Saayintistiin NASA muuxannoo isaanii barattoota Yun. Haramaayaaf qoodan

Madda suuraa, NASA
Dhalataan Itoophiyaa Birhaanuu Bulchaa (PhD) Giddugala qorannoo hawaa NASA keessatti saayintistii yoo ta’an, bara darbe teeknolojii addeessarra bishaan jiraachuu adda baasu kan kanaan dura turerraa fooyya’aa ta’e kalaquun leellifamanii turan.
Saayintistiin NASA kuni tibbana gara biyya isaanii dhufuun yunvarsiitii Haramayaatti barattoota, barsiisotaa fi hawaasa yunvarsiitichaatiif ogummaa isaanii fi bu’aa bahii keessa dhufan muuxannoo isaanii qoodaniiru.
Dilbata darbe yunvarsiitichatti kan argaman saayintistiin kuni, yunvarsiitii Haramayaatti argamanii muuxannoo isaanii qooduun waan akkaan faayidaa guddaa qabudha jedhan Daayirekatarri qunnaamntii uummataa fi idiladunyaa yunvarsiitichaa Obbo Alamisheet Tashoomaa.
“Yunvarsiitiin keenya namoota hojii gaarii hojjetanii fi maqaa gaarii qaban dhufanii muuxannoo isaanii akka qoodan goona. Qorataa NASA Dr. Birhaanuun yeroo gara Itoophiyaa dhufan yunvarsiitii keenyatti affeerree muuxannoo isaanii akkaa qoodan gooneerra”
“waltajjii kana barsiisonni, barattoonni, hojjettoonni yunvarsiitichaa hordofaniiru. Kanneen fedhii qaban mooraan ala jiranis karaa facebook keenyaa tamsaasa kallattii goonee uummataan geenyeerra. “jedhan.
Barattoonni fedhii hojii teeknolojii akka qorannoo Hawaa kanarratti hirmaachuuf qaban muuxannoo fi hamilee akka argatan kan kakaasu akka ta’es himu.
“Tokkoffaan hariiroo gaarii uumuuf nugargaara. Namootni akka Dr. Birhaanuu bakka guddaa gahan namoota biroof carraa mijeessuuf haala gaarii uuma. Namoota kaan nibarsiisa.
''Addunyaan eessa geessee jirti kan jedhu waan hojjechaa jiranirraa barsiisaniiru” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni tokko yeroo tokkoon bakka xiqqaarraa sadarkaa olaanaa akka saayintistii NASA ta’uu bira hin gahu kan jedhan Obbo Alamisheet, karaan isaan darbaniifi keessa dhufanii bakka olaanaa kana gahan hirmaattota hedduu kan barsiise ta’uu eeran.
Dr. Birhaanuu Bulchaa Magaala Finfinneetti dhalataniii kan Guddatan yoo ta’u barnoota isaanii sadarkaa duraa fi lammeessoos achumatti baratan.
Barnoota sadarkaa olaanaa Ameerikaatti kan baratan Saayintistiin kuni ,Yunvarsiitiiwwan beekamoo biyyattii keessatti erga hojjechaa turaniin booda waggaa torbaan dura dhaabbata qorannoo hawaa NASA seenan.
Dhaabbanni qorannoo hawaa NASA Addunyaarratti damee kanaan dorgomaa fi hunda dursee teeknolojii ammayyaa addunyaaf gumaachuun beekama.
Dr. Birhaanuunis bara darbe meeshaa teeknolojii haaraa spectrometer jedhamuu fi hammaan xiqqaa hojii hedame ga’oominaan hojjetu kalaquun dhaabbata qorannoo hawaa NASAf gumaachaniiru.
Qorannoon Hawaa damee teeknolojii biyyootni addunyaa ittiin waldorgoman yoo ta’u Ameerikaan waggaa 54 dura dursitee gara ji’aa imaluun seenaa gaarii qabaattus waggoota dhihoo asitti qorannoo hawaatiin Indiyaa fi Chaayinaan teeknolojiin dursuu eegalaniiru.












