Pirezidanti Tiraamp fi Chaarlii Kirki akkamiin hanga kana michooman?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'an JD Vaansi siyaasatti seenuu dura namni isaan waamanii waliin dubbatan Chaarlii Kirki ture.
Kirki michuu duula filannoo isaanii akka eereef akkasumas Pirezidant Tiraampitti kan dhiheesse ta'uu ergaa gaddaa du'a Chaarlii Kirki irratti dabarsan keessatti eeran Vaansi.
JD Vaansi filannoo sana injifachuun Seenetii keessaa teessoo erga argatanii waggaa sadi booda, Doonaald Tiraamp waahila dorgommii isaanii filachuuf wayita barbaadaa turan Kirki dhuunfaattis hawaasa durattis maqaa Vaansi kaasaa ture.
Yeroo sana Chaarlii Kirki toora Tiraamp keessa galeera, kanneen maallaqaan deeggaran qindeessuu eegaleera.
Investimantii hoteelota Tiraamp Filooridaatti argaman- Mar-a-Lago jedhamu keessatti gorsuu eegaleera.
Yeroo sana kora murteessaa warra Rippaablikaanotaa karaa dhaabbata isaa qindeessee ture, yeroo sanarraa eegalee onnee Tiraamp fi Rippaablikaanotaa keessatti hafe.
Dhaabbata 'Turning Point USA' jedhamu isumatu umurii isaa waggaa 18'n hundeesse.
Roobii darbes Kolleejjii Utaah keessatti osoo sagantaa karaa dhaabbata isaa qopheessuu umurii isaa waggaa 31'n ajjeefame.

Madda suuraa, Getty Images
Chaarlii Kirki takkaa aangoof dorgomee ykn aangoo siyaasaa qabatee hin beeku, garuu utubaa siyaasa Tiraamp ture.
Handaara Chikaagootti oladeemaan rogeessa (activist) ture haala hin eegamneen tokko tokkoo sochii Tiraamp keessatti lafee dugdaa ta'ee argame.
Chaarlii Kirki riqichi Pirezidant Tiraamp ittiin Rippaabilikaanota oladeemoo ta'an bira ga'aniidha.
Tiraamp bara 2024 wayita filannoo injifatan Kirki fi jaarmiyaa isaa galateeffataniiru.
Ammoo bakka siyaasaatti qofa osoo hin taane maatii Tiraamp waliinillee hidhata cimaa qaba.
Gorsaa Waayit Haawus isa murteessaadha. Deeggartoota oladeemoo paartii Rippaabilikaaniif goota, morkattootaaf ammoo diina.
Qaanqee xiqqoo saffisaan dhuka'uun urjii guddaa ta'e- Chaarlii Kirki
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1993 handaara Chikaagootti kan dhalate Chaarlii Kirki siyaasa duudhaa ganamaatti cichu (conservativ) keessatti of bare.
Umriinsaa waggaa 18 wayita ta'u barreeffama yaada isaa sirriitti ibsu marsariitii yaada ofii bilisaan irratti ibsan irratti maxxanse.
Yaadi isaa sun ''piropogaandaa'' fi ''fedhii abbaa fi sababa ga'aa malee yaada ofii nama barsiisuu (indoctrination)'' manneen barnootaa keessa ture morma.
Yerooma sana nama biizinasii soorama ba'ee fi rogeessa gameessa waggaa shantamaan isa caalu Bill Montgomery jala gale, goflaa ykn koochoo isaa jalatti guddate.
Bara 2012, walakkaa bara bulchiinsa Pirezidantii duraanii Baraak Obaamaa, namoonni lameen waliin ta'uun jaarmiyaa Turning Point USA (TPUSA) jedhamu hundeessan.
Gareen hundaa'e kun duudhaa sirna durii kaampaasiiwwan keessatti lallabuu fi karaa miidiyaa hawaasummaa Chaarlii Kirki ergaawwan dabarsuu cimsee itti fufe.
Gareen kun onlaayinii kan beekamu yoo ta'u, oladeemtota duudhaa ganamaa (conservatism) barsiisuu irratti xiyyeeffata.
Gareen kun siyaasatti isa guddise, waltajjii siyaasaatti isa baase. Bara 2016 umriisaa waggaa 23tti Kora Biyyaalessaa Rippaabilkaan irratti haasaa taasise.
Taatee sana dura kaadhimamtoota Rippaablikaan waliin hojjetee kan beeku Kirki, yeroo sanatti ''Tiraampiin hangas mara akka hin deeggerre,'' miidiyaatti dubbatee ture.
Garuu taatee sana booda deeggaraa Tiraamp cimaa ta'ee argame, ajandaawwan gurguddoo Tiraamp dhaadhessuun, dhimmoota xixiqqoo qofarratti ittiin mormaa ture.
Ajjeechaasaa booda intala pirezidant Tiraamp kan fuudhe (soddaan Tiraamp) Jared Kushner ''duula filannoo Pirzidant Tiraamp kan bara 2016 keessatti ga'ee olaanaa gumaache, sochiiwwan gurguddoo fi ajandaawwan ijoo ta'an tumsaa ture,'' jechuun X irratti barreesse.
Bulchiinsa Tiraamp marsaa jalqabaa keessa kan turan Laawurensi Muyir wayita Tiraamp marsaa jalqabaa filataman ga'een Kirki akkaan murteessaa ture jedhan.
Dhaabbati isaa, TPUSA, ''daandii ittiin dargaggoonni oladeemoon toora pirezidantichaatti dhufan ture,'' jedhan qondaalli duraanii kun.
Nama siyaasa duudhaa ganamaatti cichu- amanamaa Tiraamp
Ilaalchi siyaasaa Chaarlii Kirki suduudaan gara warra duudhaa ganamaatti cichanii ta'uun mul'achaa dhufe.
Gaa'ela saala walfakkaataa fi ulfa baasuuu cimsee balaaleffata. Kiristaanummaa ni leellisa, Islaamummaa akkaan qeeqa.
Mirga meeshaalee waraanaa qabachuu lammiilee Ameerikaaf kennames cimsee morma.
Sagantaa baqattoota simachuu fi viizaa kennuu ni morma, mata dureewwan hedduu kanneen akka talaallii Kooviid irratti odeeffannoo sobaa babal'isaa ture, waa'ee filannoon waliin dhahamuurrattis sagaleesaa dhageessisaa ture.
Hunda caalaa ammoo Tiraampiif baayyee amanamaadha.
Wayita bulchiinsi Tiraamp marsaan jalqabaa obba'uu fi Tiraamp filannoo mo'ataman himata pirezidantichi sagaleen hatameera jechuun dhiheessaa turan kan baayyee tumse isa.
Deeggartoota Tiraamp konkolaataa 80 ta'utti fe'uun gara Waashingitan geesse.
Kun gaafa Amajjii 6, mormiin Kaappitool Hiilitti dhalate ture.
Chaarlii Kirki kana raawwachuusaan koree Kongiresii mormii mudaterratti qorannoo gaggeessu fuulduratti gaafatameera.
Badii akka hin qabnee fi kanaafis yakkamaa ta'uu akka hin qabne, mirga bilisa ta'uu akka qabu ija jabinaan dubbate.
Beekamtii Tiraamp irraa argate
Chaarlii Kirki filannoo bara darbee irratti xiyyeeffannaan Tiraampiin tumseera.
Karaa jaarmiyaa TPUSA doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu duula filannoof gumaacheera.
Ifaajeen isaas firii godhateera, Tiraampis baayyee gammadan.
Kaayyoon dhaabbata kanaa ifadha, bakka duulli filannoo Tiraamp ga'ee amansiifachuu hin dandeenye amansiisuudha jedhu xiinxaltoonni.
Tiraamp mataansaanii Muddee darbe kora waggaa AmericaFest jedhamurratti ifatti Chaarlii Kirki galateeffataniiru.
Kunis erga filannoo mo'atanii torbanoota booda ture.
''Chaarlii Kirki baayyeen galateeffadha. Nama ajaayibaati. Innii fi gareen isaa injifannoo kanaaf baayyee gumaachan,'' jedhan Tiraamp.
Gaazexeessummaan qorannoorratti hundaa'e kan miidiyaa ProPublica jedhamuun gaggeeffame jaarmiyaan Chaarlii Kirki TPUSA yeroo ammaa miseensota hedduunsaanii barattoota manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi kolleejjotaa ta'an 3,500 qabaachuu mul'ise.
Bara darbe qofa maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 85 walitti qabe.

Madda suuraa, Getty Images
Hirmaannaa fi dhiibbaan Chaarlii Kirki bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp marsaa lammataa keessaa baayyee dabale.
Tiraamp Waayit Haawus seenuu guyyaa lama dura lama ta'anii Mar-a-Lago keessatti goolfii taphatanii turan.
Hariiroon inni Tiraamp fi maatii Tiraamp waliin qabu bulchiinsuma Tiraamp keessattuu qooda akka qabaatu taasiseera.
Kirki jalqaba bara kanaa irraa eegalee bulchiinsa Tiraamp keessatti aangoo ijoo ta'eef madaalamaa akka jirutu gabaafame.
Pirezidantii Itti Aanaa kan ta'an JD Vaansi gaddasaanii ibsuun wayita yaadasaanii barreessan ''Chaarlii Kirki filannoo 2024 mo'achuu keessatti qofa miti kan inni nu tumse, mootummaa ijaaruu keessattis qooda olaanaa qaba,'' jedhan.
Wayita marii gaggeessu hunda ajandaa Tiraamp hin kaasin hin hafu.
Ajjeechaan Chaarlii Kirki Waayit Haawusitti gadda guddaa haguuge.
Oduun du'asaa wayita dhagahamu nama hundatu rifate. Rifachuu qofa osoo hin taane imimmaan dhangalaasanii boo'an.
Oduun kun hatattamaan Pirezidanti Tiraamp bira wayita ga'u, Tiraamp Oval Office keessaa battaluma bilbilaan mirkaneeffatan.
Booda miidiyaa hawaasummaasaanii- Truth Social irratti maxxansan.
''Chaarlii Kirki anaaf hiriyaa qofa hin turre, akka obboleessa kiyya quxisuuti,'' jechuun maxxansan Tiraamp.













