Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaaroonni Itoophiyaafi Kaataar dogongora to'attoota tiraafika qilleensaan walitti bu'uuf ture jedhamuu Somaaliyaan soba jette
Xayyaaronni Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Kaataar daangaa Somaaliyaarra balali'aa turan dogongora to'attoota tiraafik qilleensaatiin walitti bu'anii oolan oduu jedhu soba ta'uu himte Somaaliyaan.
Gaafa Sambataa ALI Guraandhala 16, 2016'tti guyyaa keessaa sa'aatii 6:30tti Dohaarraa gara Yugaandaa balali'aa kan ture xayyaarri Qatar 6U jedhamu olka'iinsa ittiin balali'u akka dabaluuf to'attoota tiraafika qilleensa daandii qilleensa Moqaadishoon dogongoraan itti himamee xayyaara Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin walitti bu'eef oole oduun jedhu soba jechuuun balaaleffatte Somaaliyaan.
Qondaalli Aviyeeshinii Daandii Qilleensa Somaaliyaa Ahimad Maakeeliin Hasan BBC'tti akka himanitti, xayyaarota lamaan gidduu fageenyi ture yaaddorra kan buusu hin turre.
"Fageenyi xayyaarota lamaan gidduu ture yaaddoon uumuu hin qabu ture. Ol-fageenya addunyaarratti baramaa ta'erratti balali'aa turan," jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.
Xayaarri Daandii Qilleensa Kaataar olfageenya faana (feet) 38,000 irraa gara 40,000tti akka ol-siquuf to'attoota daandii qilleensa Moqadishoon itti himameera jechuun Siivil Aviyeeshiniin Somaalilaand beeksisee ture.
Yeroo walfakkaataa sanatti xayyaarri Daandii Qilleensa Itoopihyaa ammoo ol-fageenya faana 39,000 irratti balali'ee akka tureefi walitti bu'uuf yaaddo guddaa umee akka turetu ibsame.
Akka ibsa Siivil Aviyeeshinii Somaalilaanditti, xayyaaronni lamaan akka walitti hin buune kan gargaare mala teeknolojii walitti bu'iinsa ittisuuf xayyaarota irratti hidhameedha.
“Akka carraa ta'ee sirni traffic avoidance collision system jedhamu hatattamaa kennuun ol-ka'iinsa sanarra xayyaarri biraa akka jiru akeekkachiisa kenneera," jedhe Siivil Aviyeeshiniin Somaalilaand.
Kana ilaalchiisuun Abbaan Taayiitaa Siivil Ayiveeshinii Somaaliiyaa ergaan sirna ittiisa balaa walitti bu’uu xiyyaarootaatiif kenname akeekkachiisa balaa osoo hin taane gorsadha jedhe.
Ahimad Maakeeliin gama saanitiin, Daandii Qilleensaa Kaataar waliin walitti dhufeenya umuun ol fageenya faana 40,000 akka balalii’u gochuu ibsaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ol fagenyuma tureen balalii’aa akka ture ibsuun, waliirraa fageenyi xiyyaaroota lamaan jidduu ture yaaddoo hin qabu jedheera.
Balaliiftoonni xiyyaaroota Kaataariifi Daandii Qilleensa Itoophiyaa to’attoota tiraafika qilleensaa Somaaliyaarraa qajeelfamni dogongoraa akka kennameef, akkasumas gabaasa akka taasisan yoo waliin haasa’an dhagamaniiru jedheera Abbaan Taayitaa Siivilii Aviyeeshiinii Somaaliilaand.
Dogongora kanaan booda Xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa Jabuutii irra qubachuun imaltoota fe’uudhaaf haaluma karoorfatee imalasaa itti fufeera jedhan.
BBCn taatee kana ilaalchiisuun ibsa aanga’oonni Somaaliiyaa fi Somaaliilaand qofa qofaan kennan jedhame kana addatti mirkanneeffachu hindandeenye.
Akkasumas abbootii qabeenyaa xiyyaarootaa kan ta’an daandiiwwan qilleensaa Itoophiyaa fi Kaataar hanga ammaatti waa’ee taatee kanaa ilaalchiisuun kan jedhan homtuu hin jiru.