Lammiin Ameerikaa shororkeessummaan barbaadamaa ture waggaa 21 booda Ingiliziitti argame

Madda suuraa, FBI
Ameerikaa kutaa bulchiinsa Kaalifoorniyaatti namni haleellaa boombii lama qaqqabsiisuun shakkame kun Daani'el San Diyaagoo jedhama.
Waggoota 21 dhaabbata qorannoo yakkaa Ameerikaan barbaadamaa ture achi buuteen isaa dhabamee kan ture Daani'el, Weelsirraa gara Ameerikaatti akka deebifamuuf dhiisu murteessuuf torban kana keessa dhaddacha mana murtiitti dhiyaata.
Dhaabbata qorannoo yakkaa Ameerikaa(FBI) namni kun finxaaleeyyii mirga bineensotaaf quuqamna jedhanittii hidhata kan qabu fi haleellaa boombii 'San Francisco Bay Area' bakka jedhamutti qaqqabe keessaa qooda qaba jedhee amana.
Qondaalli dhaabbata FBI keessa hojjataa ture tokko nama ganna 47 kan ta'e Daani'el otoo hin miliqiin dura hidhuuf ''carraa dhabne turre' jedha.
Daani'el otoo adamfamuuf konkolaataasaa isaa gatee dheesse tokko wayita sakatta'amu bakka boombii itti tolchuutti gaeeddarachuun isaa bira qaqqabamuu qondaalli FBI kun himeera.
Konkolaatasaa Daani'el kilomootera 104'f erga hordofamee booda Kaaliforniyaa keessatti argamte.
Amma namni kun km 8,000 bakka sanarraa fagaatee, UK, mana Kaaba Weelsitti argamtu tokko keessatti bara darbe argame.
Daa'ineel iddoo jiru nama odeeffanoo kenneef $250,000 akka kaffalamuutu waadaa seenamee barbaadamaa ture.
Amma Daani'el San Diyaagoo San Diyaagoo guyyaa shan UK keessaa baafamee Ameerikaaf dabarfamuu fi dhiisuu murteessuuf Wixata kana dhaddacha mana murtii Landanitti dhiyaachuuf jira.
Ameerikaatti dhalatee kan guddate Daani'eel tarree namoota yakka shororkeessummaan shakkamuun Dhaabbata Qorannoo Yakkaa Ameerikaatiin baayyee adamfamanii keessa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni kun haleellaa yeroo adda aadda lama bara 2003 qaqqabeef haalaan barbaadamaa ture.
Gareen finxaaleyyii mirga bineensotaaf quuqamna jedhan 'Animal Liberation Brigade' jedhaman dhaabbata bineensotarratti yaalii gaggeesse haleeluu u amaneera.
Dhaabbata FBI keessa hojjata kan ture Deevid Ismiiz'' Daani'el dhabamuudhaan xiyyeeffannoo argate'' jedhan.
Dhaabbanni FBI akka jedhutti, Daani'el garaa garummaa ji'a tokkoottiin boombii awwaalee, dhoosuu ragaa basaasaa gahaa ta'e argateera.
Boombiin lachuu Korporeeshinii Baayoteekinoloojii Okilaand cinatti argamu fi bakka 'Emiryville' jedhamee beekamutti bara 2003 dho'ee ture.
Sana booda boombiin dhaabbata oomishaarratti hojjattu 'Pleasanton' jedhamurratti Fulbaana 26 bara 2003 dhofame.
Haleellaa boombii sanaa lamachuutiin garuu namni miidhame hin turre.
Namni kun erga miliqee booda FBI waggootaaf isa adamaa ture.
Tarii Giddugaleessa ykn Ameerikaa Kibbaatti baqachuu hin oollee jedhamee yaadama ture.
Bara 2004 ammoo dhaabbanni qorannoo yakkaa Ameerikaa Daani'eel nama hidhannoon sochouuf fi hamaa ta'etti isa ramade.
Daani'el Andiriyaas San Diyaagoo haleellaan boombii San Firaansiskootti erga qaqqabee waggaa 21 booda bara 2024 hidhame.












