Yukireen magaalaa Avdiivkaatii bahuun Raashiyaan adda waraanatti olaantummaa argataa jiraachuu akeekaa?

Madda suuraa, Reuters
Waraana ijibbaachisaa ji'oota hedduu booda Yukireen magaalaa Avdiivkaa gadhiistee baate.
Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin "lubbuu loltoota keenyaa baraaruf jennee bahuuf murtessine," jedhan.
Yeroo dhiyoo ajajaa waliigalaa Humna Waraana Yukireen ta'uun kan muudaman Jeneraal Oleeksandar Siyiriskiin lubbuu loltoota galaafachuurra duubatti deebi'uu akka filatan himanii turan.
Loltoonni biyyattii magaalaa baha Yukireenitti argamtuufi Raashiyaa wajjin ji'oota hedduuf waraana lubbuu heddu gama lachuuyyuu galaafate erga gaggeessaa turanii booda gadhiisanii bahuunsaanii, waanuma ajajaan waraanaa kun duraan dubbatan kan mirkaneessudha.
Magaalaa kana to'achuuf Raashiyaan loltoota hedduu itti gabbartus, olaantummaa humna namaafi meeshaalee waraanaa qabdu fayyadamtee loltoota Yukireen irratti haleellaa walirraa hin cinne ji'oota afuriif gaggeessaa turteen, loltoonni Yukireen gadhiisanii akka bahan dirqisiiftetti.
Yukireen bara darbe lafa Raashiyaan jalaa to'atte deebifachuuf haleellaa guddaa gaggeessitus, sarara ittisaa Raashiyaa cabsuu hin dandeenye.
Erga bara darbeeti magaalaa Avdiivkaa qabachuun Raashiyaaf mo'icha guddaa isa jalqabaati.
Magaalaan Avdiivkaa bara 2014tti harka Raashiyaa galtus Yukireen deebistee to'attee turte. Amma garuu haleellaa loltoota Raashiyaa dandamachuu dadhabdee gadhiistee bahuuf dirqamtee jirti.
Magaalli kun harka Raashiyaa galuunshee waa'ee guutummaa waraana Yukireen-Raashiyaa maal agarsiisa?
Lakkoofsa wal-hin ginne
Waraanni Yukireenifi Raashiyaa gara waraana ijibbaachisaafi tokko tokko mo'ee gara tokkotti hin cinneetti erga cehee bubbuleera. Lammanuu achumatti wal-sukkuumu malee dhiibanii cabsanii wal-hin mo'anne.
Gama biraan ammoo humni namaafi meeshaan waraanaa Raashiyaafi Yukireen wal-gituu dhabuun dhiibbaansaa ifatti mul'ataa jira.
Raashiyaan uummata miliyeena 144 qabaachuusheen lakkoofsa uummata Yukireen dachaa afur caalti. Kanaaf, rakkoo loltuu hin qabaattu jechuudha.
Waraana kanarratti lakkoofsa loltootaa guddaa ta'e dhabdus, Mooskon humna waraanashee deebistee bakka buusuf hin rakkanne.
Akka kan Raashiyaa ta'uu baatus Yukireenis loltoonni kuma hedduu jalaa dhumaniiru. Haa ta'u garuu akka Raashiyaa humna namaa bakka buusuf ni rakkatti.
Amma loltoonni Raashiyaa magaalaa guutummaan mancaate, Avdiivkaa, to'atanii jiru.
Loltoonni Yukireen Birgeedin 3ffaan magaalattii buufatanii turan akka jedhanitti loltoonni Raashiyaa kallattii hundaan marsanii haleelaa turan.
Raashiyaan loltootashee jajjaboodha jedhaman kutaalee waraanaa garaa garaa keessaa sassaabun magaalattiirratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa turte.
Bara darbe loltoonni Raashiyaa magaala biraa Baakmut yeroo to'atan lola cimaa ji'oota dheeraa booda ta'uusaatin, loltoonni Yukireen magaalattii keessa turuun gatii hin malle baasise jechuun Jeneraal Oleeksin komatamee ture.
Amma muuxannoo sanarraa waan baratan fakkaata- magaala Avdiivkaa keessaa bahaniiru.
Yeroo giddu galeessaa keessatti

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan adda waraanaa kanaan milkaa'unshee waan halkan tokkotti ta'e osoo hin taane, ji'a Onkoloolessaatii kaasee irra deddeebin humna guddaa magaala Avdiivkatti bobbaasaa turte.
Loltoonni Yukireen magaala industirii kana keessa dahatanii haleellaa Raashiyaa kana qolachaa miidhaa guddaa loltoota Raashiyaarran gahanis, Raashiyaan dahannoo waraanaa loltoonni Yukireen waggaa kudhaniif keessa turan cabsuu danda'aniiru.
Yukireen garuu dahoo Raashiyaan ji'a muraasa keessatti ijaarte cabsuu hin dandeenye.
"Raashiyaan kana caala olaantummaa taaktikaalaa yoo ta'e malee kan tarsiimawaa homaayyuu hin argattu," jedha ajajaan kumaa Yukireen Roodiyoon Kudiyaashov.
Loltoonni Yukireen humna namaan caalamanii magaalattii gadhiisanii bahuus hima.
Loltoonni Raashiyaa darbanii magaalota akka Pokiroovisk, Kostiyantivkaa fa'aa qabachuu akka hin dandeenye hima ajajaan kun.
Yeroo dheeraa keessatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma kana bara 2022 loltoonni Yukireen magaalota heddu keessaa dhiibamanii bahanii turan. Loltoota Raashiyaa meeshaa waraanaa ciccimaa hidhatan dhaabuu hin dandeenye.
Garuu meeshaalen waraanaa biyyoonni Lixaa Yukireenif kennen hamilee loltootashee kakaasun bulchiinsa Kersoonifi Kersoon keessaa lafa heddu akka Raashiyaa harkaa deeffatan taasiseera.
Amma garuu waraanichi bifa biraa qabatee jira. Siyaasni addunyaa daddaaqamaa deemufi deeggarsi biyyoonni lixaaa Yukireenif taasisan akka durii ta'uu dhabuun, dirree waraanatti Raashiyaan olaantummaa akka argattu taasisaa jira.
Dur deeggarsa guddaa taasisaafii kan turte US amma dolaara biliyeena 60 manni maree raggaasisuu waan dideef, biyyoonni kaan qaawwa sana Yukireenif guutuuu hin dandeenye.
Kana jechuun dirree waraanarratti hanqinni meeshaa waraanaa Yukireen akka mudatuufi meeshaalee jiran qusattee fayyadamuuf ishee dirqisiisaa jira. Iddoo kaanitti ammoo dirree waraanaa dhiistee duubatti akka deebitu godheera.
Ammayyuu taanaan pirezidaantin Raashiyaa guutummaa Yukireen harkasaanii galfachuuf abjuu qaban hin dhiisne.
Abjuun Raashiyaa kun biyyoonni lixaa tokkoomanii Puutin dura akka dhaabatan taasisa moo, Yukireen gatii guddaa baastee Raashiyaa dura dhaabbattus akkuma magaala Avdiivkaa fa'aa adda waraanaa biroo keessayis baati laata kan jedhu fuulduratti deebii argata.












