Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa Xayyaaraa ET302: Saanduqni odeeffannoo 'black box' Paaris gahuun qorannoon eegaleera
Saanduqa odeeffannoo imalaa 'black box' balalii ET302 Paaris gahuusaa fi qorannoonis eegaluusaa Reuters gabaaseera.
Ejansiin Nageenya Qilleensaa Faransaay saanduqa odeeffannoo imalaa 'black box' xayyaara balaa ET302 keessaa argame kaleessa fudhachuun har'a qorannoo eegaleera.
Gareen qorattootaa Firaansis balaawwan xayyaaraa lamaan gidduutti walfakkeenyi jiraachuusaa qoratu.
Jilli qorattootaa Itoophiyaas Firaans, magaalaa Paaris kan gahan tahuu fi qoranicha irratti waliin akka hojjetanis beekameera.
Xayyaarri Itoophiyaa Boeing 737-MAX 8 Dilbata dabre Booleerraa ka'ee gara Naayiroobii osoo imalaa jiruu kufee caccabuun lubbuu namoota 157 galaafateera.
Ji'oota muraasa duras gosti xayyaaraa walfakkaatu kan qabeenyummaan isaa Lion Air tahe, battaluma kahetti kufee caccabuun lubbuu namoota 189 galaafateera.
Kanuma hordofuun nageenyummaan gosota xayyyaaraa kanneenii haga mirkanaa'uutti addunyaarra akka hin balaliine dhorkamaniiru.
Qorannoon saanduqa kanaas deebii hedduu fida jedhamee eegama.
Mandheen saanduqa kanaa guutummaan akkuma jirutti kan jiru yoo tahu, meeshaan sagalee waraabu garuu gariin miidhaan irra gahuu suuraan ejensiin kun baase agarsiisa.
Bu'aan qorannoo marroo jalqabaa guyyoota muraasa fudhachuu danda'a jedhameera.