Jilli Boorana Itoophiyaa qophii Keeniyaa Haroo Turkaanaa irratti hirmaatan maal himu?

Wiiliyaam Ruutoo hirmaattota jilaa wajjin

Madda suuraa, BBC

Guyyoota muraasaan dura kaabaa Keeniyaan Haroo Turkaanaatti qophiin Oromoota Itoophiyaa hirmaachise tokko gaggeeffamee ture.

Jilli ‘Lo’iyan galan’ jedhamu kun jila sabaa fi sablammoonni biyya Keeniyaa Kaawuntii Marsabiit keessa jiran waggaatti yeroo tokko walitti bahanii jilataniidha.

Ayyaanni Haroo Turkaanaa kuni irra guddoon waan aadaa ofii walitti agarsiisuu fi beeksifachuu, gosaa fi gosalleen gidduu nagaan waliin jiraachuu kan irratti jaalala waliif ibsani.

Jila Haroo Turkaanaa kana Pirezedaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo fi bulchaan Kaawuntii Marsabiit irratti argamanii turan.

Pirezedaantichi uffannaa aadaa Oromoota Booranaatiin faayamanii hirmaaattota waliin Afaan Oromootiin dubbii xiqqaa taasisan fuula Facebook isaanii irratti qoodanii ture.

Ayyaana Lo’iyan galan’ kan Haroo Turkaanaa kana sabaa fi sablammoota keeniyaa keessa jiraniin ala Oromoonni Booranaa fi Gabraa Itoophiyaa irraa irratti hirmaataniiru.

Naannoo Oromiyaa Aanaa Dilloo irraa Jila kanarratti qooda kan fudhatan Aab Waaqoo Qoncoraa, ''jilichi kan warra loon horsiisuuti, nutis waan dansaa irraa argine'' jedhan.

“Waan Nagaa fi waan tokkummaatiif jedhanii nuwaamnaan deemne. Tokkummaa keenya kan Gabraa fi Booranaa. Anilleen abbaa dheedaati. Waan aadaa, waan nageenyaa waan tokkummaa waan dansaa argine,” jedhan

Hirmaattota jilaa

Gosti Booranaa fi Gabraa kan Itoophiyaa fi Keeniyaa jiran jila kanarratti walgahuu himu aab Waaqoon.

Gosti lamaan kan biyya lamaan jiran tokkummaa isaanii mulisuuf jechas mana waliin ijaarannee sirna tolfannee jedhu.

“Akka Booranaa fi Gabraatti kan Itoophiyaalleen kan Keeniyaalleen walitti dhufnee lafa jilaa kanaatti mana ijaaranne. Mana kanatti waliin buna qalannee jaalalaa fi tokko ta’uu keenya ittiin mulisnee,” jedhan.

Kana malees gosti Keeniyaa biroon jila tanarratti argamanii aadaa isaanii arguun qilixamsuu (Gammachuu) akka kenneef himan.

Namni Booranarraa jila aadaa Haroo Turkaanaa kanarratti hirmaate dhibiin Abduuba Boonayyaa illeen warri horsiisee bulaa biyya lamaanii wal daangessinu waan tokkummaa fi jaalala walii qabu walitti agarsiise jedhu.

“Tokkummaan Oromoota Itoophiyaa fi Keeniyaa jiranii kan itti mul’atedha. Jaalalaa fi kabaja waliif qabnu waliif ibsine. Aadaa uffannaa fi sirbaa kan keenya jila kanarrati mulisnee jirra,” jedha.

Hirmaattota jilaa

Irra caalaa ammoo Horsiisee bulaan biyya lamaanii kan daangaarra jiran sababa magraa fi Bishaaniin walitti bu’iinsi waan mudatuuf dhibdee kana furuufis jila dansaa ture jedhan.

“Waldhibdee sababa magraa fi bishaaniin uumamu kana fashaleesinee gara tokkummaatti akka dhufnuuf. Wal hubannaa uumeera. Seenaa saboota olla kanas calaqqisiisnee jirra. Aadaan saboota biroo daawwannes bareeda ture” jedhan.

Pireedaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon saganticharratti argamanii uffannaa keenyan faayamanii mul’achuun jaalala Hawaasa Booranaa kanaaf qaban kan mul’ise waan ta’eef waan akkaan nugammachiise jedha Abduubni.

Jilli Booraana irraa gara keeniyaa imalee ayyaana Haroo Turkaanaatti kabajame kanarratti hirmaatan dilbata gara biyyaatti deebi’an.