Amantiin akkamiin adeemsa siyaasaa Wiiliyaam Ruutoo irratti dhiibbaa uume?

Wiiliyaam Ruutoo jilbeenfatee wayita kadhatu

Madda suuraa, DP OFFICE

Ga'eessi umrii waggaa 55 nama siyaasaa amantii kiristaanaa warra wangeelaa keessaa ta'e Wiiliyaam Ruutoon har'a (Kibxata) kakuu seenuun hojii pireezidantummaasaa eegala.

Amantiinsaa adeemsa filannoo fi hojii siyaasaa isaa keessatti qooda olaanaa gumaache, kanaaf wayita aangoo qabatu dhimma amantii gara waltajjiitti as baasuunsaa waan hafu miti.

Qondaalli siyaasaa gameessi kun uummata bal'aa duratti dhimma kaasuurraa duubatti hin jedhu, ulfa baasuu fi waa'ee mirga namoota saala walfakkaataan walquunnamtii saalaa raawwatanii jabeessee morma.

Yaadrimeewwan kunneen bara gadaasaa dhimma guddaa ta'anii as ba'uu danda'u.

Aab Ruutoon hawaasa duratti boo'uun onneerraa kadhachuun beekama, keessatti wayita duula filannoo gaggeessaa ture.

Kanarraa ka'uun namoonni 'Yasuus Itti Aanaa' jedhanii itti qoosu.

Akkuma manni murtii filannocha inni mo'achuu labseen haadha manaasaa Rachel fi hooggantoota kaan waliin jilbeenfatee kadhate, waaqa galateeffate.

Inumaa haadha warraasaa waliin handaara magaalaa Naayiroobii, iddoo Karen jedhamu keessaa mana sagadaa ijaaranii qabu.

Erga manni murtii mo'icha Ruutoo labsee booda dureen amantii Islaamaa tokko mooraa sana keessatti osoo sagaduu mul'ate, kun ammoo Ruutoon amantii Kiristaanaa hordofus hordoftoota amantii hundaa qixa akka tajaajilu kan mul'isuudha.

Keeniyaa keessatti hawaasi amantii adda addaa hordofu waldanda'ee waliin jiraachuun beekama, pireezidantii haaraan kunis kanuma itti fufsiisuuf fedhii fi jaalala qabaachuu ibseera.

Luba Mana Amantaa Warra Wangeelaa Keeniyaa- Evangelical Alliance of Kenya kan ta'an David Oginde, ''Uummanni keeniyaa uummata amantii waan ta'eef Aab Ruutoonis duudhaa kana akka kabajan ni abdanna,'' jedhan.

Wiiliyaam Ruutoo fi haadha warraasaa Rachel

Madda suuraa, Getty Images

Maatii amantii pirotestaantii hordofu keessaa kan dhalate Wiiliyaam Ruutoo, ijoollummaasaarraa lallabaa wangeelaa akka ta'etti miidiyaaleen biyya keessaa suuraasaa maxxansaa turan.

Haati warraasaa yeroo baayyee bakka amantoonni walga'anitti kadhannaa gochuun beekamti, Wiiliyaam Ruutoon afuurri kadhannaashee siyaasaan akka milkaa'an ga'ee gumaachuu waltajjii garaagaraa irratti dubbatu.

Uummanni Keeniyaa dhibbeentaa 85 amantii Kiristaanaa hordofa, kana keessaa kaatolikiin harka 21, pirotestaantiin harka 33, warri wangeelaa harka 20, harki 11 ammoo manneen amantii Afrikaa- African Churches hordofu.

Akka qorannoo lakkoofsa uummataa bara 2019tti uummata biyyattii keessaa kanneen amantii Islaamaa hordofan harka 11.

Xiinxalaan siyaasaa Machariyaa Munene BBCtti akka himetti, mo'icha Ruutoof ga'ee guddaa kan gumaache tumsa inni hordoftoota amantii gaafachaa tureedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiinxalaan siyaasaa kan biraan Herman Manyora Wiiliyaam Ruutoo dureewwan amantii mo'ichasaaf ga'ee olaanaa gumaachan aangoo mootummaa olaanaarratti muuduun waan hin oolledha jedhe.

Ruutoon mirga namoota saala walfakkaataan walquunnamtii saalaa raawwatanii dura dhaabbachuurratti tarkaanfii jabaa waan fudhatu fakkaata.

Bara 2015 daawwannaa Ministirri Haajaa Alaa yeroo sanaa US gara Keeniyaatti taasisan dursuun, Wiiliyaam Ruutoon akkas jechuun uummata walitti qabametti dubbate: ''Uummanni Keeniyaa uummata waaqatti amanudha. Namoota saala walfakkaataa wal-quunnamtii saalaa waliin raawwataniif bakki hin jiru.''

Aab Ruutoon erga filannoo injifachuunsaa mana murtiin mirkanaa'ee booda gaaffii fi deebii CNN waliin taasise keessatti, ''waa'een namoota saala walfakkaataa uumata Keeniyaa keessatti mirga kennuufii, akka hurufa irraa gaara tolchuuti. Yoo dhimma guddaa ta'ee as ba'e ammoo murtiin kan uummata Keeniyaati,'' jedhe.

Wiiliyaam Ruutoo ulfa baasuu mormuudhaanis beekamu, ejjennoosaanii kana manni amantiis ni deeggara.

Heerri Keeniyaa ammoo yoo fayyaa haadhaaf yaaddoo ta'e ni iyyamama jedha.

Dhimmoota kunneen lamaan irratti ejjennoo agarsiiseen hordoftoota amantii Islaamaa biraas deeggarsa qabu.

Keeniyaa keessatti baay'inni hordoftoota amantii Islaamaa lammaffaarra jira

Madda suuraa, Getty Images

Lubi Oginde akka jedhanitti, Ruutoon dureewwan amantiif aangoo kan kennu yoo ta'u, hunda qixa hirmaachisuutu irraa eegama.

''Ni deeggarraan, bakka dandeenyutti ni qajeelchina, ammoo ni kadhannaaf. Akka karaa waaqni jaallaturra deemu ni abdanna, ni kadhannaaf,'' jedhan.

Xiinxalaan siyaasaa Manyora ''hooggantoota Keeniyaa hedduun maqaa amantii Kiristaanaan waa hedduu hojjechaa turan. Aangootti ba'uuf dureewwan amantiitti fayyadamu, erga aangoo qabatanii haalli ni geeddarama,'' jedhe.