Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan qorannoon balaa xiyyaara Booying 737 Max-8 xumuramaa jiraachuu beeksifte
Itoophiyaan qorannoon ka'umsa balaa xiyyaara Daandii Qilleensa Itoophiyaa Booying 737 Max-8 gara xumuraatti dhiyaachuu beeksifteetti. Balaan A.L.I Bitootessa 1, bara 2011 qaqqabe kun amma waggaa lama guuteera.
Ministeerri geejjibaa yaadannoo balaa xiyyaarichaa ilaalchisuun kaleessa ibsa baasen, sadarkaa idil-addunyaatti weerara koronaavaayirasiitiin adeemsi qorannichaa harkifachuu himuun, amma gara xumuraa irra gahuu beeksise.
Ammas of eeggachaa, adeemsi qorannoo itti fufuufi xiyyaara ET-302 balaan irra qaqqabe ilaalchisuun gabaasni xumuraafi tarkaanfiiwwaan of eeggannoo fuulduratti fudhatamuu qabanirratti gabaasni akka gooolabameen akka beeksisu Ministeerichi ibseera.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Booying 737 Max- 8 lakkoofsi balalii ET-302 magaalaa Finfinneerraa gara Naayiroobitti otoo balali'uu A.L. I Bitootessa1,bara 2011 ganama sa'aatii 2:44 irratti balalii eegalee ture.
Xiyaarrichi balalii eegalee daqiiqaa muraasa booda Aanaa Gimbichuu ganda Ejeree jedhamutti kufe.
Yeroo sanatti haala gaddisiisaa ta'een namoonni xiyyaaricha keessa turan 157 ol ta'an lubbuun isaaniis darbe.
Imaltoonni xiyyaaricha keessa turan lammilee biyyoota 30 olii yoo ta'an, namni tokkoollee balaa kanarra hin hafne.
Balaliisaan xiyyaarichaa kaappiteen Yaared Geetachew, Buufata Xiyyaaraa Booleerraa balalii eegalee daqiiqaa muraasa keessatti rakkoon isaan mudachuufi deebi'ee qubachuu akka barbaadu to'attoota tiraafika balaliitti himee ture.
Balaan kun qaqqabuu hordofee, Itoophiyaatti biiroon balaa xiyyaaraa qoratuu kan Ministeera Geejjibaa jalatti argamu sadarkaa qorannichi irra qaqqabe yeroo yeroon beeksisaa ture.
Argannoo qorannicha marsaa jalqabaa
Biiroon qorannoo balaa xiyyaara Itoophiyaarra qaqqabe ogeeyyii Boordii Nagummaa Geejjibaa Ameerikaa, Ejensii Nageenyummaa Balalii Firaansi fi Awurooppaa wajjin ta'un sanduuqaa waraabbii odeeffannoo balalii irraa argame xiinxaluun argannoo qorannoosaanii jalqaba beeksisanii turan.
Qorannoon marsaa jalqabaa xiyyaarichi dandeetti balali'uu kan qabu akka ture, Erga lafaarra olka'ees kallatti balalii sirrii qabatee akka ture fi Balaliistoonni qajeelfama hordofuun to'achuuf yaalaa akka turan Ministirri Geejjibaa Aadde Daagimaawwit Mogas ibsuun ni yaadama.
Aadde Daagimaawwit, xiyyaarichi yeroo sanatti rakkoo tokko malee balalii akka eegale, Fuuldurri(mataa) xiyyaarichaa gara lafaatti guggufuun wayita mudatetti balaliistoonni waan isaaniirra eegamuu raawwachaa akka turan, kun ta'ullee xiyyaarichaa to'achuu akka dadhaban himanii turan.
Kanarra ka'uun, gartuun qorattootaa fuuldureen xiyyaaricha gadii guggufuun to'achuuf sirna to'annoo qaamni xiyyaarichaa oomishu akka sakkatta'u fi sirna rakkinicha to'achuuf barbaachisu diriirfamuusaa hordofuu akka qabu yaada kennuutu yaadama.
Dhimma kanaan walqabaate, gabaasni qorannoo balaa xiyyaarichaa akkamitti haa ibsamu dhimma jedhurratti Ameerikaa fi Itoophiyaa gidduutti muddamni dhalachuu gabaasni Biluumberg xiinxala isaa keessatti dhiyeesse kan agarsiisu.
Gabaasichi akka jedhutti, qorattoonni Ameerikaa haala kanaan dura hin baramneen yaada dhuunfaasaanii fi gunduunfaa qorannichaa hojjachuuf yaadan jedhe gabaasni kaleessa bahe.
Argannoo gabaasicha keessatti hammataman ilaalchisuun waliigalteen akka hin jirre, Itoophiyaafi Ameerikaan marii gaggeessaan itti dhiyeenyaan namni hordofanifi maqaan isaanii akka hin eeramne maddeen barbaadan wabeeffachuun Biluumberg gabaaseera.
Boordiin Nageenya Geejjibaa Ameerikaa yeroo balichi qaqqabutti balaliistoonni maal gochaa akka turan fi xiyyaaricharratti sirni to'annoo ture akkamittiin ibsamuu akka qabaturratti yaaddoo akka qaban maddi maqaan isaa hin eeramne Biluumbergitti himeera.
Gabaasni Biluunberg yaada Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itoophyaa fi Ministeera Geejjibaa Itoophiyaa hin hammachiifne ture.
Haata'u malee, Boordiin Nageenyummaa Geejjibaa Ameerikaa qorattoota Itoophiyatiin ''qorannichi akka goolabamu deeggarsa kennuun, gamaggamuufi yaada kennuun isin gargaarra''jechuun ibsa baasu isaalle Biluumberg gabaaseera.
Dhaabbanni Aviyeeshiinii Idil-Addunyaa (ICAO)akka ibsutti, qorannichi kan gurmaa'e ibsamuu kan qabu qondaaltota Itoophiyaatiin ta'u hima.
Balaan kun erga qaqqabee booda turtii ji'ootan lakka'aamuuf qondaaltota Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti waliigalteen hin turre jedhameera.
Waggaa tokko dura qorattoonni Itoophiyaa sababii balichaa guduunfaa kennuuf qophiirra wayita turanitti mormii Ameerikaa fi Firaansirra isaan mudachuun, gabaasichi akka turu taasifamuu Biluumberg gabaaseera.
Kana duras Boordiin Nageenyummaa Geejjibaa Naashinaal fi bakka buutoonni Kaampanii Booying Biiroon Qorannoo Balaa Itoophiyaa odeeffannoo balalii waraabame akka dabarsee kennuuf gaafachuun isaanii Rippoortar gabaasera.
Qondaaltonni Itoophiyaa odeeffannoo sanduuqaa odeeffannoo balaliirra argame dabarsate kennuu akka diddee fi Ameerikaan dhimma kanarratti dhiibba uumuuf yaalaa akka turte Rippoor maddeen gargaara garaa wabeeffachuun gabaasee ture.
Xiyyaarri Daandii Qillleensaa Itoophiyaa kufee caccabuun dura, xiyyaarri Indoonezhiyaa magaalaa guddoo biyyattii Jakaartaarra balalii eegalee daqiiqaa muraasa keessatti kufee caccabe wajjin akka wal fakkaatu himameera.
Xiyyaaronni lamaanuu akka lafarraa olka'anii daqiiqaa muraaasa keessatti kufanii caccabuu hordofee, Kufaatii xiyyaarota Booying 737 max-8 jedhamaniif wayita hojjatamu bu'uurarraa rakkoo qabachuufi Booying rakkoo dizaayinii xiyyaarichaa sirreessuuf iccitiin moosaajii to'annoo balaliin fe'ee, xiyyaaricha balaaf akka saaxile ibsuun ni yaadama.