Tibbana Itoophiyaan humna waraanaa adda tahe akkamii leenjisuu jalqabde?

Madda suuraa, Raaayyaa Ittisa Biyyaa/FB
Raayyaan Ittisa Biyyaalessaa Itoophiyaa tibbana leenjii humna koomaandoo adda tahe marsaa 44ffaaf Gidduugala Leenjii Oppireeshinii Addaatti jalqabsiisuu ibse.
Ajajaa Diviizhinii Oppireeshinii Addaa kan tahan Letinaant Jeneraal Shuumii Abdataa, leenjii humna koomaandoo kana gidduugalichatti argamuun jalqabsiisaniiru.
Humni koomaandoo kun addatti leenjii fi qophii akkamiif akka tahe hin ibsine.
Let. Jeneraal Shuumii Abdataa leenjifamtootaaf yeroo ergaa dabarsan, ''ogummaa leenjistoota irraa argattaniin naamusa keessan qajeelfachuuf, cichoomina keessan cimsachuu fi jaalala biyyaaf hojjechuuf itti fayyadamuu qabdu'' jechuu Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa baaseen eereera.
"Loltuu biyyaaf dhaabbatu tahuudhaaf jaabbattanii hojjechuun loltuu naamusa qabuu fi jabaa tahuu qabdu'' jedhan.
Humni Koomaadoo ''amanamaa fi onnataadha. Uummata isaa fi biyya isaa amanamummaa fi ejjennoo guddaa qabaachuun tajaajila. Dirree lolaattis muddama jiru si'aayinaan garagalchuun seenaa biyyaa keessatti kan yaadatamu taha'' jedhan Let Jeneraal Shuumiin.
Leenjiin loltummaa akka waraanaaf qophaa'uutti qofa ilaalamuu hin qabu kan jedhan jeneraalichi akka guddina dhuunfaa fi ogummaattis fudhatamuu qaba jedhan.
''Ogummaa kee fi naamusakee guddisuun jijjiirama dhaloota dhufuufi jireenya dhuunfaakee jijjiiruuf itti fayyadamuu dandeessa'' jedhan.
Dhiyeenya Itoophiyaan loltoota kumaatamaan marsaa adda addaan leenjisuun eebbisiisaa jirti.
Kanneen fedha qabanis akka galmaa'anii leenjii fudhatan waamichi godhamaa ture.
Waraana Kaaba Itoophiyaan booda gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf dhiyeessiteen qaxanaa Gaanfa Afrikaa keessatti muddamni dabalaa dhufeera.
'Fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaaf aarsaa kamuu kaffaluuf qophiidha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa adeemsa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu keessatti ''muddamni nageenyaan walqabatu'' kamuu yoo uumame qolachuuf qophii ta'uu ibse.
Ibsa kana kan kennan dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee faayidaalee biyyaalessaa jedhanii akka fakkeenyaatti kan eeran ''mirga bishaanitti fayyadamuu'' fi ''gaaffii ulaa galaanaa'' eeran.
Hoogganaan Qajeelcha Humna Namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Achaaluu Shallamee, dhihoo kana guddinni gulantaa ajajoota olaanoo miseensota raayyichaaf kenname ''ergamaa fi dirqama dabalataa ilaalcha keessa kan galchedha,'' jedhan.
Jeneraalonni lameen guddina gulantaa aanga'oota olaanoo miseensota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaaf kennamerratti ibsa kan kennan gaaffii fi deebii Tajaajila Oduu Itoophiyaa irratti taasisaniin ture.
Fulbaana 20, 2025 aanga'oota waraanaa Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhiheessan 66'f guddinni gulantaa kennameera.
Kanaan dura gulantaa leetenaal jeneraal irra kan turanii fi gorsaa olaanaa Itaamaajoor Shuumii Humna Waraa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa kan ta'an Alamisheet Daggifee fi Raayyaa Ittisaatti hoogganaan damee injinariingii Dastaa Abbichee kanneen gulantaa jeneraalaa argatan keessaati.
Hoogganaan damee barnootaa fi leenjii Yimar Makonnin fi hoogganaan damee Inispekshinii Raayyaa Ittisaa Dirribaa Makonnin gulantaa jeneraalummaatti guddataniiru.
Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa guddinni gulantaa kun adeemsa seerotaa fi qajeeltoowwan Raayyaa Ittisaa hordofee kenname jedhan.
''Dirqama loltummaa sirnaan ba'achuun, dandeettii hooggansaa, ga'umsaa fi naamusi akkasumas seera kabajuun,'' ulaagaalee guddina kana kennuuf murteessoo ta'anidha akka qondaala waraanaa kanaatti.
Qondaalonni waraanaa guddina gulantaa argatan kunneen ''kan haqaa fi walqixxummaan Itoophiyaa bakka bu'an akka ta'an, akkasumas ''bakki muudamaa banaan jiraachuun'' ilaalcha keessa galfamuun muudamni kun raawwachuu ibsan Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa.
''Muudamni kun dirqama fuulduratti jiraatu baadhachuuf qophii ta'uu'' akka ta'es ibsaniiru.
Qondaalonni waraanaa muudama kana fudhatan ''dirqama dabalataa fi ergama haaraa dhufu baadhachuuf qophaa'uun akka irraa eegamu ilaalcha keessa galfameera,'' jedhan aanga'aan waraanaa Itoophiyaa kun.
Daarektarri Quunnamtii Hawaasaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Geetinnat Adaanee guddina gulantaa waraanaa kennameen gara Birgaader Jeneraalitti guddataniiru.
Muudamni kenname kun ''qophaa'ummaa waraanaa'' kan cimsuu fi ''ergama fuulduratti jiraatuuf'' waan gaarii akka ta'e ibsan Birgaader Jeneraal Geetinnat.















