Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gama Israa’eliifi Gaazaa irraa hanga ammaatti kan beeknu

    Taankiiwwan

    Madda suuraa, Getty Images

    Erga Hamaas Israa’el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,300 ajjeessuun kaan butee demee torban guuteera.

    Waraanni lafoo raayyaa ittisa Israa’eeliin Gaazaa keessatti eegaluudhaaf wayita eeggamaa jiru kanatti taateewwan ijoon beenu kunooti:

    ·MM Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuun buufata waraanaa dhiheenya Gaazaatti argamu doowwachuun, loltoota ‘‘tarkaanfii itti aanuuf qophii ta’usaanii’’ gaafatan.

    ·Raayyaan Ittisa Israa’el ibsa baaseen akka jedheetti, ‘‘haleellaa qindaa’aa’’ lafoo, galaanaafi qilleensaan gaggeessuuf qophiittan jira jedhe.

    ·Ibsichi waraanni lafoo kun yoom akka eegalurratti yeroosaa kan jedhehinjiru. Garuu ammo tokkicha seenanii waraana addatti hiriirsuuf sirnoota barbaachisan siriirsuu kan itti fufan fakaata.

    ·Yeroon Israa’el jiraattoota Kaaba Gaazaa bahuun gara kibbaa akka itti godaananiif kennite irrra darbeera. Ammalleen namoonni dhibbaan lakkaa’aman manasaanii dhiisuun baqataa daandiiwwan irratti argamu.

    ·Haleellaa Israa’el konkolaataawwan irratti namoota Kaaba Gaazaarraa gara kibbaatti imalaa turan irratti raawwatameen daa’immaniifi dubartoon ajjeeffamu BBC Verify mirkaneeffateera.

  2. Kibba Leebaananiitti haleellaa Israa'elin namoonni nagaan ajjeefamuun ibsame

    Suuraan magaala Sheebaa kun 2020 keessa kan kaafameedha

    Madda suuraa, AFP

    Haleellaa daangaa qaxxamure cimee dhufuusaatiin, ollaa kibba Leebaanan, Sheebaa keessatti raawwatameen namoonni nagaa lama ajjeefamuu kantiiban mandara Sheebaa himan.

    Mohaammad Haarb BBCtti akka himaniitti, kanneen ajjeeffamanis abbaa waraafi haadha warraa wagga 60mota keessatti argamaniidha.

    ‘‘Isaanis galgala keessaa heleellaa rookkeettii afur Israa’el dhukaaften manasaanii bakka taa’anii jiraniitti ajjeeffaman’’ jedhe.

    Haatau malee BBC himannaa kana dhuunfatti kan hin mirkanneeffanne yoo ta’u, waraanni Israa’el akka yaada irratti kennuuf gaafatameera.

    Ollaan jedhame kunis Gaara Doy bakka lolli itti gaggeeffamutti dhihoo argamu yoo ta’u, daangaa Israa’el, Lebaanoonifi Sooriyaa irratti argamti.

    Waldhabdeen dhiheenya daangaa kibba Leebaanoon kunis Israa’el waliin kan cimee erga lolli torban darbe Israa’eliifi Hamaas jidduutti ka’een booda.

    Milishoonni Leebaanan keessaa, garee Hizboollaa dabalatee, fi waraannii israa’el dhiheenya kana rookkeettii waliitti dhukaasaa turan.

    Kana duras Hizbollaan jidduugala to’annoo Israa’eel kan Qonna Sheebaa/Gaara Doytti argamu irratti haleellaa raawwachuu himee ture.

  3. Amma nu gahe, Waraanni Israa’el haleellaa lafoo, galaanaafi qilleensarraan eegaluuf karoorfataa jira

    Looltoota israa'el

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Raayyaan Ittisa Israa’eel (IDF) ibsa dhiheenya baasen, humnootiin isaa oppareeshinii lafoo gaggeessuuf qophiitti jiru jedhe.

    ‘‘Raayyaan Ittisa israa’el haleellaa qindaa’aa gaggeessuufi qophaa’aa jira’’ deeggarsa humnoota eeggataa kuma dhibbaan lakkaa’amu waliitiin jedhe.

    Haata’u malee, tarkaanfiichi yoom akka eegalu yeroon kenname hin jiru. Waraanni Israa’el Gaaza keessatti waraana lafoo akka gaggeessu eegamaa kan ture yoo ta’u, kanaafis jiraattoonni Kaaba Gaazaarraa gara kibabatti akka godaanan gaafachuunsaa ni yaadatama.

    Ibsichi dalabuunis duulli gaggeeffamu kunis ‘‘kan humnoota galaanaa, qilleensaafi lafoo’’ hammatu ta’u himeera.

    ‘‘Meeshaaleen waraanaa oppareshinii kanaaf barbaachisanis kan bakkeewwan ta’uu qabanitti bobbaafaman yoo ta’u’’ dureewwan waraana Israa’eeliifi loltoonnis haala tarsimoowaa ta’een biyyattii guutuutti bobbaafamaniiru jedhe ibsichi.

    Ibsi kunis ‘‘loltoonnis oppareshinii lafoo murteessaadhaaf xiyyeeffannaa kennu’’ jedheera.

  4. Suuraalee haaraa Gaazaa fi Israa'el irraa

    Daa'ima rukutamte loltuudhaan baatamnee jirtuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima rukutamte loltuudhaan baatamnee jirtuu
    Looltoota Israa'el bakka adda hin baafamneetti daangaa Gaazaarratti walitti qabamanii jira

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Ummata buqqa'an mana barnootaa UN keessatti dahatanii jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ummata buqqa'an mana barnootaa UN keessatti dahatanii jiran
    Looltuu Israa'ee qala'aa mortaraa erga dhokaafameen booda walitti qabaa ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Looltuu Israa'ee qala'aa mortaraa erga dhokaafameen booda walitti qabaa ture
  5. Waraanni Israa'elfi Gaazaa naannichatti akka hin babal'anneef US fi Chaayinaan mariyatan

    Waraanni Israa'elifi Gaazaa gidduutti gaggeeffamaa jiru gara Baha Giddu Galeessatti akka hin ceenef USfi Chaayinaan mariyatan.

    Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Antoonii Biliinkaniifii giti isaanii kan Chaayinaa Waang Yi bilbilaan waliin dubbatan.

    Marii kanaan, lolichi gara biyyoota ollaatti akka hin babal'anneef Chaayinaan deeggarsa gootu gaafatan Biliinkan.

    Waang Yi gamasaanin, Ameerikaan "bifa rakkinicha hin hammeessineen itti gaafatamummaashee akka baatu" dhaaman.

    "Dhimmoonni belbeltuun addunyaa yeroo ka'an, biyyoonni gurguddoon bifa loogii hin qabneefi haqa qabuun gahee isaanii bahuu qabu, tasgabbiin seerri idil-addunyaa akka kabajamu dursummaa fudhachuu qabus," jedhan.

    Ministiirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi dabaluunis, Beejing "Korri Nagaa Idil-addunyaa" akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessuu himan.

    Lola Israa'elfi Hamaas kanarratti balaaleffannaa ishee keessatti addatti maqaa Hamaas hin dhoofne.

    Haleellaa torban har'aa Hamaas gaggeessen balaa qaqqabe balaaleffachuun gamni lachuu waraana akka dhaaban waamicha gootee turte Chaayinaan.

  6. ''Loltoonnis, namoonni nagaan Israa'elis nuuf diinuma''- gaggeessaa duraanii Hamaas

    Kaaliid Meshaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaggeessan duraanii Hamaas Kaalid Meeshaal waanti hidhattoonni Hamaas daangaa Israa'el seenun torban har'aa raawwatan "kan nama boonsu" jechuun ibse.

    Akka inni jedhetti, Hamaas oppireshinii kana Israa'el irratti kan gaggeesse "gita bittaa Israa'el xumura itti gochuufi."

    Gaggeessaa Dhimma Alaa Hamaas kan ta'e Kaalif Meeshaal miidiyaa Turkii kan Habertirk TV jedhamutti akka dubatetti, lolli kan eegale torbee darbe osoo hin taane bara 1848 [yeroo itti Israa'el hundoofte]tti.

    "Israa'el waraannishee cimaafi kan mo'amne jechaa turte. Sa'aatii muraasa keessatti mo'amuusaanii gaafa agarre garuu, nutiyyuu ni dinqisiifanne," jedhe kaalid.

    Haleellaa Hamaas daangaa cehee namoota nagaa, ijoollefi namoota umuriin dullooman irratti raawwate ilaalchisee yeroo gaafatamu, "Akka kana hin goone itti himaa turre. Garuu, yeroo waraanatti wantoonni akkasii ni mudatu. Itti yaannee hin goone [namoota nagaa ajjeesuu] jedhee yeroo hunda kan dubbatu Israa'el mitii?" jechuun deebise.

    Israa'el lammii nagaa ajjeesti jedhee Hamaas lammiilee nagaa ajjeesee? jedhamee yoo gaafatamu: "Garaa garummaa guddaatu jira" jedhe.

    "Abbaan lafa kanaa nuyiidha. Yeroo diinni, loltuus haa ta'uu nama nagaa, bakka biraatii sitti dhufu hundi isaanii diina."

    "Eenyuyyuu yoo ta'e, lafa koo narraa fudhachuuf kan dhufe anaaf diina," jechuun deebise.

  7. Hiriirri deeggarsaa Filisxeem guddaan Landanitti gaggeeffame

    Hiriirri deegarsa Filisxeem guddaan magaalaa Landanitti gaggeeffame.

    Namootni hiriira nagaaf bahan gidduugala Landanitti kan argamu fuuldura Waajjira BBCttis bahaniiru.

    Achumaan gara masaraa adii teessoo mootummaa UK taheetti imalu. Hiriira kana irratti ijoolleedhaa hanga jaarsaatti umurii hunda irraayyuu bahaniiru.

    Qindeesitootni fi namootni hiriiricha bahan gariin alaabaa Filisxeem qabatanii, ''Filisxeemiin gadhiisaa, Filisxeemin gadhiisaa, weeraruun yakka'' jechaa turan.

    Kaan ammoo barreeffama ''Israa'eeliin hidhachiisuu dhaabaa'' jedhu qabatanii bahan.

    Hiriira deeggarsa Filisxeemiif Landanitti bahame
  8. Ajajaan Hamaas ajjeefame kan bara 2011 Israa’el qabdee hidhaa gadhiistedha

    Ajajaa Hamaas kun Alii Qaadii jedhamuun beekama. Torban darbe haleellaa Kibba Israa’eliitti Hamaas gaggeesse dursaa ture.

    Waraanni Israa’el, ''haleellaan qilleensarraatii Alii Qaadii, ajajaa humna komaandoo Hamaas ‘Nukhba’ jedhamu ajjeese,’’ jette.

    Akka ibsa Humna Ittisaa Israa’elitti yoo tahe, ajajaan Hamaas kan umuuriin ganna 37 tahe kun, namoota 1,000 Israa’el bara 2011 qabdee booda Hamaas waliin booji’amtoota yeroo wal jijjiiran gadhiiste keessaa isa tokko.

    Bara 2005 ammoo lammii Israa’el Shiin Bet keessatti dhimma nageenyaarra hojjetu tokko butee ajjeesuun kan to’atamee ture.

  9. Raashiyaafi Hamaas wal-arganii mari'achuuf

    Mikhaayil Bogdaanov

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan Hamaas wajjin wal-arguun lammiilee Israa'el fudhataman gadi lakkisiisuu irratti waliin mari'achuuf akka ta'e beeksifte.

    Miidiyaan biyyattii Ria-Rovosti jedhamu akka gabaasetti Raashiyaan Ittaanaa Minisitiira Dhimma Alaashee gara Kaataritti erguun mariyachuufi.

    Raashiyaan Baha Giddu Galeessatti qaama nagaa buusu taatee dhiyaachuf yaalii gochaa jirti.

    Gama biraan ammoo Raashiyaan Iraanifi Hamaas waliin hidhata qabdi. Kun ammoo hidhattoota Hamaasis deeggarsa meeshaa waraanaa ni gooti jedhamtee akka shakkamtu ishee taasisa.

    Itaanaa Minisitiira Dhimma Alaa Raashiyaa kan ta'an Mikhaayil Bogdaanov miidiyaa Ria-Rovostitti akka himanitti yoo argatan bakka bu'oota Hamaas argachuu akka barbaadaniifi rakkoolee ijoo ta'an kan akka namoota Israa'el keessaa butaman gadi lakkisiisuu fa'aarratti akka mariyachuu fedhan himan.

  10. Israa'el lammiilee nagaa osoo waraana baqataa jiranii haleeluun mirkanaa'e

    Bakka haleellan itti raawwate

    Madda suuraa, Shot from video

    Israa'el lammiilee Filisxeem Kaaba Gaazaa keessa jiraatan sa'aatii 24 keeessatti bahaa jettee erga akeekkachiistee booda namoonni nagaan osoo baqataa jiranii haleeluun beekame.

    Namoonni hedduun karaa akka baqataniif itti himameefi kallattii sanatti haleellan hin gaggeeffamu jedhamee itti himamerratti kan du'an.

    Namoota ajjeefaman kana keessa ijoollenis jiru. Viidiyoon qoodamaa ture akka agarsiisutti namoonnifi konkolaatan heddu kallattii gara Kibba Gaazatti osoo baqataa jiraniiyyu haleellan kan irratti gaggeeffame.

    "BBC Verify" akka mirkaneessetti haleellan kun bakka Salah-al-Din street jedhamutti kan gaggeeffame yoo ta'u, karaa ittiin namoonni gara Kibba Gaazatti ittiin baqataniif itti himameedha.

    Kallattii namoonni ittiin baqatan kanarratti haleellaa akka hin gaggeessine Israa'el waadaa galtee turte.

    BBCn akka mirkaneeffattetti yoo xiqqaate reeffi namoota 12, baay'ensaanii ijoolleefi dubartoota ta'e ni mul'ata.

    Minsitiirri Fayyaa Filisxeem garuu haleellaa namoota baqataa jiran irratti gaggeeffame kana qofaan namoota 70 du'e jedhe.

    Waraanni Israa'el dhimmicha qorataa akka jiru beeksise.

  11. Amma nu gahe, Gaggeessaa olaanaan hidhattoota Hamaas ajjeefamuu Waraanni Israa'el ibse

    Gaggeessaa olaanan hidhattoota Hamaas ajjeefamuu Waraanni Israa'eel beeksise.

    Dubbi himaan Waraana Israa'el fuula X, kan duraan Tiwiitar jedhamuun beekamu, gubbbaatti akka barreessanitti haleellaa humni qilleensaa Israa'eel gaggeessene qondaalli waraanaa kun kan ajjeefame.

    Qondaalli waraanaa Hamaas ajjeefamuun ibsame kun Muraad Abu Muraad jedhamuun kan beekamu yoo ta'e haleellaa qindaa'aa gaafa Sambataa Hamaas Israa'eel irratti gaggeesse kan durse isa jedhame.

    Du'uun Muraad Abu Muraad mirkanaaf soba ta'uusaa Hamaas homaa hin jenne.

  12. Gaazaatti namoonni 2,200 du'uu Ministeerri Fayyaa beeksise

    Haleellaa qilleensaa Israa'eel Gaazatti gaggeessaa jirtuun hanga ammaa lammiilen Filisxeem 2,200 du'uufi 8,700 ol ammoo madaa'uu Ministeerii Fayyaa Filisxeem beeksise,

    Lakkoofsi kun kanneen Gaazaa keessatti halleellaa qilleensarraa Israa'elin du'an qofa osoo hin taane Weest Baank keessatti hokkara ka'eenis akka ta'etu ibsame.

    Weest Baank keessatti tarkaanfii Israa'el fudhatteen namoonni 54 yoo du'an, 1,100 kan ta'an ammoo madaa'uu beeksise ministeerichi.

    Israa'el lammiilen Filisxeem Kaaba Gaazaa keessa jiraatan miliyeena 1.1 sa'aatii 24 keessatti akka bahan jettee akeekkachiisa kennuunshee dheekkamsa heddu kaasera.

    Akeekkachiisi Israa'el kun humna lafoon Gaazatti weerara eegaluuf akka ta'etu ibsamaa jira.

  13. Mootummaan Joordaan buqqaatii Filisxeemotaa irratti akeekkachiisa kenne

    Ministira Dhimma Alaa Joordaan buqqaatii haaraa Gaazaa keessaa irratti Israa'eeliin akeekkachiisan

    Madda suuraa, Rooyitarsi

    Ministeerri Dhimma Alaaa Joordaan, Israa'el lammiilee Filisxeem bakka haaraatii buqqisuuf kan yaaltu taanaan wal dhabdichi gara naannootti ce'uu mala jechuun akeekkachiisan.

    Aymaan Safaadii, ibsa baasaniin, Israa'eel dhiyeessii deeggarsa namoomaa danquu fi Kaaba Gaazaa keessaas jiraattotni akka baqatanii bahan ajajuun ''beekaama seera idil-adunyaa cabsuudha'' jedhan.

    Kun kanaan osoo jiruu xiyyaarri deeggarsa namoomaa Gaazaaf feete Masirii qubatteetti.

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa [WHO], Dr Teediroos Adaanoom Gabreyesuus, xiyyaarri qorichootaa fi meeshaalee wal'aansaa qabatte daangaa Gaazaa irraa KM 45 fagaattee magaalaa Masirii Aarish jedhamtu keessa qubatteetti jedhan.

    Hulaan ittiin dabarsan akkuma argameen buqqatota Gaazaaf dhiyeessuuf qophiidha jedhan.

  14. Humni Ittisaa Israa'el hidhattoota Libaanus irraa daangaa galan ajjeesuu hime

    Humni Ittisaa Israa'el daangaa Gaazaa keessa galeera

    Madda suuraa, EPA

    Humni Ittisaa Israa'el hidhattoota daangaa Libaanus irraan biyya isaani galaa turan ajjeesuu beeksise.

    ''ShororkeeSsitootni hedduun'' osoo daangaa keenya seenuuf yaalanii ajjeefamaniiru jedhe.

    Humni Qilleensaa Israa'el diroonii xiyyaara nama maleessaan haleellaa gaggeessuu ibse.

    Hidhattoota meeqa akka ajjeesanii fi kan garee kami kan jedhu irratti ibsa bal'aa hin kennine.

    BBC'n addatti dhugaa tahuu isaa qaama walabaa irraa hin mirkaneesine. Dabalataan Humni Ittisaa israa'el Gaazaa keessatti namoota Hamaasiin ukkaamfamanii fudhataman ajjeefamanii arginee maatii beeksifneerra jedhe.

    Humni naannoo daangaa Gaazaatti walitti qabame daangaa cehuun ''garee rokkeettii dhukaasu akka barbadeessaniif'' ergamaniru jedhe.

  15. Gaazaa keessatti gamoowwan kuma tokkoo ol manca'an jedhe UN

    Gamoowwan manca'an

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el raawwataa jirtuun hanga ammaa Gaazaa keessatti gamoowwan 1,300 ol manca'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

    Haleellaa torban har'aa gaafa Fulbaana 7 Hamaas Israa'el irratti gaggeesse hordofee Israa'el xayyaarota waraanaa fayyadamuun Gaazaa haleeluu eegalte.

    Ejansiin Namoomaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii (OCHA)n akka gabaasetti, Gaaza keessatti manneen gamoowwan kanneenirra jiran 5,500 yoo barbadaa'an manneen 3,750 ta'an ammoo miidhamuurraa kan ka'e sadarkaa namni keessa jiraachurra hin jiran jedhe.

  16. 'Putiin carraa waraana Israa'eeliif Gaazaa kanatti fayyadamuuf qophiidha'

    Vilaadmiir Putiin

    Madda suuraa, ROOYITARSI

    Vilaadmir Putin akkuma taatoo beekamaa Jeemsi Boondi bakka dhokataa taa'ee furtuu harkaa qabutti bu'uun asitti waraana, asitti jeequmsa adunyaa irratti facaasuutti kan ilaalan jiru.

    Bakka tokko tuqee biyyoota Baalkaan keessatti jeequmsa uume.

  17. Israa'el waraana bara 2014 Gaazaa waliin taasisterraa maal baratti?

    Israa'el haleellaa qillensarraan ala humna lafoonis Gaazaa akka weerartutu eegama. Haleellaa lafoo biyattin karoorsite kana wantoonni lafarra harkisan danuutu jiru.

    Gareeb Hamaas Izaddiin al-Qasim Birgeed jedhamu haleella Israa'el kanaaf qopha'era. Meeshaalen waraanaa kan akka fanjiifi fa'a qophaa'aniiru. Gareen kun loltoota 15,000 hanga 20,000 qaba.

    Green biraa Islaamik Jihaad jedhamus loltoota hanga 6,000 qabu achuma Gaazaa keessa jira.

    Loltoota Israa'el kiyyoo keessa galchanii marsanii haleelufi tooftaa garaa garaa qopheeffataniiru.

    Akksumas ulaa lafa jalaa wal-xaxaa ta'e fayyadamee loltoota Israa'el haleelus ni danda'a. Bara 2014 yeroo Isra'el Gaazaa weerarte loltoonni lafoo Israa'el baay'ee miidhaman.

    Gareen Hamaas meshaalee akka farra tankii, fanjii, isnaayipparii fa'a fayyadamuun kasaaraa guddaa irraan gahe.

    [Israa'el haleellaa akkasiif yeroo deebii laattu] lammiilee nagaa heddutu dhume. Isa alanaarratti Israa'el duristee namonni nagaan miliyeena 1.1 Kaaba Gaazatii akka bahan ajajuunshee dogoggorii akka yeroosanaa akka irra hin deebineef fakkaata.

    Waraanni kun ji'oota hedduufis akka turu akeekkachiiftee jirti. Waraana humna eeggataa seenaashee keessatti isa guddaa ta'e 360,000 waamtee jirti.

  18. BBCn maaf Hamaas 'shororkeessadha' jedhee waamuu dide?

    Gabaasaa BBC

    Qondaaltonni mootummaa, gaazeexaawwaan, barreessitoonniifi namoonni kaan BBCn maaliif Hamaas 'shororkeessadha' jedhee hin waamu jedhanii gaafatu.

    Keessumaa erga gaafa Onkololeessa 7 gareen Hamaas daanga Israa'el seenuun haleellaa gaggeessee as gaaffin kun irra deddeebin dhiyaata.

    Deebin gaaffii kanaa duudhaa BBCn gaafa hundeeffamu qabatee ka'een kan wal-qabatuudha.

  19. Israa'el 'qiyyeeffannaawwan Heezboollaah'' kaaba Lebaanus haleelte

    Haleellaa Israa'eliin booda aara mul'ate

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Israa'el kibba Leebaanoon keessatti ''qiyyeeffannaawwan shororkeessitootaa'' kan garee milishoota Heezboollaah ta'e haleeleera jedhe.

    Haleellaan kunis kan raawwatame erga gubbaa magaala Haayifaa kan daangaa Leebaanusitti argamutti qiyyeeffanaa adda hin baafanne fi dirooniin waraanaa UAV ammoo karaa kaabaan Israa'eelii seenaniin booda ta'u hime.

    Dirooniin waraanaa Israa'el bakkicha haleeluus waraanichi himeera.

    Torban kana keessa humnootiin Israa'el Heezboollaah waliin walitti dhukaasaniiru.

    Akkuma Hamaas, gareen hidhattoota Libaanus kanneenis UK, US fi biyyoota kaaniin garee shororkeessaa jedhamuun farrajamaniiru.

    Heezboolaan Iraaniin deeggaramuun Libaanus keessa waraanaa cimaafi hirmaannaa siyaasaa guddaa qaba.

    Bara 2016 keessa, Heezbollaan Israa'el waliin lola cimaa gaggeessuun namoonni 1,200 ajjeeffamanii ture.

  20. Karoorri Israa'el lammilee Gaazaa mil. 1.1 baasuuf jettu "tasumaa waan milkaa'u miti"

    Joosef Boorel

    Madda suuraa, AFP

    Israa'el lammiilen Gaazaa miliyoona 1.1 kaaba Gazaa keessaa akka bahan jechuunshee "tasumaa waan milkaa'u miti" jedhan gaggeessan tarsiimoo dhimma alaa Gamtaa Awuroppaa Jooseef Booreel.

    Jooseef Booreel kana kan dubbatan daawwannaa guyya sadiif wayita Chaayinaatti imalaniitti ibsa miidiyaalef kennaniin.

    Israa'el lammiilen Filisxeem Kaaba Gaazaa jiran miliyoona 1.1 ta'an sa'aatii 24 keessatti akka bahaniif waamicha gootee turte.

    Kunis ammoo haleellaa humna lafoo Gaazaatti eegaluuf ta'uu mala jedhamee yaadama. Joosef Booreel garuu namoonni miliyoona tokkoo ol sa'atii 24 keessatti akka bahan jechuun rakkoo namooma hammeessuudha jedhan.

    Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Israa'eliif qabu ibsuus, Jooseef Booreel garuu Israa'e mirgi hunduu daangaa akka qabu himan.

    "Mirgi dangaa qaba, innis seera idil-addunyaati" jedhan.