Waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hezboollaah hanga yoonaa waan beeknu

Joo Baayideni fi Binaayimen Natinaahu

Madda suuraa, AFP

Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden waraana baatiwwaan 13'f Israa’elii fi Hezboollaah, garee hidhattoota Iraanin deeggaraman kan Libaanos keessa jiran waliin ture, akka dhaabatuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsaniiru.

Ibsa waloo Ameerikaa fi Faransaay kennaniin, waliigalteen kun waraana Libaanos keessatti gaggeeffamu kan dhaabu yoo ta’u, “Israa’el balaa Hezboollaah fi garee shororkeessitootaa biroo irraa akka eegu” ibsaniiru.

Waa’ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaa ibsa kennamee fi gabaasalee miidiyaa irraa kan beeknu kunooti

Dhukaasa dhaabuun kun itti fufaa akka ta’uuf yaadame

Israa’el nannawa xumura baatii Adoolessaa keessa duula qilleensaa fi weerara lafoo Hizbullaah irratti bante.

Madda suuraa, Reuters

Akka Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden gaazexeessitootatti himanitti, waliigalteen ''dhukaasa dhaabuu kun dhaabbataa akka ta'uuf kan qophaa'edha''

Haala waliigaltee kanaatti, Hezboollaah loltootaa fi meeshaa waraanaa isaa naannoo 'Blue line' jedhamu kan naannawa Libaanos fi Israa’el gidduu jiru dabalatee naannawa laga Litani gara kaabaatti 30km (20 miles) fagaate jiru keessaa guyyoota 60 keessatti ni baasa.

Loltoonni Hizbullaah naannoo sanatti humnoota waraana Libaanosiin kan bakka bu’an ta'uu fi meeshaaleen waraanaa akka baafamu akkasumallee deebi'ee ijaaramuu kan hin dandeenye ta'uu mirkaneessuu qondaalli olaanaa Ameerikaa tokko himaniiru.

Guyyoota 60 kana keessatti Israa’el humnoota fi namoota nagaa ishee hafan suuta suutaan ni baafti kan jedhan Baayiden, lammiileen nagaa daangaa gama lamaan jiran gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an kan taasisu ta’uu ibsan

Loltoonni Libaanos kumni 5 bakka Hezboollaah bu'u

Akka waliigaltichaatti Waraanni Libaanos loltoota 5,000 gara kibbaatti ni bobbaasa jedhamee kan eegamu jedhan qondaalli Ameerikaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta’u malee, gahee isaan dhukaasa dhaabuu kabachiisuu keessatti qaban, akkasumas yoo barbaachisaa ta’e Hezboollaah waliin wal qunnamuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee gaaffiin jiru, kunis biyya qoqqoodinsi garee gadi fageenyaan jiru keessatti waldhabdee hammeessuu danda’a.

Haata’u malee, gahee isaan dhukaasa dhaabuu kabachiisuu keessatti qaban, akkasumas yoo barbaachisaa ta’e Hezboollaah waliin wal qunnamuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee gaaffiin ka'aa kan jiru yoo ta'u, kunis biyya qoqqoodinsi garee adda addaa hedduun jiru keessatti caalatti waldhabdee hammeessuu danda’a sodaan jedhus jira.

Waraanni Libaanos gumaacha michoota idil-addunyaa Libaanos tokko tokko irraa hir’achuu danda’u irraa ka'uun, dirqama waliigaltee kana jalatti qabu- qabeenya, maallaqa, humna namaa fi meeshaalee ba'uuf dirqama akka hin qabne ibseera.

Garuu qondaaltonni biyyoota dhihaa hedduun Hezboollaah dadhabeera, yeroon kun yeroo mootummaan Libaanos naannoo biyyattii hunda irra deebi’ee to’annoo isaa jala galchuu qabuudha jedhu.

Hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu eenyutu hordofa?

Waliigaltichi murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 1701 kan bara 2006 waraana Israa’elii fi Hezboollaah gidduutti geggeeffame xumure baay’inaan hordofa.

Murtee 1701 jalatti naannoleen kibba Litaanii jiran kanneen mootummaa Libaanos fi humna nagaa eegsisuu UN (Unifil) irraa kan hafe namoota hidhatan ykn meeshaa waraanaa kamirraayyuu bilisa ta’uu qaba jedha.

Garuu gareen lachuu murtii kana cabsuun wal himataniiru.

Israa’el Hezboollaah bu’uuraalee misoomaa bal’aa naannoo sanatti akka ijaaru hayyamameef kan jettu yoo ta’u, Libaanos ammoo sarbama Israa’el raawwatte, balallii yaalii waraanaa dabalatee naannoo daangaa ishee irratti taasiftu raawwachuun himatti

Yeroo kana US fi Faransaay mala garee sadii amma jirutti makamu Unifil,Libaanos fi Israa’el sarbamiinsa seeraa hordofuun kan himataman ta’uu qondaalli olaanaan Ameerikaa kun himaniiru.

"Naannoo sanatti loltoonni Ameerikaa lolaan hin jiran, garuu akkuma kanaan dura goonu humna waraanaa Libaanosif deeggarsi waraanaa ni taasifama. Haala kana keessatti garuu, akkaataa idileetti waraana Libaanos waliin fi keessa ni raawwatama." Waraana Faransaay waliinis walitti dhufeenya qabaachuudha,'' jedhan qondaalli kun.

Kun garuu akkaataa idileetiin waraana Libaanos akkasumas waraana Faransaay waliin ta'uun kan raawwatamu ta'a,'' jedhan qondaalli kun.

Yaaddoo Israa’el eeruun Baayiden akka jedhanitti, “Bu’uuraaleen shororkeessummaa Hizbullaah kibba Libaanos keessatti argaman akka deebi’anii ijaaraman hin hayyamamu” jedhan.

Hizbullaah rookkeettii, misaa'elaa fi diroonii kumaatamaan lakkaa'aman gara Israa'elitti dhukaasuun isaa ni yaadatama

Madda suuraa, Reuters

Israa'el mirga halellaa rawwatameef deebii kennu qaba jetti

Ministeerri muummee Israa'eel Netaaniyaahuun Israa’el “hubannoo guutuu Ameerikaatiin” Libaanos keessatti “bilisummaa tarkaanfii waraanaa guutuu ni qabaattii” jedhan.

''Hezbollaah waliigaltee kana cabsee hidhachuuf yoo yaale ni haleella. Bu'uuraalee waraanaa naannoo daangaatti deebisee ijaaruuf yoo yaale itti duulla. Yoo rookkeettii furguggise, yoo ulaa lafa jalaa qote, yoo rookkeettii fe'ee naannawa daangatti fide ni haleella,'' jedhe.

Baayidenis kana kan deeggaran yoo ta'u, "Hezbollaah ykn namni biraa waliigaltee kana cabsee Israa'el irratti balaa kallattiin yoo fide, Israa'el mirga ofirraa ittisuu seera idil-addunyaa waliin walsimu qabattee jirti" jechuun gaazexeessitootatti himaniiru.

Garuu walii galteen kun birmadummaa Libaanos kan deggeru ta'uus dubbatan

Gaaffiin Israa’el mirga deebi’ee rukutuuf dhiheessite Libaanosiin waan fudhatameef qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka ta’e hin amanamu. Dhimmicha irratti gabaasaaleen miidiyaalee Ameerikaan xalayaa mirga Israa’el socho’uu ishee deeggaru akka baaftu yaada dhiyeessan turan.