'Paayilatoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa 'rafuu isaaniin' xiyyaarri bakka qubachuuf tureerra darbe'

Xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa Sudaan irraa ka'e gara Finfinnee balali'aa ture paayilatoota "hirribni waan qabeef" xiyyaarichi bakka qubachuuf turerra darbe jedhame.

Gabaasa kan dursee kan baase The Aviation Herald akka jedhetti, paayilatoonni xiyyaara Itoophiyaa gaafa Wiixataa Hagayya 15, 2022 magaalaa Kaartum irraa kahee Finfinnee qubachuuf turerra turan lama 'hirribni waan qabeef' buufata xiyyaaraa Boolee qubachuudhaaf ol fageenya irra turan irraa gadi bu'aa hin turre.

Daandiin qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, guyyaa wanti kun mudatetti komunikeeshiniin paayilatootaafi hojjetoota tiraafikaa daandii qilleensaa to'atan gidduu addaan citee akka ture mirkaneeffatee kanaaf ammoo ka'umsi maal akka ta'e qorachaan jira jedheera.

Dabaluunis, sababa maaliin kominikeeshiniin akka addaan cite waan jedhe qabaachuu baatus, qorannoon jalqabe hanga xumuramutti hojjetoonni waan uumame kana keessaa qooda qaban hojiirra akka dhorkaman ibseera.

Xiyyaarri Boeing 737-800 lakkoofsa balalii Et 343 ta'e Kaartum irraa gara Finfinneetti ol fageenya 37,000 feet (kiiloomeetira 11.3) irratti balali'aa ture.

Xiyyaarichi ol fageenya irra ture irraa akka gadi bu'aa dhufuuf itti himuudhaaf carraaqqiin hojjettoonni tiraafikaa daandii qilleensaa Buufata Xiyaaraa Idil-addunyaa Boolee jiran taasisan hin milkoofne jedheera The Aviation Herald.

Paayilatoonni to'attoota tiraafikaa daandii qilleensaatiif deebii hin kennine kunneen sirna balalii xiyyaarichaa irraa sagaleen akeekkachiisaa akka isaan bakka qubatan qaqqaban agarsiisuu isaatiin 'isaan dammaqse' jedhameera.

Autopilot bu'uura ajaja dursee kennamuufiin xiyyaarri ol fageenya, saffisaafi toora irra balali'u sirnan eeggatee bakka qubatu sirna taasisudha.

Haata'u malee, sirni kuni bakka qubatu yeroo qaqqabutti sirnicha ofidhuma isaa dhaabuun sagalee akeekkachiisaa akka dhageesisuu The Aviation Herald ibseera.

Akka Flighteradar 24 ilaaluun hubachuun akka danda'amutti, yoo xiqqaate guyyoota 7 darban keessa Daandiin qilleensa Itoophiyaa Kaartum irraa gara Finfinneetti guyya guyyaan kan balali'u yoo ta'u, balaliin kun ammoo yeroo inni fudhatu saatii 1:25 hanga 1:30 ta'a.

Haata'u malee, Hagayya 15, 2022 xiyyaarri Kaarum irraa gara Finfinneetti balali'e kan qubate balalii saatii 1:49 boodadha.

Kana jechuun kan duraarra daqiiqaa 20 boodatti hafee qubate jechuudha.

BBC irratti dabalatee miidiyaalee hedduutiif dhimma tiraanispoortii qilleensaa irratti odeeffanoo kan kennu xiinxalaan Aveeshinii beekamaa Aleksiis Maacheraas, "Daandii xiyyaaraa guddicha kana irratti wanti mudate kun baay'isee yaaddessaadha," jedheera.

Dabaluunis, xiyyaarri lakkoofsa balalii ET343 "ol faageenya irra balali'u irraa gadi hin hir'anne," jedhe.

Gabaasni kun bahuu hordofee Aleksi Maacheraas dabalatee namoonni baay'een waan mudate kana dhiibbaa hojii payilatootarra jiru waliin walqabsiisaniiru.

Xiinxalaan Aveeshinii kun guutummaa addunyaa irratti dhiibbaan paayilatootarra jiru yaaddoo nageenya balalii ta'ee itti fufeera jechuun atakaaroo Daandii qilleensaa Jet2 waliin walqabatee ture akka fakkeenyaatti kaasuun ibseera.

Waldaan Paayilatoota Daandii qilleensaa Biriitish (BALP) torbanoota muraasa dura Dandiin qlleensaa Jet2 jedhamu paayilatoota isaarratti hojii baay'isuu isaatiin fayyaa paayilatootaafi nageenya balalii irratti rakkoo uumaa jira jedhamee ture.