Namni ajjeechaa Chaarliin shakkame yakka raawwachuu hiriyaa isaatti dubbate

Madda suuraa, nstagram/charliekirk1776
Namichi Chaarlii Kirk ajjeesuun shakkamee to'annoo jala oole hiriyaa isaa waliin jiraataa turaniif ergaa barreeffamaa ergeen ajjeechaa raawwachuu isaa himeera jedhan abbootiin alangaa.
Abbaan alangaas shakkamaa kana irratti himanni yakka torba banamuus ibsan.
Abbaan seeraa kutaa bulchiinsa Yuutaa Jeffrey Giraay akka jedhetti, Taayilar Roobinsan namni ganna 22, kun namni isa waliin kutaa tokko keessa jiraatu akka argatuuf yaadannoo kiiboordii kompiitara isaa jala ka'eefi ture jedhan.
Itti dabaluudhaanis kutaa tokko keessa namni waliin jiraataa turan hiriyaa jaalalaa himatamaa akka ta'e dubbateera
Akka Gray jedhutti yaadannoo kana keessatti "Chaarlii Kirk ajjeesuuf carraa argadheera, kana gochuufis ture" jedha.
Abbaan alangaa ergaa barreeffamaa namoota kana gidduutti qoqqoodamne kan ifa godhe yoo ta'u, kunis himatamaan kun ''jibbeera, kana booda na ga'e'' kanaafuu ajjeesera jedha.
Shakkamaan kun mana hidhaa kutaa bulchiinsaa Utah keessatti hidhamee jira.
Kibxata darbe mana murtiitti yeroo jalqabaaf kan dhiyaate yoo ta'u, abbootiin alangaa himannaa torban isa irratti baname dhiyeessaniiru
Himannaan irratti dhiyaates, yakka ajjeechaa cimaa, eeyyama malee meesha waraanaa dhukaasuu, yakka haqaa danquu lama, ragaa lama jijjiiruu fi bakka daa'imman jiranitti ajjeechaa suukaneessaa raawwachuu faa dabalata.
Chaarlii Kirk torban darbe keessa Yunivarsiitii Yuutaah Vaaliitti haasawa osoo taasisaa jiruu rasaasa mana gubbaadhaa itti dhukaafameen ajjeefame.
Shakkamaan kun sa'aatii 33'f erga adamsamee booda to'annoo jala oole, hanga ammaatti yakka kana hin amanne ykn yakka raawwachuu isaa ifatti hin himne.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan alangaa shakkamaan kun hanga balleessaan isaa mirkanaa'utti akka nama bilisa ta'etti ilaalamuuf mirga kan qabu yoo ta'u, dhimmichi gareen abbootii murtiin erga mirkanaa'ee booda adeemsi murtii kennuu kan jalqabu ta'uu ibsan.
Kibxata darbe abbootiin alangaa yaadannoo shakkamaan ajjeechaa raawwachuu isaa itti himate fi ashaaraa meeshaa waraanaa ajjeechaa kanaaf itti fayyadame irratti argame dabalatee ragaa walitti qaban jedhan ibsaniiru.
Abbaan alangaa ibsa gaazexeessitootaaf Kibxata darbe kennaniin akka jedhanitti, Giray ergaa barreeffamaa hiriyyaa isaaf erge eeruun, ergichi "waan hojjettu dhiisii waanan kiiboordii koo jala kaa'e ilaali" jedhu ta'uu ibse.
Yaadannoo sana erga dubbisee boodas hiriyaan maqaan isaa hin ibsamne kun "Maal?? qoosaa jirtaa mitii??"jechuun deebiseefi.
Giray himatamaa fi nama kutaa isaa keessa jiraatu, kan inni hiriyaa jaalalaa isaa jedhee waamu gidduutti ergaa barreeffamaa dheeraa dabalataa haasawa godhame eereera. Angawoonni akka ibsanitti, namni kutaa tokko keessa waliin jiraatu saala jijjiirratee dhiira irraa gara dubaraatti jijjirrate
Ergaa barreeffamaa isaanii tokko keessatti shakkamaan kun maaliif Kirk ajjeese jedhee gaafate.
Gray akka jedhetti, "Kana booda jibba sana fudhachuu hin danda'u," akkasumas "jibbi tokko tokko marii qofaan furmaata hin argatu" jedhee deebiseef.
Shakkamaan kun "Dhugaa dubbachuuf umurii koo guutuu kana dhoksuu barbaade. Kana keessa si galchuu kootiif dhiifama" jechuun barreesse jedhameera.
Namni kutaa tokko keessa waliin jiraatu sun "Ati isa hin ajjeesne mitii?" jedhee wayita gaafatu shakkamaan "godheera, nan gadda" jedhee deebiseef.
Obbo Gray akkaataa warri himatamaa ilmi isaanii ajjeechaa Chaarlii Kirk keessatti hirmaachuu mala jedhanii shakkuu itti guddatan odeeffannoo dabalataa kennaniiru.
Abbaan alangaa Giray maatiin isaanii akkamitti ilmi isaanii ajjeechaa Chaarlii Kirk keessatti harka akka qabu shakkuu irratti odeeffannoo dabalataa kennuu ibsan.
Viidiyoon shakkamaa kanaa ajjeechaa raawwatame guyyaa tokko booda kan gadhiifame yoo ta'u, haati isaa abbaa warraa isheen ilma isaanii fakkaachuu isaa itti himte turte.
Giray hidhamuurra ''of ajjeesuu'' akka barbaadullee dubbateera.
Haati isaa qorattootatti akka himtetti, ilmi ishee dhiheenya kana caalaatti hordofaa siyaasaa ta'uu isaa kan himan Giray, deeggaraa mirga saala walfakkaataa fi nama saala jijjiirrate waliin hariiroo jaalalaa akka jalqabe dubbatteetti.
Kirk sababa ilaalcha namoota saala jijjiirratan irratti qabuun ajjeefamuu isaa gaafatamee, Giray, "Sun kan murteessu garee abbootii murtiiti" jechuu deebise.
Giray itti dabaluudhaan Kirk yeroo rasaasaan rukutame ajjeechaa jumlaa namoota saala jijjiirratan raawwatan irratti gaaffiin gaafatamaa akka ture dubbateera.
Rasaasni kun daa'immanii fi nama Kirkii gaafataa ture xiqqoof akka dhabe abbaan alangaa ibseera.
Gray itti dabaluudhaan ashaaraan shakkamaa kanaa meeshaa waraanaa ajjeechaan kun irratti raawwatame irratti argameera jedhe.
Abbaan shakkamaa meeshaan waraanaa kun kan abbaa isaa fakkaata, ilmi isaa suuraa meeshaa kana kaasuun ajjeechaa booda akka naaf ergu gaafate, garuu deebii hin kennine jedhan.
Himatamaan ergaa barreeffamaa hiriyaa isaaf ergeen ajjeechaa booda sochii isaa bal'inaan ibseera.
Himatamaan kun, hiriyaan isaa ergaawwan hunda akka balleessu, yoo gaaffiin gaafatame homaa akka hin dubbanne gaafatamee akka ture abbaan alangaa dubbateera.












