Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa Xiyyaaraa ET302: Ka'umsi balaa ET302 kan xiyyaara Indoneeshiyaa mudatee ture waliin ‘walfakkaata’
Daataan balaliinsa xiyyaara Itoophiyaa torban dura kufee caccabe irraa argame xiyyaara Indoneeshiyaa Onkololeessa keessa caccabe waliin ''waan walfakkaatu'' akka akeeku Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa dubbatan.
Gosni xiyyaarota lamaanuu Booying 737 Max 8 jedhama.
Guyyaa torba dura xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa Finfinneedhaa ka'e gara Naayiroobii imalaa ture Aanaa Gimbichuutti caccabun namoota 157 galaafate ture.
Gabaasni duraa waa'ee balaa kanaa guyyoota 30 keessa akka ifa ta'u Ministirri Geejjibaa Aadde Daagmaawwit Moogas gaazexessitootatti hmaniiru.
''Lakkoofsa balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaa 302 fi lakkoofsa balalii Daandii Qilleensa Laayon 610 kan Indoneeshiyaa gidduu wanti walffaakaataa akka jiru hubatameera.
Kunis gadi fageenyaan ni qoratama,'' jechuun ibsa gaazexessitootaaf kennanin ibsaniiru. Daataan xiyyaarota lamaanuu akka agarsiisutti sararri balalii isaanii raafamaa ture.
Ibsa baasaniin dhaabbatichi dursee to'annoo balali xiyyaaraa to'achuuf softiweerii haaromsaa akka jiru kan beeksisan.
Gaafa Dilbataa, namoota lubbuu dhaban yaadachuuf Itoophiyaafi Keeniyaatti sagantaan taasifameera.
Namoonni kuma hedduu ta'an Finfinnee Bataskaana Sillaase bakka argamanitti sanduuqni reeffaa qullaa ta'an alaabaa biyyattiin marfamani turan.
Balaa dhaqqabeen qaamni nama kamu adda bahuu hin dandeenye.