Xiyyaarri abbaansaa hin beekamne $m5 oliifi meeshaa waraanaa fe’ee Masiriirraa ka'e ijoo dubbii ta'e

Doolaaraafi warqee

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaarri dhunfaa magaala guddoo Zaambiyaa Luusaakaa keessatti maallaqa doolaara miiliyoon shanii ol, qawweefi kan biraa fe’ee qubate ijoo dubbii ta’eera.

Xiyyaarri kuni maallaqaafi meeshaa waraanaatiin alatti warqees fe’ee ture.

Xiyyaarichi kan ka’e magaala guddoo Masrii Kaayiroorraati. Hanga ammaattis Masirii irraas ta’e gama Zaambiyaatiin qaamni meeshaaleen xiyyaarichatti fe’eme kan kooti jedhe hin jiru.

Dhimmicharratti qorannoon gaggeeffamuu eegaleera.

Xiyyaara kana ilalachisee gaaffiiwwan deebii hin argatiin hedduudha. Yaadawwan 'kana ta'uu mala' jedhamanis baayyataniiru.

Tarii dhimma kana keessa namoota siyaasaa ykn qondaaltoota waraanaa Masrii ykn Zaambiyaa harka keessaa qabaachuu danda’u kan jedhan jiru.

Xiyyaarri kun balalii kan taasise yeroo jalqabaafidhaamoo, xiyyaaronni baayyeen walfakkaatan imla wal fakkaatuu taasisaa turanii dhumarratti kan to’atame xiyyaara kana qofaa ta’inna?

Xiyyaaricha keessatti kan argaman lammiileen Masrii jahaafi kanneen Lussaakkaatti isaan simatan tibana mana murtiitti ni dhiyaatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiileen Zaambiyaa to’annoo jala oolfaman muraasni basaastummaa, akkasumas waliin dhahuun maallaqa argachuun himataman.

Dhimmichi ifa kan bahe ammoo gaazexessixoota qorannoo gabaasaniin. Marsariitiin ‘Matsda2sh’ jedhamu harki lammiilee Masrii keessa jiraachuu ibsa.

Odeeffannichi akkuma baheen gaazexessaa Masrii- Kaayirootti argamu Kaariim Asaad halkan erga mannisaa sakkatta’ameen booda hidhame.

Jalqabarratti eessa buuteesaa kan bare hin turre. Waldaan Gaazexessitoota Masrii miidiyaarratti odeeffannoo waa’ee xiyyaara poolisii Zaambiyaatiin qabamee baasuu eegalan.

Dhimmichaan walqabatees qondaaltoonni waraanaa Masrii ta’an sadiifi qondaalli pooliisii olaanaa to’annoo jala oolfamuutu ibsame.

Kaariim Asaad osoo hin to‘atamiin dura kan marsariitii isaarratti barreessees kanuma ture.

Gaazexxeessitoonni miidiyaa hawaasummaa irratti mormiisaanii ibsiinaan Kaariim hidhaarraa gadhiifameera.

Moorummaan Masrii hanga ammaatti ifa kan taasisee gaazexessaan marsariitii irratti barreesse xiyyaarichi kan dhunfaa akka ta’eefi karaa Kaayirootiin darbu isaa qofaadha.

Masriinis ta’e aanga’oonni ishee dhimmicha waliin kan isaan walitti hidhu akka hin jirre himan.

Dhimmichi Zaambiyaa waliinis walitti dhufuu danda’a. Lammiin Zaambiyaa warqicha shaanxaatti qabatee ture kutaa to’annoo nageenya Zaamiyaa darbuuf hin rakkannee ture. Lammiilee Masrii xiyyaarichaan Lusaakaa dhaqan waliinis walargee ture.

Kun akka ta’uuf eenyuu akka hayyame garuu hin baramne. Miidiyaaleen Zaambiyaa akka jedhaniitti garuu, wanti hundi kan raawwatame gubboo kennuudhaan.

Namni warqee shaanxaatti qabatee tures namoota xiyyaaricha keessa turanitti wallakkaa warqichaa gurgurreera. Warqii hafes akka gurguruuf gaafatameera.

Warqeen gurguraa ture kan sobaa ta‘usaa kanneen bitan haa beekanii ykn haa dhiisanii ifa hin turre.

Miseensoonni tikaa xiyyaaricha sakkatta’aniiru. Namoota kan hidhan garuu battalatti hin turre.

Qondaaltoonni tikaa xiyyaaricha sakkata’an lammiilee Masrii xiyyaaricha keessa turaniin dolaarri 200,000 akka kennameef waan shakkameef qorannoon banameera.

Buufata xiyyaaraa Lusaakaa

Madda suuraa, Getty Images

Eenyunuu osoo hin to’annee xiyaarichi akka deemuuf akka hayyamaniif ture maallaqichi kan kennameef.

Waa’een dhimmichaa akkuma dhagahameen garuu namoonni tikaa gara biraa gara xiyyaarichaatti qajeeluun to’annoo jala isaan oolchan.

Shakkamtoonnis doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu, meeshaalee waraanaafi warqee sobaa kilograama 100 ta’u qabatanii maaliif akka xiyyaaricha keessatti argaman ibsuu hin dandeenye.

Warqeen sobaa sunis meeshaalee akka Koppar, Niikeelii, Tiin fi Ziink jedhaman irraa hojjatamuutu himame.

Namoota to’annoo jala oolfaman 10 keessaa tokko kan ta'e abbookaatoon lammii Zaambiyaa, Maakebii Zuluu, BBC’tti akka himaniitti, jalqabarratti maallaqni xiyyaara keessatti to’atame doolaara miiliyoona 11 qofa jedhamee tilmaamamee ture.

Booda garuu doolaara miiliyoona torba jedhame. Dhumarratti ammoo doolaara miliyoona 5.7 ta’uun ibsame.

Namoonnis osoo hin to’atamiin dura maallaqni xiyyaaricha keessaa bahee akka jiru yaadama.

Lammiileen Zaambiyaafi kan biyya biroo to’atamanis hanga guyyaan beelamasaanii gahuutti mana hidhaa akka turan yoo taasifaman, lammiilee Masrii Jahan garuu maaliif akka hoteela turan akka murtaa’e abbokaatichaaf ifa hin taane.

Namtichi xiyyaara keessatti warqee sobaa gurgurtaaf dhiyeesse jalqaba poolisii Zaambiyaa waliin walta’un hojjachaa odeeffannoo kennaa ture jedhameera.

Taatee kana booda warqee sobaa hojjachuun kanneen shakkaman lammiileen Zaambiyaa hedduun hidhamaniiru.

Gareen ‘Egypt technocrats’ jedhamu tokko akka himetti, dhaabbileen icciitii 300 Masriitti argaman hojii maallaqa seeraan alaa sarara seera qabeessaatti galchuu hojjatu.

Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah al-Sisii erga aangootti dhufaniin booda maallaqni guddaan biyyattii keessaa bahaa jiraachuu kan ibsan jiru.

Qondaaltoonni waraanaa olaanoofi daldaltoonni bulchiinsi Al-sisii akka hin laaffanneef sodaachuun maallaqa akka biyyaa baasaa jiran tilmaamama.

Shakkamtoonni mana murti Zaambiyaatti wayita dhiyaataniitti dhimmicharratti odeeffannoo dabalataa ni argama jedhamee eegama. Tarii odeeffannoowwan kunneenis dhimmicha qulleesuun alatti gara gaaffiilee dabalataatti geessuu danda’u ta’a.