Dhimmi xiyyaara Itoophiyaa buufata xiyyaaraa dogoggoraa qubatee 'qoratamaa jira'

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhimma xiyyaara fee'umsaa isaa tokko kan dogongoraan buufata xiyyaaraa Zaambiyaa ijaarsi isaa hin xumuramiin qubate anga'oota Zaambiyaan waliin qorachuufi.

Buufatni xiyyaaraa dhiyeenya magaalaa guddittii Lusaakaatti argamu kun, kan ijaarsarra jiruufi hin xumuramnedha.

To'attoonni tiraafika qilleensarraa biyyattii akka himanitti, wayita paayilatiin xiyyaarichaa qubachuufin jedha jechuun isaanitti himutti, nuti si argaa hin jirru jechuun itti himuu isaanii miidiyaatti himan.

Buufatni xiyyaaraa itti qubate kun, irra qubachuun kan irra turerraa km 15 fagaatee argama.

''Qubachuuf wayita jedhu raadaarii wajjin walqunnamaa ture. Isaanis 'Si argaa hin jirru,' jechuun itti himan,'' jechuun barreessaan ministeera geejjibaa Misheck Lungu, AFPtti Wiixata himan.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akka jedhetti, paayilatoonni isaa waa'ee buufata haarayaa kanaa akka itti hin himamne ibsuun, daandiin itti qubataniifi irraa ka'an kan amma jiruun kallattiinsaa walfakkaata jedhe.

Dubbi himaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ergaa email AFPf ergeen "hubachiifni NOTAM (notice to airmen) kan balaliistotaaf kennamu jiraachuu dhabuu fi buufataaleen xiyyaaraa lamaan walitti dhiyoo jiraachuun dogoggora uumameef sababa ta'uu hin oolle" jedhe.

Buufatni haaraan xiyyaarichi dogoggoraan qubate kan 'Copperbelt' jedhamu Chaayinaan kan ijaaramaa jiru yoo ta'u, bara 2020 xumurama jedhamee ture.

Haa ta'u malee ijaarsi isaa sababa koronaavaayirasii harkifatee hanga ammaa hin xumuramne.

Boodarras xiyyaarri Itoophiyaa kun bakka silaa qubachuu malutti deebi'ee balali'eera.