Obbo Alii Waariyoo waa’ee Boorana Keeniyaa keessa jiru maal jedhu?

Obbo Alii Waariyoon Keeniyaatti bulchaa duraanii Kaawuntii Taanaa Riivar jedhanidha. Marroo lammataaf filannoo tibbanaan dorgomanii osoo hin milkaa’in hafan.

Jiruufi jireenya, rakkoo siyaasaafi haala waliigalaa Boorana yoo ibsan mootummaan haaraa aangoo qabate ka duriirra nu kabaja jechuun dubbatu.