Lammiin Keeniyaa abukaatoo osoo hin ta'iin dhimmoota mana murtii gurguddaa mo’ate to’atame

Madda suuraa, Reuters
Keeniyaa magaala guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti namtichi ‘ani abukaatoodha’ jechuun mana murtii Olaanaa biyyattiitti himannaawwan hedduu falmee irra aanee to’annoo jala oolfame.
Gabaasaaleen nama kana ilaalchiisuun bahaa jiran akka mul’saniitti, ‘abbookaatoon kun’ osoo hin to’atamiin dura, Mana murtii Olaanaadhaa kaasee hanga Dadhaddacha ol iyyannootti dhimmoota 26 qabatee falmuudhaan nama injifachuu danda’eedha.
Namni kunis to’atamu kan danda’e, erga Waldaa Oggeessoota Seeraa Keeniyaa, namni kun osoo gahumsa barnootaa hin qabaatiin fakkeessuun damee seeraa kanarra hojjataa akka jiruu eruun namoota garaa garaa irraa qaqabeen boodha.
Waldaa Oggeessoota Seeraa biyyattii miidiyaa hawaasaa isarratti akka barreesseetti, namni kun abukaatoo akka hin taaneefi Keeniyaa keessattis ogummaa abukaatuummaan akka hojjatuuf kan dandeessisu hayyama homaatuu akka hin qabne ibse.
Waldichis, “Namni kunis Mana Murtii Waliigalata Keeniyaatti abukaatoo akka ta’eefi miseensa waldichaas akka ta’e eeruun waliin hojjetaa ture,’’ jechuun himate.
Namni kunis barnoota gahaa fi hayyama osoo hin qabaatiin abuukaatummaan yeroo meeqaaf hojjataa akka ture ibsuu baatanilleen, qondaaltoota mootummaa dabalatee dhimmoota hedduu falmee injifachu akka danda’e himameera.
Namni maqaansaa Biriyaan Miweendaa jedhamuun beekamu kunis, kanaan dura hoogganaa garee yakkamtootaa biyyattii keessatti yaaddeessaa ta’e kan turee fi ‘‘Mungiikii’’ jedhamu bakka bu’uun, adeemsa mana murti kallattiin TVn darbee irratti hirmaatee akka ture himama.
Erga namni kun waliin dhahaa jiraachunsaa himameen booda, waraabbiin viidiyoo kanaa haalaan qoodamaa jira.
Waldaa Oggeessoota Seeraa Keeniyaa seenaa maqaa abbaa seeraa dhugaa walfakkaataa qabuu marsariitii waldichaa irraa buusuudhaan, nama kana of fakkeessuun waliin dhahaa ture jedheera.















