Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan Boeing waliin qaama xiyyaaraa biyya keessatti oomishuuf
Itoophiyaan kampaanii Ameerikaa xiyyaara oomishuun beekamu Boeing waliin tahuun qaama xiyyaaraa biyya keessatti oomishuuf waliigaltee mallatteesite.
Komishiniin Investimantii Itoophiyaa fuula X (amma dura kan Twitter jedhamu) isaa irratti akka barressetti, Itoophiyaan oomisha qaama xiyyaaraa kana kaappitaala ka'umsaa doolara miliyoona 15 tahuun jalqabdi.
Daandiin qilleensichaa kaampaanii Boeing waliin tahuun oomisha qaama xiyyaarichaaf kan oolu sheedii naannoo Paarkii Indaastirii Qilinxootti ijaaruuf waliigaluu himame.
Karoora qaama xiyyaaraa oomishuu kana Daandiin Qilleensa Itoophiyaa bara 2009 ture kan jalqabe.
Gidduugalichatti qaamni keessoo xiyyaaraa hojjechuuf oolu, ho'aa fi sagalee alaa galu xiqqeessuuf kan oolu [Thermo-acoustic insulation blankets] fi kaanis ni oomishama.
Investimantiin kun lammiilee Itoophiyaa 300 tahaniif carraa hojii akka banu komishinichi ibseera.
Garuu oomishni kun yoom akka jalqabu irratti homaa hin jenne. Kaampaaniin Boeing ammoo dhimma kana irratti ibsa kenne hin qabu.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fi kaampaaniin Geven-SkyTecno waliin tahuun bara darbe ture gidduugala oomisha qaama xiyyaara 'Boeing 737 MAX' kan eebbisiisan.
Kun qaama waliigaltee Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi kaampaanii Boeing yoo tahu, giddugalichi qaama xiyyaaraa 'Insulation Blankets' jedhamu oomishuun kaampaanichaaf dhiyeessa.
Gidduugalichi magaalaa Finfinnee naannoo Booleetti akka argamu odeeffannoon fuula marsariitii Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa arganne agarsiisa.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gidduugalicha irraa %51 yoo qooddatu kan hafe %49 ammoo kan SkyTecno jedhamuuti.
Akka waliigaltee isaaniitti qaama xiyyaarichaa Xaaliyaanii fi Itoophiyaatti oomishuun kaampaanii Boeing'f dhiyeessu.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa abbaan qabeenyummaan isaa kan mootummaa tahe Afrikaa keessaa daandii qilleensaa guddicha jalqaba irra jirudha.
Rooyitarsi akka gabaasetti, Daandii Qilleensaa Keeniyaa dabalatee Afrikaa keessa jiran kaan, sababa waraana Raashiyaa-Yukireeniin hanqinni dhiyeessii meeshaa qaama xiyyaaraa, kan akka Taayitaaniyem mudachuu himu.
Rakkoo wal fakkaataan Daandii Qilleensa Itoophiyaa mudachuu fi dhiisuu garuu hin ibsamne.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota namootaafi meeshaalee deddeebisan 147 akka qabu ni hima. Kun galii isaa dachaa shaniin kan dabale yoo tahu, bara baajataa darbetti galii doolaara biliyoona 6.1 argateera.
Daandiin qilleensichaa bara 2035tti lakkoofsa xiyyaarotaa 250 ol gahuuf karoorsee hojjechaa akka jiru himeera.