Tiraamp dabalatee namoonni siyaasaa hedduu sirna yaadannoo Chaarlii Kark irratti argamuuf jedhu

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantii US Doonaald Tiraamp dabalatee namoonni siyaasaa US bebbeekamoon sirna yaadannoo Chaarlii Kark irratti argamuuf gara Arizoonaa yeroo deemuuf jedhanitti eegumsi garmalee jabaate.
Tiraamp dabalatee namoonni siyaasaa biroos sirna yaadannoo Chaarlii Kark, kan torban lama dura dhukaasan ajjeefame, irratti argamanii haasaa ni taasisu jedhamee eegama.
Saganticha kan qopheesse dhaabbata Chaarliin hundeesse Turning Point USA (TPUSA) yoo ta'u, namoonni 100,000 ol ni argamu jedhamee yaadama.
Naannichatti humnoonni eegumsaa bobba'uun to'aannaan taasifamaa jiraachutu himama.
Dhimmoota amantii, hawaasummaa, siyaasafi kaan irratti ifatti dubbachuun kan beekamu Chaarlii Kark akkuma michoota heddu horachuun beekamtii horate, yaadasaa mormuun kan isa qeeqanis hedduudha.
Ajjeechaansaa garaagarummaa US keessa jiru hammeessu danda'a sodaan jedhu uumameera.
Tiraampin alatti namoonni biroo saganticha irratti argamuun haasaa taasisu jedhamee eegamu keessaa tokko, Pirezidaatii Ittaanaa JD Vaans.
Ilmi Tiraamp, Doonaald Tiraamp Juuniyar, haadha warraa Chaarlii Kark kan taate Erukaafi siyaasa Rippaabilikaanotaa leellisuun kan beekamu Takar Kaarlisan argamuun haasaa ni taasisu.
US keessatti haleellaafi ajjeechaan addababayiitti yeroo namootarratti gaggeeffamu, namoonni siyaasaa gadi bahanii balaaleffachuu, uummanni akka tasgabba'uufi kadhannaa akka godhu gaafachuun baramaadha.
Bulchiinsi Tiraamp namoota "finxaaleyyii siyaasa gara bitaa leellisan" jedherratti tarkaanfii akka fudhatu jabeessee ibseera.
Sagantaa yaadannoo Chaarlii Kark irratti namoonni siyaasafi deeggartoonnisaa isaa heddu waan argamaniif eegumsi naannoo isteediyeemii sagantaan itti gaggeeffamuutti akka cimu dhaabbanni Turning Point USA beeksise.
Ajjeechaa Chaarlii booda muddamni nageenyaa hammaatee jira. Chaarliitti dhukaasuun namni ajjeesuun shakkamaee to'annaa jala jiru maal yaadee akka ajjeechaa raawwate hanga ammaa waanti sirriitti ifa ta'e hin jiru.















