Indoneezhiyaan seera saal-qunnamtii gaa'ela ala raawwatu dhorku baaste

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan Indoneezhiyaa seera yakkaa namni kamiyyuu gaa'ilan alatti saal-qunnamtii akka hin raawwanne dhorku ragaasise.
Akka seera haaraa tumamee kanatti namni gaa'ila isaatiin alatti nama biraa wajjin saal-qunnamtiiraawwatee argame hidhaa hanga waggaa tokkootu itti murtaa'a.
Seerri yakkaa kun waggoota sadii keessatti hojiirra oola jedhamee eegama.
Namoonni kana qeeqan garuu seerichi mirga namaa "kan sarbuudha" jedhu. Akkasumas turizimiifi investimentii biyyattiis ni miidha jechuun qeequ.
Namoonni hedduun, keessumaa dargaggoonni magaalaa Jakaartaa parlaamaa biyyattii fuulduratti bahuun mormii isaanii dhageessisaa turan.
Seerri bahe kun mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffama jedhamees eegama.
Seerri ga'elaan alatti saal-qunnamtii dhorku kun lammiilee biyyattii qofa osoo hin taane namoota biyya alaa Indoneezhiyaa keessa jiraatan, yookin dawwannaadhaaf garas deeman irattis kan raawwatuudha jedhame.
Akkasumas hiriyaan osoo gaa'ela hin godhatiin wal faana jiraachus ni dhorka seerri bahe kun. Namni kana godhe argame hanga hidhaa ji'a jahatu eeggata.
Dubartiin ganna 28 Ajeeng jedhamtu jaalallee ishee wajjiin osoo gaa'ila hingodhatiin waggoota shanan darbaniif waliin jiraataa akka turan himuun amma garuu isa wajjiin jiraachuf akka yaaddoftu dubbatte.
"Akka seera amma baheetti, maatii keenya keessaa namni poolisiitti yoo nu gabaase lamaan keenyayyuu mana hidhaa seenuu keenya," jette.
"Akkan ani yaadutti waliin jiraachun ykn qunnamtii saalaa raawwachuun yakka miti. Akka amantii kootitti akka cubbuutti ilaalama. Seerri yakkaa amantii irratti hundaa'uu hin qabu," jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbileen daldalaas seerri bahe turistoonni gara biyyattii akka hin dhufneefi daldalli isaanii akka kufu taasisa jechuun mormii dhageessisaa jiru.
Dhimma gaa'elaan alatti saal-qunnamtii taasifamu dhorkuu qofa osoo hin tane, mirga yaada ofii amantii irratti ibsachuu daangessu hedduu qaba jedhame seerichi.
Hiyumaan Raayits Waach damee Eeshiyatti daayirektara kan ta'an Elaayin Piirson, "Kuni Indoneezhiyaa biyya amantii Islaamaa dimokiraatawaa jettee of waamtuf seerri kun sirrii miti" jechuun BBCtti himan.
Indoneezhiyaattii cehuumsi dimokiraasii bara 1998'tti erga gaggeeffamee as biyyattii keessa nannolee adda addaatti seeronni saal-qunnamtiin wal qabatan kan amantii giddu galeessa godhatan heddu bahaniiru.
Bulchiinsi Aceh jedhamu seera Islaamaa hojiirra oolchun namoota 'qumaara' taphatan, alkoolii dhugan, fi saala wal-fakkaatoo jaalatan irratti adabbii dabarsuu erga eegalee bubbuleera.
Gama biraan ammoo gareewwan Islaamikii biyyattii waggoota dhiyoo as seeronni akkaataa jireenya ummata irratti to'annoo cimaa taasisan akka bahanii hojiirra oolaniif dhiibbaa gochaa jiru.












