Astironomeroonni hawaa keessatti maal sooratu? Akkamiin?

Madda suuraa, Getty Images
Nasa'n astironootota bara 2025 gara addeessaa imaluuf jiraniif uffannaa haaraa qopheessuu wayita ibsetti waa'een imala hawaa kun guddoo irraa dubbatamaa jira.
Uffannaan ittiin gara hawaa imalan erga bara 1981 as fooyya'ee hin haaromfamne.
Uffannaa haaraan Nasa'n ifa godhe kun dhiirota gara hawaa imalaniif baayyee mijataadha. Yoo mirkanaa'e ergama Artemis III jedhamuuf hojiirra.
Sagantaan Artemis mission jedhamu waggoota shantama keessatti imala gara addeessaa isa jalqabaati.
Kan dhimma ijoo ta'ee dubbatamaa jiru waa'ee uffannaa qofa miti, namoonni hedduun jireenya hawaa maal akka fakkaatu, keessattuu nyaataa fi dhugaatiifaa akkam godhu kan jedhu gaafataa jiru.
Sagantaan Raadiyoo BBC Food chain jedhamu astironootii Nasa keessaa soorama baate Nikool Istoot irraa waan kana iyyaafateera.
'Pizza na dharraasise'

Madda suuraa, Getty Images
Nikool Istoot guyyoota 100'f walitti aansuun Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) keessatti ergama lamarra wayita turtetti, soorata addaa ergama kanaaf qofa qophaa'e soorataa turte.
''Dhugaadhumatti waa'ee pizza osoon hin yaadin hafee hin beeku,'' jette.
''Pizza ho'aasaa baqqaana tokko kan mi'eessituu adda addaan hojjetame altakkaa osoon cuffadhee jedheen dharra'a,'' jechuun gorora coccobsaa dubbatte.
Soorati namoota hawaarra ba'anii kan giraavitii zeeroodhaan walsimatu ta'uu qaba, kanaafuu dabboo nyaachuun hin jiru, bakkasaa waan akka maxinoo haphiii sooratu.
''Ciree irratti killee firfirii ta'u nyaatu. Yoo feete omleetii xiqqoo nyaachuu dandeessa,'' jetti.
Gareen ISS namoota biyyoota garaagaraa of keessaa waan qabuuf, astironootonni akkuma fedhiisaaniitti sooratasaanii qabatanii gara hawaa imalu jetti Istoot.
''Laaqanni shoorbaa qabiyyee adda addaa of keessaa qabudha. Kanarrattis maxinoo sana hanga fedhan qabachuu danda'u. Irbaata irratti ammoo nyaata Jappaan- Japanese curies fayyadamna, baayyee mi'aawa.''
Soorata bololi'an

Madda suuraa, Getty Images
ISS keessa gabatee fi xuwween itti nyaatan hin jiru, soorati hunduu ni bololi'a.
Soorati isaan nyaatan ulfaatinni isaa baayyee xiqqaate hojjetama, soorata keessaa qabiyyeen bishaanii guutummaatti xuuxamee dhuma.
kanaafuu astironootonni soorachuun nyaatasaanii jiisuu qabu.
Soorati isaanii saamsameeti kan dhufu, kanaaf astironootonni meeshaa soorati ittiin saamsame akka saaniitti fayyadamu.
''Fal'aana dheeraa kanaan ruuza kana nyaatta. Hunduu ni bololi'u, kanaafuu ruuza qabdee maxinoorra keessee suuta gara afaanii fidda,'' jechuun ibsite Istoot.
Soorata akkanumaan qilleensa keessa bololi'u soorachuun ni cima, kana Istoot akkamiin ibsiti?
''Nyaata kara karaa akka billaachaa balali'u kunneen soorachuun nama dhiba. Nyaata kunneen walitti qabanii gara afaanii fidanii nyaachuun ni ulfaata.''
Bishaan faayidaarra oole irra deebiin fayyadu

Madda suuraa, Getty Images
Hawaa keessatti osoo bishaan qaama namaa keessaa hin hir'atiin turuun barbaachisaadha. Garuu bishaan hawaa irraa eessaa dhufaadha gaaffiin jiru.
Bishaan hangi tokko astiroonoomerootatu yeroo Dacheerraa deeman fudhatee deema, kaan ammoo isa takkaa itti fayyadaman irra deebiyuun akka faayidaarra oolu taasifama.
Bishaan xuraa'aan naqattoo boba'aa xiyyaar-samii irraa cobu, fixeensa/urkaafi fincaan dabalatee madda bishaaniidha hawaa irratti.
Waan kana yeroo dubbatan nama jibbisuusuu danda'a ta'a, garuu bishaan akkasiin argamu kun bishaan nuti Dacheerratti itti fayyadamnu caalaa qulqulluudha jedha NASAn.
Rakkoowwan fayyaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojii astiroonoomerootaa keessaa rakkisaan tokko waa'ee nyaata isaaniidha. Hawaa gubbuu deemuun qaama dhala namaa irratti waan jijjiirama fiduuf nyaata madaalawaa ta'e argachuun garuu dirqama ture.
"Qqaamni keenya adeemsa dullumaa saffisaa ta'e keessa darba," jedha ogeessi sirna nyaataa NASA Iskooti Ismiiz.
Rakkoon fayyaa, ulfaatinsa qaamaafi lafee hir'isuun ni jira jedha ogeessi kun.
"Yeroo balali'anitti namoonni ulfina qaamaa akka hir'isan ni beekna. Kun ammoo akka yeroo Dacheerra jiraniitti nyaanni garaacha namaa keessatti waan hin itinneef jennee shakkina.
Osoo garaachi kee qullaa ta'ee jiruu sammuukeetti akka quufeeru himuu danda'a. Kanaaf, garee kanaaf ragaa jiru akka galmeessaniif app. iPad ni qabna."
Rakkoon fayyaa biroo lafeen midhamuu ta'uu danda'a.
Yeroo hawaa irratti ba'an miidhaan lafeerra gahu baayyee dabala akka ogeessonni jedhanitti.
Kanaaf, nyaata madaalawaa kan akka maaykiroonitireentii, kaarboo-hayidireetii, pirootinii, vitaaminootaafi albuudaa mirkaneessuun fayyaa qaamaatiif baayee barbaachisaadha jedha Ismiiz.
Nyaata madaalawaa akkasii kana mirkaneessuun fayyaa sammuullee ni cimsa.
"Yeroo hunda konkolaataan kgara hawaa ni deema. Kanaaf, kunuduraaleefi muduraalee ho'aa kanneen akka burtukaanaa, appilii, qaaraa, goraa xixiqqeessinees ni ergina. Yeroo baayyee dheeraaf turuu dhiisuu danda'u, garuu hamilee jaraa cimsuurratti gahee guddaa qabu."
Chokoleetii, habaabiifi wayinii

Madda suuraa, Getty Images
Walumaa-galatti, nyaanni hawaa irraa hanga naammoonni yaadnii olitti garuu foyyaa'aadha jedha Ismiiz.
"Ani nyaataan walqabatee rakkachuu kiyyyayyu hin yaadadhu," jedha Iskoot.
Miseensonni maatii garee qorattoota hawaa yeroo baayyee nyaata gara garaa erguufiif jaallatu.
Abbaan-warraa Iskoot yeroo tokko chokoleetii karameellaatiin marame Landan irraa ergeef. Astiroonoomeroonni Iskoot waliin jiranis wantota akka habaabiifi wayiniin kan ergmeef yoo ta'u wanta namoonni isaniif ergan kanas waliif qooddatu gareen kun.
Nyaanni isaan hawaatti imaluun dhaban jiraatullee- astiroonoomeroonni yeroo gara Dacheetti deebinu gaaf tokko i arganna jedhaniimmoo abdataa ni jiraatu.
Fakkeenyaaf, astiroonoomeriin Raashiyaa Aleksii Ovchiiniin bara 2016 ergama hawaa isaa xumuree yeroo gara Dacheetti deebiyetti nyaata jaallatu, habaabiitiin simatame.
Suura isaa olitti akka argitan jechuudha.
Ergamawwan hawaa gara fuula duraatiif NASAn sirna nyaataa haaraa haaraa barbaachisu Ejensii Hawaa Kanaadaa (CSA)tti Diip Ispees Fuud Chaaleenj waliin hojjechaa jira.












