Ruutoo fi lammiin Itoophiyaa hoggantoota jijjirama qilleensaa dhiibbaa uuman 100 barruu Taayim keessatti eeraman

Pirezedantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Kenya State House

Pirezedantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo fi lammiin Itoophiyaa Qiddus Asfaaw jedhamu hoggantoota jijjirama qilleensaa addunyaa keessatti dhiibba uuman 100 barruun Taayim barana tarreesse keessatti eeraman.

Lammiin Itoophiyaa Qiddus Asfaaw hundeessaa dhaabbata Kibuk yoo ta'u, balfaa pilaastikaa gara meeshaa ijaarsaa geeddarurratti gumaacha qaba.

Barruun Taayim hojii Qiddus eegale’’Lakkoofsi uummata Afrikaa guddataa wayita jirutti hanqina mana jireenyaa akka hin mudanne saffisan akkasuma ittifufinsaan furuuf gargara’’ jedhe.

Pirezedantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoonillee Afrikaanota jijjirrama qilleensa baramaa qolachuu hogganuu keessatti qooda qabu jedhaman afran keessa jiru.

Tarreen namoota dhiibbaa uumanii kun kan bahe torban kana ayyaana biyyaalessaa Keeniyaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona100 dhaabuuf kaayyeffate Pirezedant Ruutoon wayita gaggeessanitti.

Ruutoon kantiibaa magaalaa guddoo Seeraaliyoon Firitaawon, Yivonii Aki-Sawyer wajjiin namoota dhiibbaa uuman keessatti tarreeffamaniiru.

Lammiin Itoophiyaa haala jijjjirama qileensaarratti hojjatu Kidus Asfawu fi

Injinarri Jarman Firaansis Keeree tarree namoota jijjirama qilleensa baramaarratti dhiibbaa uuman keessa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoota jijjirama qilleensa baramaarratti gumacha qaban "Time 100 Climate '' jechuun sadarkeessuun Kamisa darbe barruun kun ifoomse.

Barruun kun dhimma jijjiirama qilleensaa baramaa addunyaatti mul'isuu fi irratti hojjechuun namoota gumaacha qabu jedhu maqaasaani tarreesse.

Barruun Taayim akka jedhetti, namoonni maqaan isaanii tarreeffame kunneen jijjiirama qilleensaa qolachuun bu'aa bizinasii akka qabaatu namoota gumaachan.

Barruun kun akka jedhutti namoonni maqaan isaanii eerame kun tattaaffiin jijjiirama qilleensaa ittisuuf dhiheenya godhan bu'aa safaramu, guddachuu danda'u" argamsiise.

Pirezedantiin Keeniyaa Ruutoon dhiibbaa jijjiiramni qilleensaaf fala barbaadu yaaluu Keeniyaa keessattis ta’ee sadarkaa adunyaatti ni dubbatu.

Guyyaan biqiltuu dhaabuu Sadaasa 13,2023 kabajame kun Keeniyaatti waggoota 10 keessatti biqiltoota biiliyoona 15 dhaabuuf kaayyeeffame.

Fulbaana darbe Ruutoon yaa’ii dhimma qilleensa baramaa Afrikaa yeroo jalqabaaf magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffame keessumeessan.

Yaa’ichirratti biyyoonni qilleensa baramaa faalan gurguddoon biyyoota hiyyeeyyii gargaaruuf akka qaban gaafachuun xumurame.

Garuu namoonni kunuunsa naannoof quuqaman muraasni Ruutoon bosona ummataa keessatti muka seeraan alaa muruu dhaabu dadhabe jedhanii qeequ.

Ji’a darbe manni murti kunuunsa naannoo Keeniyaa ajaja Ruutoon labsiin mukkeen daldalaaf muruu dhorku bara 2018 labsame akka ka’u ajajan dhaabsise.

Onkoloolessa keessammoo Ruutoon namoonni bosona Maahu hektaara 380,000 ta’u keessa jiraatan akka bosonicha keessaa bahan gaafatan.

Quuqamtoonni kunuunsa naannoo muraasni tarkaanfichi bosona Maahu eeguuf murteessaan ta’uu jajan.

Abukaatonni mirga namoomaa muraasni garuu mootummaan gurgurtaa kaarboniirraa bu’aa argachuuf hawaasa ganamaa Ogihek jedhaman seeraan-ala buqqise jedhan.

Pirezedant Ruutoon hogganaa jijjirama qilleensa baramaa qolachuurratti qooda qaban jedhamuun beekamtiin kan argatan kanatti, Baankiin Addunyaa Keeniyaan jijjiirama qilleensaa baramaa ittisuu dadhabnaan oomishni dinagdee Keeniyaa bara 2050tti %7.25 gadi akka hir’atu akeekkachiise.

Arkiteektiin Firaansis Keeree jedhamu wixinee pirojektoota umrii dheeraaf qaban hojjate, manneen Beeniin fi biyya dhaloota isaa Burkinaa Faasootti wixineesaanii hojjate hojiileesaa keessatti eeramaniiru.

Lammileen Keeniyaa Wixata darbe biqiltuu dhaaburratti hirmaataniiru

Madda suuraa, AFP