurguraman raggaasisuun isaa ni yaadatama.












