Daa’imni Keeniyaa qottoon mataa seene hospitaalatti lubbuun darbe

Qottoo

Madda suuraa, Getty Images

Daa’imni lammii Keeniyaa ganna lamaa qottoon mataatti gale otoo wal’aansi baqaqsanii hodhuu taasifamuufi lubbuun hospitaalatti darbeera.

Yeroo duuti daa’ima kanaa dhagahametti uummanni Hospitaalli Biyyaalessaa Keeniyaa mucaaf yaalii kennuuf sa’atii 20 ol akka fudhateefi yaaliin atattamaa akka hin kennamneefi qeeqaa ture.

Garuu ibsa Kibxata baheen hospitaalichi daa‘imni wal’aansa baqaqsanii hodhuuf otoo hin galiin dura dhiigni baayyeen gatii dhangala’eef haala tasgabbaa’aarra hanga gahutti eegaa turre jedhe.

Haati daa’imaa otoo wal’aansa baqaqsanii hodhuu irra jiruu lubbuun darbe jechuun miidiyaa biyya keessaatti himteetti.

Daa’imni kuni bakka Kilimaamboogoo jedhamu kan magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii irraa km63 fagaattutti otoo mooraa keessatti ijoollee waliin haasa’uuti qottoon kan dhahame.

Dhimmi kuni Hospitaala Biyyaalessaa Keeniyaa fi dhaabota fayyaa xiyyeeffannoo uummataatti saaxileera.

Dhaabonni fayyaa kunneen tajaajila sadarkaan gadi kennuun komatamaa jiru.

Kanaafis mootummaan meeshaalee yaaliifi dawaa dhaaf maallaqa gahaa tahe hin ramadu jechuun qeeqama.