Nuti namaa mitii?: Haleellaa hamaan Beerutitti raawwate dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa hamaa Israa'eel gidduugala magaalaa Beeruut keessatti raawwatteen yoo xiqqaate namootni 20 ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii himan.
Haleellaan kun Israa'el duula Hezbollaarratti bante cimsitee itti fufuu agarsiisa.
Haleellaan akeekkachiisa malee guyyaa Sambataa raawwate kun, hoogganoota olaanoo Hezbollaa ajjeesuuf kan kaayyeefatee ture ta'uu miidiyaaleen Israa'eel gabaasaniiru.
Sagaleen haleellaa kanaa guutummaa magaalicha keessatti dhagaahameera. Gamoo abbaa darbii saddeetii tokkos bakka uummatni baayyinaan jiraatu keessatti mancaaseera.
Ejensiin oduu biyyaalessaa Libaanos boombiin bunker buster jedhamu haleellaa kanaaf hojiirra ooluufi gosa boombii amma dura Israa'el qondaalota Hezbollaa ajjeesuuf itti fayyadamteen kan walfakkaatu ta'uu gabaase. Hasan Nasrallaa gosa bombii kanaan haleellaa raawwatameen ajjeefame.
Haleellaa kanaan lakkoofsi namoota du'anii 15-20 akka ta'u hojjettootni lubbuu baraarsaa ni dubbatu. Caccabaa gamoo darbii saddeetii jalaa reeffaa fi nama lubbuun oole barbaaduuf konkolaattota fi maashinoota guguddaa fayyadamaa jiru.
Ministeerri Fayyaa Libaanos namootni 60 ta'an haleellaa kanaan madaa'aniiru jedheera. Reeffa namoota du'anii adda baasuuf qorannoon DNA godhamaa akka jirullee dubbatan.
''Haleellaa baayyee rifaasisaadha. Fooddaan marti ana, haadha warraakooifi ijoolleekoorrattii caccabe. Manni koo amma dirree waraanaati'' jedhan namni ganna 55 gamoo haleelame cinaa jiraatu.
''Osoodhuma namni tokko as dhokatee jiraatee...gamoo namoonni keessa ciisanii jiran haleeltaa? nama tokkoof jecha namoota hamma kana ajjeesuun sirriidhaa? Moo nuti nama miti? Wantin gaafadhu kanadha.''
Akka miidiyaan Israa'el Kan jedhami gabaasetti haleellaan kun qondaala olaanaa Hezbollaah Mohammed Haydaar jedhamu ajjeesuuf raawwatame.
Haata'u malee qondaalli olaana Hezbollaa Amiin Sheerii hooggansi olaanaa garee isaanii tokkollee gamoo haleelame keessa akka hin jirre dubbateera. Haydaar akkam akka jirus ifa miti.
Ministeerri Ittisaa Israa'el waayee haleellaa kanaa fi kaayyoo isaarratti waan jedhe hin qabu.
Humni waraanaa Israa'el haleellaa Beeruutitti raawwateen cinaatti guyyaa Sambataa darbe idoowwan kaan Libaanoos keessa argamanis haleeleera.
Haleellaa magaalaa Baalbeek jedhamtu keessatti raawwateen namootni 15 ajjeefamaniiru, isaan keessaa daa'imman afur ni argamuu jedheera Ministeerri Fayyaa biyyattii.












