Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waamama Hargessaarratti komii Somaaliyaan dhiyeessite Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa simate
Daandiin Qillensaa Itoophiyaa imala gara Hargeessaa godhu irratti haalatti maqaa fayyadamu akka sirreessu gaaffii mootummaan Somaaliyaa dhiyeesse simatee sirreefama godhe.
Ministeerrii Geejibaa fi Sivil Aviyeeshinii Somaaliyaa yaada BBCf kenneen ''gaaffiin kun fudhatama argatee sirreeffamni godhamera'' jechuunmirkaneesse.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa marsariitii isaa gubbaatti imala gara magalaa Hargeessattii godhamuuf ibsi ''Hargeessaa'' jedhu qofaan kaahamee ture sa'aa booda kana gara ''Hargessaa, Somaaliyaa'' jedhutti jijjiirameera.
Daandiin qilleensaa kun jijjiirama kana kan godhe mootummaa Somaaliyaarraa Roobii darbe Hagayya 21/2024 xalayaa itti ergame bu'uura godhachuuni.
Mootummaan Somaaliyaa xalayaa barreesse keessatti ''sarbama walabummaa Somaaliyaati'' jechuun sirreeffamni akka godhamu gaafate.
Xalayaa kana Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Somaaliyaatu barreesse. Hargeessaan teessoo bulchiinsa Somaalilaand kan biyya walaba ta'uu himattuufi Somaaliyan qaama kooti jettuti.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imala garisitti godhu Hargeessaa qofa jedhee dhiisuun gaaffii walabummaa akka kaasu Daayireektarri Kominikeeshinii abbaa taayitichaa Mohaammed Abdii Usmaan BBCtti himaniiru.
Amma dura imalli qilleensaa garasitti godhamu ''Hargessaa, Somaaliland'' jedhamee adda baha ture. Dhiyoo kana ammoo Hargessaa kan jedhutti jijjiirame.
Abbaan Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Somaaliyaa jijiiramni godhame sunis yaaddoowwan dhibdee kan hammaeessuufi birmadummaa kan salphisee ilaaledha'' jehcuun komate.
Ibsi iddoo imalaa kun hanga Jimaata har'aatti akka sirreeffamu ture mootummaan Somaaliyaa kan gaafate.
Sirreeffamni kun hin raawwatamu yoo ta'e, ''imala daandiin qilleensaa kun gara Somaaliya godhu mara dhorkuuf akka dirqamu'' akeekkachiisee ture.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Kamisa kaleessaa abba taayitaa kanaaf xalayaa barreessuu Daarektarri kominikeeshinii Ministeerri Geejibaa fi Siviil Aveeshinii Somaaliyaa Mohaammad himaniiru.
Daandiin Qilleensaa kuni deebii kenneen dhimmicha ilaalaa akka jiru ibsee gaaffii gaafatameef deebii kennuuf guyyaan kenname ‘’baayyee gabaabaa’’ tahuu hubachiiseera.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, ‘’hariiroo waggoota darbanitti ijaarame ittifufsiisuuf jecha dhimmicha ilaaluufi deebii kennuuf guyyaa dabalataa akka nuuf kennamu kabajaan gaafanna,’’ jechuun xalayicharratti gaafateera.
Waa’ee xalayaa kanaa dhaabbaticha irraa yaada argachuuf yaalii BBC’n taasise otoo hin milkaahin hafeera.
Guyyaa xalayaan kuni barreefametti Abbaan Taayitaa Aveeshinii Somaaliyaa gaaffii daandii qilleensaa kanaa akka hin fudhanne himee ture.
‘’Gaafficha of eeggannoon ilaaluuniifi humna teekinolojii jiru tilmaama keessa galchuun sirreefama barbaachisu gochuuf guyyaa lama caalaa fudhachuu hin qabu jenne yaadna,’’ jechuun maaliif guyyaa dabalataa akka hin eeyyamne ibseera.
Guyyaa kennameen sirrefamni hin taasifamu taanaan, ‘’dhimmichi haala quubsaa taheen hamma hiikamutti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa hojii Somaaliyaa keessatti qabu dhorkuun ala filannoon akka hin jirre,’’ irra deebiin ibseera.
Yaada xalayaan kaleessa ibsamaa turen booda har’a qondaaloti Daandii Qilleensaa Itoophiyaafi Abbaa Taayitaa Aveeshinii Somaaliyaa bilbilaan waliin dubbii taasisuu Daarektarri Koominikeeshinii Ministeera Geejibaafi Siviil Aveeshinii biyyattii Mohaammad BBCtti himaniiru.
Qondaaloti biyyoota lameenii haasaa taasisaniin waliigaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sirreefama mootummaan Somaaliyaa gaafate raawwachuuf waliigaluu daarektarichi dubbataniiru.
Haasaa bilbilaan taasifame kana ilaalchisee qondaalota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dubbisuuf yaalus deebii hin arganne.
Haa tahu malee marsariitii dhaabichaa irratti balaliin ‘’Hargeessaa’’ qofa jedhamuun eeramaa ture irratti sirreeffamni taasifameera. Har’a waaree boodaa jalqabee ‘’Hargeessaa Somaaliyaa’’ kan jedhun bakka buufamuu marsariiticha irraa hubachuun danda’ameera.
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa isheef argamsiisu Somaalilaand waliin mallatteessuun booda Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa fi mootummaan atakaaroo keessa seenuun kuni kan jalqabaa miti.