Hojjettuu manaa hanga bulchituu kaawuntii Keeniyaa

Kawiiraa Miwaangaazaa

Filannoon biyyaalessaa Keeniyaa adeemsa filannoo fi dimookraatummaa isaan jajame hirmaannaa dubartootni siyaasa fi bulchiinsa biyyattii keessatti qabanis dabaluun seenaa haaraa galmeesse.

Keeniyaan kaawuntiiwwan akka naannootti bulchaa ykn bulchituun bulan 45 kan qabdu yeroo ta'u, seena keessatti yeroo duraaf dubartootni torba bulchituu ta'uuf filatamaniiru.

Isaan keessaa ammoo dubartiin bara dargaggummaa ishee hojjettuu manaa ta'uun tajaajilaa turte Kawiiraa Miwaangaazaa tokko.

Filannoo kana dura kaawuntiiwwan jiran hunda keessaa bulchituu dubaraa kan qaban sadii qofa turan.

Filannoo alanaarratti garuu dubartootni 20 hojii guddaa naannolee bulchuu kanaaf dorgomaniiru. Isaan keessaa ammoo torba milkaahaniiru.

Kawiiraa Miwaangaaziin akkuma filatamtoota kaani Kamisa kakuu raawwachuun gaafatamummaa kaawuntii Meeruu bulchuuf itti kenname tokko jettee eegalteetti.

Kawiiraan matiin ishee harka qalleeyyii ta'uu isaaniirraa kan ka'e wayita shamarree ganna 14 turte barnoota ishee adda kutuun waggaa tokkof 'hojjettuu manaa' ta'uun tajaajilaa akka turte dubbatteetti.

''Hojjettuu manaa ta'uun gara waggaa tokkoof hojjedheera. Baayyee ulfaata keessa kootti garuu injifachuuf akkan dhaladhe nan beeka ture'' jechuun BBC'tti himteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni siyaasaa ganna 40'ootaa keessa jirtu kun ''gaafa tokko qarriffaa hiyyummaa jalaa miliqee jireenya milkaahaa qabaachuu koorraa takkaahuu abdii kutee hin beeku'' jette.

Keeniyaa keessatti gatiin hojjettoota mana keessaaf kaffalamu xiqqaa, yeroon hojii isaanii ammoo dheeraadha.

Kawiiraan garuu cimtee gara barnoota ishee adda kuttetti deebite. Maallaqa hojii daldalaa xixiqqaan argattuunis barnoota ishee koollijjiif kaffalattee imala imilkaahinaa itti fufte.

Kawiiraan boodarra dubartii daldalaan milkoofte taatus gara siyaasaattis fedha horachuu jalqabde.

Yeroo jalqabaaf teessoo paarlaamaaf kan dorgomte bara 2013 ta'us yeroos hin milkoofne.

Hin milkoofne jettee hin dhiifne. Waggaa afur booda paarlaamaatti bakka buutuu dubartootaa kaawuntii Meeruu ta'uun milkoofte.

Bara kana ammoo marroo lammataaf bulchaa kaawuntii Meeruu ta'uuf kan dorgoman Kiraitu Murungi morkattee irra aante.

Abbaa warra ishee nama muuziqaa fi piroodiyusara beekamaa ta'e Mwarega Baichu duula filannoorratti hirmaachisuun deeggarsa guddoo argatte.

Biyya hirmaannaa siyaasaa keessatti dhiibbaa saalaan walqabate hamaan dubartoota mudatu keessatti milkaahinni Kawiiraa fi dubartoota biroo milkaahina guddaa ta'eera.

Kawiiraa fi bulchitootni kaawuntiiwwanii bajata guddaa mootummaan ramaduun misooma naannolee isaanii jabeessuuf gaafatama guddaa qabu.