Dargaggoon Chaarlii Kiirk ajjeessuun shakkame aanga'ootaaf 'odeeffannoo kennuu dide' jedhame

Bulchaa Yuutaah Ispensar Kooksi

Madda suuraa, Getty Images

Namni Chaarlii Kirk ajjeeseera jedhame aanga'ootaaf ''odeeffannoo kennuu diduudhaan'' dhukaasa sana akka raawwate hin amanne jechuun bulchaan Yuutaah Ispeensar Kooksi miidiyaalee Ameerikaatti himan.

Shakkamaan Taayilar Roobinsan, kan umuriin ganna 22, Kiirk, aktivistii warra dudhaa durii leelliisaniifi kan umuriin ganna 31 ta'e guyyaa Roobii darbe ture itti dhukaasuun ajjeese kan jedhamee shakkame.

Dargaggoon kun odeeffannoo bal'aan booda to'annoo jala ooluun qoratamaa ture.

Paartii warra Rippabilikaan keessaa kan tahe Ispeenser Kooksi, haasaa 'ABC News' waliin taasisaniin, namoonni naannoo Roobinson jiran qorannoo kanaaf tumsaa turaniiru jedhaniiru.

Kooksi Dilbata kaleessa ganama miidiyaalee Ameerikaa adda addaa irratti kan dhiyaatan yoo ta'u, du'a Kiirk booda yaadawwan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman irratti yaaddoo qaban irra deebi'anii dubbataniiru.

Akkasumas bulchaan kun waa'ee kan gabaasni Niiw Yoork Taayims Roobinsan dhukaasa sanaan booda kara waltajjii 'Discord' jedhamutiin, himannaa qawwee qabaachuutti qoosuu dabalatee, namoota biroo waliin haasa'eera jedhuu gaafatamaniiru.

Kooks ABC News'tti akka himetti: "Wanti nuti mirkaneessuu dandeenyu, haasaan akkasii sun dhugaadhaa kan jedhu qofa, dhugumatti isa ta'uu hin amanne."

"Isa ture, hanga dhugaatti isa ta'uusaa inni amanee fudhatutti, hanga ammaattuu hundaa qoosaa ture."

Mr Roobinson Kamisa halkan erga poolisiitti harka kennateen booda ture kan to'annoo jala oolfame.

Kiirki yeroo rasaasaan rukutamee ajjeefameetti Yunivarsiitii Yuutaah Vaalii keessatti sagantaa banaa 'Turning Point USA' kan dhaabbata inni namoota kaan waliin hundeessetiin haasaa taasisaa ture.

Qophichi qaama sagantaa 'American Comeback Tour' kan Ameerikaa guutuu kaampaasiiwwan Yuunivarstii keessatti barattoota waliin marii akka gaggeessuu isa taasisee ture.

Kooksi kanaan dura Barruu Wool Istiriitiitti akka himaniitti, Roobinsan dhalataan Yuutaah ''kan ilaalcha warra leeftiin guutameedha'' jedhanii ture.

Sagantaa CNN Dilabataa irratti wayita gaafatamaniitti ammoo odeeffannoon kunis kan hiriyyootaafi maatii shakkamaatiin kennameef ta'u himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Wanti baay'ee barachaa jirruu fi waan baay'eetu baranne jira" jechuun ibsuun, dubbachuudhaan, itti dabaluudhaan, yoo himannaan ofiisaa yeroo dhiyaatu "ragaa fi odeeffannoon baayyeen yeroo sanatti ni argama" jedhan.

Bulchaan kun akka jedhanitti, namoota aanga'oota waliin tumsan keessaa jiran keessaa Obbo Roobinsan waliin nama kutaa tokko keessa jiraatu yoo ta'u, innis hiriyyaa isaanii ta'uu dubbateera.

Hiriyaan isaa kun waa'ee dhukaasa jedhame kanaa hubannoo tokkollee akka hin qabne fi ''tumsa ajaa'ibaa'' akka taasisee fi qorattoota waliin ''yeroo ammaa'' hojjechaa akka jiru dubbateera.

Akkasumas, hiriyaansaa kun yeroo ammaatti ''dhiira irraa kan gara dubaraatti ce'aa ta'u'' mirkaneesse, haata'u malee, yeroo CNN'n gaafatameetti ammoo, sun qorannoo kanaaf barbaachisaa ta'uu fi dhiisuu isaa aanga'oonni hanga ammaatti akka hin beekne dubbateera.

Ragaan kakaa kutaa Yuutaah irraa argame, Mr Roobinsan yakka ajjeechaa cimaa, qawwee dhukaasuu fi haqaa gufachiisuun shakkamee to'annoo jala ooluu isaanii mirkaneessa.

Yeroo ammaa kana wabii malee mana hidhaa Kaawuuntii Yutaah keessatti hidhamee argama.

"Namoota gosa hunda, kanneen isa beeku hunda gaafachaa jirra, waan isa kakaasee dhugumatti maal akka ture caalaatti baruuf yaalaa jirra," jedha Kooks.