Dargaggoonni Chaayinaa maaliif itti yaadanii Covid’n of qabsiisu?

Chaayinaatti jireenyi wal jalaan bakka durtiitti deebii'aa jira

Madda suuraa, Getty Images

Cheen maanguddoo waggaa 85 Muddee darbe Covid-19’n wayita qabamaniitti ambulaansii argachuufis ta’e hakima bira deemuuf hin dandeenye turan.

Dhibeen itti cimnaan garuu gara hospitaala Beejingi keessatti argamu Chaawoyaang deeman. Achitti siren waan hin jirreef gara hospitaala biraa akka yaalaniif itti himame.

Yookan ammo gulukoosiin kennameef koridarii irratti wallaanamu akka danda’an itti himame.

‘‘Sireen ta’e, meeshaan argansuu deeggaru ykn meeshaan wallaansaa kaanis hinturre’’ jedhu Cheen BBCtti wayita himaniitti.

Filannoon gara biraa, achuma koriidarii hospitaalichaa irra cisuun walaanamuudha. Isaafuu achittis yoo eddoon argame.

Akka carraa ta’e abbaan Cheen hospitaala gara biraa deemuun karaa nama beekaniitii fi waan dhukkubichi itti cimeefu sire argachu dandeera.

Sababii dhukkubichaatiin hosipitaalichi namaan gutameera. Ammattis Vaayirasiin Covid Chaayinaa keessatti garmalee baayyachuunsaa yaaddoo umeera.

Dargaggoonni maaliif dhukkubichaan qabamuu barbaadanii?

Kanaan kan wal qabate, dargaggoonni kanarra dhukkubichaan qabamuun keessa darbuu wayya jedhan mul’achu eegalan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoonni osoo maqaansaanii hin eeramne BBCtti yaadasaanii dubbatan, itti yaadun akka vaayirasichaan qabaman gochaa jiru.

Oggeettiin kompitaraa maqaan hin himateefi dagaggoon wagga 27 ta’e tokko talaallii Covid Chaayinaan kennaa jirtu hin fudhanne.

Dhiheenya kanas itti yaaduun vaayirasii Kooviid of qabsiiseera. Kana maalii akka goche wayita gaafatameettis, karoorri bara haaraa koo akka jalaa hin badne yaaduun akka ta’e hime.

Kanas yoo ibsu, ‘‘Ofii kyyaan vaayirasichaan qabamee ergan dafee bayyannadheen booda bara haaraa yaaddoo tokko malee dabarsuuf yaadeen tarkaanfii kana fudhadhe’’ jedheera.

Haata’u malee erga vaayirasichaan of qabsiiseen booda kan yaade caalaa dhukkubsachu hin dhoksine. ‘‘Dhugaa dubbachuuf dhukkubbii maashaa hin yaadneen ture’’ jedhe.

Sanaan alatti mallattowwan dhukkubichaa akkuma yaade akka ture hime. Barri haaraa Chaayina kan lammiileen biyyatti irra caalli kan maatii waliin gammachuun haala addaatiin kabajaniidha.

Jiraattuun Shaangaayii BBC dubbise kan biraas shamarreen wagga 26 maqaashee himu hin barbaadne.

Isheenis hiriyaashee vaayirasii Covid-19n qabame bira deemuun beeka akka vaayirasichaan qabamte dubbatti.

Erga vaayirasichaan qabamteen booda baayyee dhukkubsachu himti.

‘‘Ani yaadee kan ture dhukkubbii qofaarra xiqqoo cimu ture. Garuu akka carraa ta’e baayyeen dhukkubsadhe’’ jetti.

Dhikaan ture ka’un dhukkubicha cimsee?

Jiraattuun Shaayinshing fi dubartiin umuriin wagga 29 taate, wayita mootummaan Chaayinaa ‘daangaaleen hundi haa saaqamani, dhorkaan sochiis haa ka’u’ jedhu gammaddee akka turte BBCtti himte.

Maanguddoon caalaa covidin miidhamu

Madda suuraa, Getty Images

Isheen gara bulchinsoota biyyatti biraatti imaluun maatii gaafachuuf yaaddee himti. Duraan garuu imala kamiifu ittigaafatamaa ishee irraa hayyama argachu akka qabduufi kanatti gammadaa akka hin ture himti.

Amma isheef haalli kan salphate fakkaatus namoota umuuriin jaaraniif rakkoo ta’u himti.

Akkuma sodaattes akkayyaan ishee dhukkubastan garuu mana yaalaa deemuun achitti rakkachu hin barbaadne, sababii rakkoo hospitaalota keessa jiru hubataniifu.

Isheenis oduu namoonni baayyeen du’aa jiraachu waan dhaggeessee dubbatti. Isheen yeroof Covid’n hin qabamne garuu waa’een akkayyaa ishee baayyee ishee yaaddeesse.

Yeroo abbaan warraa ishee dhukkubsatee turteetti garuu baayyee waan sodaatteef yeroo raftulleen maaskii baafate hin beektu turte.

‘‘Of eeggannoo sana kanan taasisees lamaan keenya yeroo tokkichatti dhukkubsachu hin qabnu jedheen’’ jetti. Ta’us vaayirasicha hangas akka hin sodaannee dubbatti.

Ammaan tana Chaayinaatti dhurkaan waan kaafamef jireenyi gara duraatti deebii’uun namoonni baayyinaan sochaa’aa jiru.

Haaluma walfakkaatuun namoota hedduuttu vaayirasichaan qabamaa jira.

Tatamsa’inni vaayirasichaa itti caaluufi laata?

Imaammanni Chaayinaa ‘‘Zero Covid’’ yeroo tureetti, hakimoonni biyyattii vaayirasichaan qabamun balaa akka qabu irra deddebiin lallabaa turan.

Amma garuu imaammatichi wayita geedarameetti vaayirasichi hangas mara yaaddeessaa akka hintaane dubbachu eegalan. Ummannis kanaan bitaa itti galeera.

Jiraattuun Beejiingiifi Mis Waang kan jedhamutu, osoo imaammanni kun hin dhufiin dura waan ishee barbaachisu hunda bitattee jirti.

Wantoota barbaachisan kan bittees akkaayyaa isheetiif. Akkayyaan ishee maanguddoo wagga 90 oliti. Yoo vaayirasichaan qabaman irraa hafu hin danda’an ta’a jettee yaaddi.

Osoo weerarri vaayirasichaa hin babal‘atiin dura dursitee meeshaalee fayyaa bitachunshee ogummaa guddaa ta’u amma hubatte.

Mootummaan dhorkaawwan ture kaasuun guddina diinagdeetiif gaarii ta’u dubbatti.

Sodaan covid jiraatus namoonni hoteelootaa nyaachutti deebii'e

Madda suuraa, Getty Images

Daldalli yeroodhuma tokkootti si’omu eegale.

Aaddee Lii dubartii umuriin wagga 52tti. Imaammanni duraan mootummaan “Zero Covid‘‘ jechuun kaa’ee ture sirriidha jetti.

Ammas battalaan kaasuu hin qabu ture jetti. Sababiin isaas, yeroo qorraa kun tatamsa’ina vaayirasichaatiif mijaataadha jechuun sodaashe himti.

Kanaafu suuta wal jalaan kaafamu qabaata ture jetti. Sababii dhorkaan ture akka tasaatti kaafameef rakkoo umamaa jira jetti.

‘‘Barri 2022 lammiilee Chaayinaatiif yeroo rakkiisaa ture. Barri 2023 kann caalu akka hin taaneef cimsineen kadhanna‘‘ jetti.

Haata’u malee dargaggoonni Chaayinaa tokko tokkoos vaayirasicha itti yaaduun of qabsiisuun, waan hunda ce’ee fi bara haaraa Chaayinaa nagaafi fayyaadhaan simachu filataniiru.

Wayita vaayirasichaan qabamaniitti dhukkuubsachuu fi rakkoo qabaachu osuma beekanu tarkaanfii hin eegamne akka filamaataatti fudhatu