Balaa Xiyyaaraa ET302: ''Kaappiteen Yaareed gootummaasaatu yaadatamuu qaba''

''Waa'ee Yaared waantin ani ibsuu danda'u, tapha raagbii nama baayyee dinqisiifatu, sochii qaamaa jaalatas.''

Hiriyaan balaliisaa Xiyyaaraa Itoophiyaa Boeing 737 ET 302 dilbata kaleessaa caccabee Hasan Kateendii akkas jedhee ibse.

Hasan hiriyaa balaliisaa waggoota 11'f muuxannoo qabuti, Firaans keessa mana nyaataa Geej jedhamutti walargu turan.

Tapha raagbii kanatu walitti isaan fide.

''Yeroo xumuraaf sa'aatii 2fi walakkaaf wal arginee waa'ee hiriyaa keenyaa daandii xiyyaaraa biroo keessatti hojii argatee waliin haasa'aa turre'' jedhe.

Balaliisaan Xiyyaaraa Yaared Keeniyaatti dhalate. Abbaan isaa lammii Keeniyaa yoo ta'u, haatisaa lammii Itoophiyaati.

Ijoollummaasaa Keeniyaatti dabarsee, booda gara Itoophiyaatti imaluun barnoota sadarkaa 2ffaa barate.

Achumatti giddugala leenjii balaliisummaa seenee barate.

Kanaaf Hasan ''Yaared hidda dhalata biyyoota lamaarraa akka qabu nan beeka,'' jedha. Gaafa jalqaba konkolaataa dullattii kan Abbaasaatii oofu wal barre. ''Afaan Kiswaahiliin na dubbise'' jedha.

''Yaared nama gammadaa seequu jaalatu, Keeniyaas ni jaalata, ani lammii biyya lachuuti jedhee dubbata.''

'Afaan Amaaraa, Kiswaahilii fi Ingilizii bareechee haasa'a.'

'Midiyaalee hawaasarratti waa'ee xiyyaaraa gaafan dhaga'u hiriyaakoo Yaared balaa kanaan miidhamu hin yaadne ture,' jedhe.

''Wayitan oduu caccabuu xiyyaaraa dhaga'un maqaa balaliisaa Yaared arge. Maqaa nama biroo ta'a jedheen yaade, garuu balaa sukanenneessaadhan jechaa ture.

Galgala hiriyaa koo biraatu waa'ee Yaared dhageessee naan jedhe? lakkii, lakkiiin... jedheen, akkamitti ta'an jedhe, sana booda hirriban dhabe, amanuufin rakkadhe.

Yaared gootummaasaatu yaadatamuu qaba, '' jedha Hasan.

Ogeessa sirnaan leenji'ee, balaa kana hambisuuf amma sekondii xumuraatti waan beeku hunda akka raawwatu nan amana,'' jedhe hiriyaan isaa Hasan.

Muuxannoo Yaareed

Balaliisaa Yaareed Mulugeetaa ALA bara 2007 hojii xiyyaara balaliisuu eegale.

Ergasii raawwii ajaayibsiisaa galmeessisaa tureera.

Erga hojii eegalee sa'atiiwwan 8,000f qilleensarra xiyyaara balaliiseera.