Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa korojoo beekamaa fe'uu dhorke

Daandiin Qileensaa Itoophiyaa daamee Naayijeeriyaa korojoo maqaa masoo “Ghana must Go” (Gaanaan deemuu qabdi) jedhuun beekamu balalii isaarraa dhorke.

Korojoon kun maqaa masoo kana kan argate Naayjeeriyaatti bara 1980n keessa, yeroo godaantonni eeyyama hin qabne kumaataamaan lakkaa’aman, kan hedduun isaanii lammilee Gaanaa ta’an, biyyatti keessa ari’amanidha.

Namootni korojoo halluu diimaafi cuqulisaa qabu kana baatanii baqatani.

Amma, daandiin qilleensaa Itoophiyaa, korojoon namoota hedduun jaallatamu kun meeshaa buufata xiyyaraa miidhuu danda’a jedheera.

Daandiin qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen korojoo kana dhorkuuf kan murteesse “sababa buufata xiyyaraa hedduu keessatti meeshaa korojoo deddeebisu irratti miidhaan geessisuun, buufataalee xiyyaara kanaaf baasii guddaa waan ta’eefi,” jedheera.

Dhorkiin kun waan addatti eeyyamu qaba. Korojoon kun yoo “kaartoonii ykn meeshaa fe’uumsaa jabaa roga afur qabuu keesssa yoo kaa’ame” fayyadamamuu danda’a.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa magaalaa Leegos, Naayjeriyaa jiru keessaa balaliiwwan biyyaalessaafi idil addunyaa hedduu ni hojjeta.

Korojoon kun Afrikaa fi kutaalee addunyaa heddutti beekkamtii qaba, buufatalee xiyyaaraa hedduu keessattis ni argama.

Bakka adda addatti maqaa adda addaan beekamu. Fakkeenyaaf Keeniyaa keessatti korojoo Naayjeriyaa jedhamuun waamamu, Zimbaabwee keessattimmoo korojoo Bootsuwaana jedhamuun beekamu.

Bara 2017’tti daandiiwwan qilleensaa KLM fi Air France, korojoon kunneen kirriinsaanii hiikkatee meeshaa korojoo baatu keesa seenuun danquu danda’u jechuun dhorkaniiru.