Daa'imman Keeniyaa teekinolojiidhan biyyattii jijjiiruuf abjuu qaban

Madda suuraa, BBC/PETER NJOROGE
Gaazexeessaa Ismaa'el Enaash guyyaa tokko obboroon ka'ee magaala Naayiroobii keessatti kan argamu wiirtuu gabbisa teekinolojii ijoolleen itti baratan daawwachuuf deeme. Yeroo achi gahu ijoollee xixiqqoo gareen motoraa fi shiboo fayyadamuun roobootii hojjatan arga. Kutaa biraa keessaa ammoo warri kaan sooftweerii fayyadamuun maqaa isaanii kompitara irratti akkamitti barreessuu akka danda'an barataa jiru.
Wiirtuun teekinolojii kun Stem Impact Centre kan jedhamuu fi magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti argama.
Bara 2020 keessa kan hundaa'e yoo ta'u, giddu galli kun ijoolleen daa'imummaa irraa kaasanii koodingii, roobotiksii fi teekinoolojii ofii isaanitiin akka baratan gochuuf manneen barnootatiif deeggarsa dhiyeessa.
Aleeks Maaguu nama ijoollummaa isaa irraa qabee fedhii teekinolojii guddaa qabuudha: "saayinsii kompitaraa Keeniyaa keessatti aadaa godhachuu" barbaadudha.
Ijoolleen hundinuu baruumsa teekinolojiidhan deeggarame akka argatan gochuun guddina Keeniyaatif murteessaa akka ta'e dubbata. Mootummaan Keeniyaas yaada Aleeksi Maaguu wajjin waan walii galu fakkaata.

Madda suuraa, BBC/PETER NJOROGE
Baruma kana ji'a Eblaa keessa mootummaan Keeniyaa sirna barnoota haaraa dandeettii koodingii fi teekinolojiiwwan garaa garaa barattoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaatif hojiirra oolchuf akka jiru beeksisee ture.
Keeniyaan biyoota Afrikaa keessaa biyya giddu gala tekinolojii jedhamuun beekamti. Dhaabbileen guguddoon akka Amazon fi Google wiirtuu Keeniyaa irraa qabaachuu irraa kan ka'e inumaayyuu "Silicon Savannah" jedhamuun beekamti.
Fiiziksiin iddoo guddaa qaba
Aleeks akka jedhutti fedhiin inni saayinsii komitaraatif qabu ijoollummaa kaaseti.
Mana baruumsatti barataa dadhabaa waan tureef abbaan isaa waan tokko akka bituuf waadaa galeef.
Aleeksi duraan barbaadaa kan ture biskileetii ittiin gaara koran ture, booda irra kompitaarri akka bitamuuf gaafate.

Madda suuraa, BBC/PETER NJOROGE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biskileetii dhiisee kompitarri akka bitamuuf filachuun jireenya Aleeks jijjiire. Gaafa komparri bitamuuf sana halkan guuttuu hin rafne, geemii taphataa bule.
Yeroo ganna 13 gahu, yuunivarsiitii seenee saayinsii kompitaraa barachuu barachuu akka qabu murteesse.
Haa ta'u garuu mana baruumsatti fiiziksii waan hin dandeenyef, isa malee saayinsii kompitaraa itti fufuu akka hin dandeenye baree itti dhiise.
"Fiiziksii malee yuunivarsiitii seenee saayinsii kompitaraa barachuu akka hin dandeenye waanan bareef baay'en gadde," jedha Aleeks Maaguu.
Waan isa mudate irraa ka'uun daa'imummaa irraa kaasee fedhii herreega fi saayinsii kompitaraa ijoollee keessatti uumun murteessaa akka ta'e hima.
Dhuma irratti saayinsii siyaasaa baratee eebbifame. Boodarra yeroo boqonnaa isaatii waa'ee elelktirooniksii barachuun akka gargaaraa pirojektiitti kampanii teknolojii Daanish Naayiroobii keessatti argamutti qacaramee hojjachuu jalqabe. Yeroo kampanii kana keessa hojjataa tureedha tekinolojii irratti ogummaa gahaa kan horate. Amma wiirtuu tekinoljii mataa isaa hundeessun manneen barnootaa koodingii, roobotiksiidhan gargaaraa jira.
Carraa biyya keessaaf dursa kennuu
Kaampaaniwwan tekinolojii Keeniyaa keessa jiran baay'inaan lammiilee biyya alaatin hidhata kan qabaniidha.
Giddu galli Aleekis Maaguu hundeesse, Stem Impact Centre jedhamu kun lammiilee Keeniyaatif dursa kenna. Barattoonni sadarkaa gadii irraa ka'anii beekumsa tekinolojiitiin akka guddataa deeman gargaara.
Giddu gala tekinoljii inni hundeesse kun dhaabbilee tekinolojii biyya keessaa kanneen akka gabaa dijitaalaa Turkaanaa fa'aa of keessaa qaba. Dhaabbanni kun balfa gubuuudhan humna ibsaa maddisiisuf kan hojjataa jiruudha.
Kan biroo ammoo dhaaabbata hubannoo nam-tolchee (AI)tin namoota dhagahuu hin dandeenye fi Naayiroobii keessa jiraataniif appilikeeshinii afaan hiiku hojjatuudha.

Madda suuraa, BBC/PETER NJOROGE
Dhaabbileen teekinolojii kunneen muraasni isaanii giddu gala Stem Impact Centre keessa kan buufatan yoo ta'an, hojjattoonni isaanii muraasni barattoota leenjisuu fi gorsuudhan gargaaru.
Isaan keessaa tokko Joonidha- nageenyaf jecha maqaan isaa kan jijjiirame. Joon dhiyeenya kan eebbifamee fi injinara. Maatin isaa Sudaan Kibbaa irraa baqatanii dhufaan buufata baqattoota Kakumaa keessatti dhalate.
Joon giddu gala kana dhufuun guyyaadhan intarneetii shilingii 50 bitatee karaa onlaayinii Massachusetts Institute of Technology (MIT) baruumsa hordofaa ture.
Kallattiidhan yunivarsiiticha irraa baruumsa hordofee hin beeku, waraqaa ragaa itti argates hin qabu. Garuu beekumsii fi fedhiin inni saayinsii fi herreegaf qabu akkaan dabaleera. Yeroo yuunivarsiitii seenetti digrii isaa aeronautical engineering dha barate.
Amma Joon erga eebbifamee pirojektii mataa isaa qabatee giddu gala Stem Impact Centre keessatti hojjataa jira.
Milkaa'ina Joon fi namoota birootti kan gammadu Aleeksi Maaguu, giddu gala teknolojii isaa yaalidhaaf gara Sudaan Kibaatti babal'isuuf akka jedhu dubbata.












