'Gara qe'ee keenyatti deebi'aa jirra, gammanneerra' - Lammilee Itoophiyaa Libaanos jiraatan

Madda suuraa, Getty Images
Erga Israa’elii fi Hizbullaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahaniin booda lammiileen Libaanos kumaatamaan lakkaawaman gara qe’ee isaaniitti deebi’aa jiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa magaalota Libaanos bakka walitti bu’iinsi guddaan itti uumame ture keessaa baafaman, gara qe’ee isaaniitti deebi’uuf qophaa’aa akka jiran BBC’tti himaniiru.
Waraanni Israa’el haleellaa qilleensaa cimaa raawwachuu fi loltoota lafoo Libaanositti bobbaasuu kan jalqabe ji’a lama dura ture.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hizbullaah fi mootummaa Israa’el gidduutti Kibxata Sadaasa 25, 2024 taasifameera.
Lammiileen Libaanos qe'ee isaanii irraa buqqa'an qofa osoo hin taane lammiileen Itoophiyaa hojii barbaachaaf achi turaan sababa waraanaa sanaa ajjechaa fi qe'eerraa buqqa'uu dabalatee rakkoon adda addaa irra ga'eera.
Dubartiin lammii Itoophiyaa BBC 'tti dubbatan tokko akka jedhanitti waliigaltee dhukaasa dhaabuutti gammadanii gara qe'ee isaaniitti deebi'aa jiru. Kunimmoo isaaniif boqonnaa guddaa akka ta'e eerti.
Lammiin Itiyoophiyaa kan biraa naannoo Nebetye jedhamu jiraachaa turte yeroo waraanni naannoo sanatti hammaate ture gara Beerutitti kan baqatte yoo ta'u, rakkoo hamaa keessa akka turte BBC'tti himteetti.
Yeroo waraanaa sanatti "manni keenya diigame. Rakkoo guddaa keessa turre," jette. Amma garuu sababa waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin namoonni gara qe'ee isaaniitti deebi'aa jiraachuus himte.
"Nuti jalqaba baqannee gara Beerut dhufnee namootatti siqnee jiraachaa turre." Amma garuu akka deebinu nutti himameera" jetti lammiin Itoophiyaa kun.
Garuu naannoo duraan jiraachaa turtetti deebi'uu waan sodaatteefis, yeroo muraasaaf achi turtee haala jiru akka hubattu dubbatte
Dubbi himaan Hizbullaah Ibraahim al-Musawii BBC'tti akka himanitti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'el waliin taasifame ''duguuggaa sanyii namoota qulqulluu dhaabuuf'' akka ta'e dubbatan
Gorsituun nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Jeen Suuliivaan michuu BBC Ameerikaa CBS jedhamutti akka himanitti, Ameerikaan ''tattaaffii dippilomaasii ji'ootaaf gooteen gareewwan lamaan gidduutti dhukaasa dhaabuu danda'ameera."
Lammiileen Libaanosis waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaan gammachuu qaban ifatti ibsaa turan. Haa ta'u malee yeroo lola kanaan bakkeewwan mana jireenyaa fi gamoowwan hedduun barbadaa'aniiru.
'Waraana gidduutti mucaa koo da'e'.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Harmeen baqattuu lammii Itoophiyaa Libaanos jiraattu jettutti, jiraattonni waliigaltee dhukaasa dhaabuutti gammadanii gara qe'ee isaaniitti deebi'aa jiru.
''Baay'ee namatti tola. Namootni gara bakka isaanitti deebi'aa jiru," kan jettu dubartiin kun, waraana sana gidduutti nagaan akka deesse dubbatti.
Yeroo waraanni sun hammatetti ulfa batii 6 kan turte yoo ta'u,dhiphina sanaan Hospitaala galtee turte.
''Daa'imakoo waraana sana gidduuttin da'e. dhiphina sanaan baatii 7tti da'e. Ergan da'e amma torban tokko ta'eera daa'imni koos nagaadha.' jechuun yeroo rakkisaa keessa turte BBC'tti himteetti.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Libaanos ibsa baaseen akka waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin kibba Libaanos keessatti ejjennoo isaa cimsaa akka jiru beeksiseera.
Jiraattonni gara kibba Libaanos naannoo Tayre, Jabli fi Marjohun yeroo deebi'an naannoo waraanni Israa'el itti argamu irraa akka fagaatanis itti himameera.
Godaantootaa kuma dhibbaan lakkaa’aman, irra caalaan isaanii hojjettoota mana keessaa, lammiilee Itoophiyaa dabalatee, Libaanos keessa jiru.
Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden waldhabdee ji’oota 13f ture kana xumuruuf Israa’elii fi Hizbullaah waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uu isaanii erga beeksisaniin booda, dhukaasa dhaabuun kun walitti bu’iinsa dhaabbataadhaan xumuruuf waliigaltee irra ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu agarsiisaniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Israa’el yoo Hizbullaah waliigaltee kana cabse haleellaa irraa duubatti akka hin jenne dubbataniiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti, waraana hamaa waggoota kurnan darban keessatti Libaanos keessatti geggeeffameen namoonni 3,823 ol ajjeefamaniiru.
'Manaatti deebi'aa jirra'

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasa dhaabuu giddu seentummaa Ameerikaatiin Israa’el guyyoota 60 dhufan keessatti loltoota ishee kibba Libaanos keessaa suuta suutaan ni baafti. Inumaayyuu humni mootummaa Libaanos naannoo sana ni to'ata.
Raawwii waliigaltee kanaa waliin ta’uun hordofaa akka jiran kan himame Ameerikaa fi Faransaay akka jedhanitti, waliigaltichi naannoo sanatti tasgabbii waaraa fiduu fi jiraattonni biyyoota lamaanii buqqa’an nagaan gara qe'ee isaaniitti akka deebi’aniif haala mijeessa.
''Amma gara qe'eetti deebi'a jirra,'' jechuun baqattuun lammii Itoophiyaa Libaanos jiraattu Alem jedhamtus BBC'tti himterti.
Kibba Libaanos irraa buqqa'uun Beerut keessa jiraachaa kan turte yoo ta'u, waliigaltee dhukaasa dhaabuu hordofuun gara bakka jireenya isheetti deebi'a jiraachu himte.
''Harka qullaa waa tokko malee kibba Libaanos keessaa baane,'' jechuun waraanni kun ''suukaneessaa'' ta'uu ibsiteetti.
''Biyya tokko waliin waraana keessa jiraachuun baayyee ulfaataadha. Lammilee Itoophiyaa dabalatee meeqatu dhume?,'' jette.
Namoonni gara mana isaaniitti deebi’uu waan danda’aniif ummata duratti gammachuu isaanii ibsachaa akka jiran kan dubbatte dubartiin kun daandiiwwan kun namoota gara mana isaaniitti deebi’aniin akka guutame dubbatteetti.
Haleellaa Israa’el ofiisaa ji’oota sadii keessatti, manneen jireenyaa fi bu’uuraaleen misoomaa naannoolee Libaanos hedduu keessatti barbadaa’aniiru.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni lammiilee isaanii Libaanos keessaa baafachuuf fedhanis, balaliin isaanii addaan cituu irraa kan ka’e rakkisaa ture.
Lammiileen Itoophiyaa lakkoofsi guddaan Libaanos keessa kan jiran yoo ta'u, BBC'n haleellaa kanaan namootni meeqa akka ajjeefaman mirkaneessuu hin dandeenye.












